DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan qorataa misooma midhaanii bara 2024 jedhamuun filataman

Finfinnee, Hagayya 28/2024 – Yuunivarsiitiin Ameerikaa ‘Parduu’ jedhamu dhalataa Itoophiyaa kan ta’an Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaatin ‘Legend of Agronomy’ bara 2024 gochuun filate. Badhaasni kun namoota hojiilee qonnaa fi misoomsa midhaanii irratti qorannoo olaanaa gaggeessaniif kan laatamudha. 

Prof. Gabbisaan hojii qorannoo isaaniin sanyii bisingaa haala qilleensa gogaa, dhibee fi ilbiisota dandamachuu danda’u argachuu isaaniin sadarkaa idil addunyaatti badhaasa beekamtii garagaraa argataniiru. 

Yeroo adda addaatti badhaasa olaanoo 17 kan argatan piroofeesarri kun, dhiheenya kana badhaasa ‘Order of Griffin’, akkasumas badhaasa medaaliyaa biyyaaleessaa saayinsii Ameerikaa argataniiru. 

Sagantaa badhaasa biyyaaleessaa Ameerikaa Onkoloolessa 23, 2023 masaraa mootummaa Ameerikaatti gaggeeffameen badhaasa medaaliyaa saayinsii Pireezdaant Joo Baayidan harkaa fudhataniiru. Haaluma kanaanis Piroofesar Gabbisaan qorattoota 21 Ameerikaa Pireezdaant Joo Baayidan irraa badhaasa fudhatan keessaa tokko ta’aniiru.

Guyyaa kaleessa ammoo Yuunivarsiitii Parduutti qorataa midhaanii waggaa kana jedhamuun badhaafaman.

Hojiilee qorannoo isaatiin alattis dhaabbilee biyyaalessaa fi idil-addunyaa 70 ol gorsuun bu’aa qorannoo 200 ol maxxansaaf oolchaniiru. Kana malees, miseensa kabajaa Faawundeeshinii Rookfeelar, Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO), fi Warraaqsa Magariisaa Aliyaans ta’aniiru.

Qorataan dhaabbata Rookfeelarii fi Faawundeeshinii Meelindaa Geetis waliin ta’uun hojjetan kun, kanaan dura “Badhaasa Nyaata Addunyaa” injifachuun isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button