
Finfinnee, Amajjii 30/2025 – Poolisiin bulchiinsa Puuntlaand naannichatti lammiileen Itoophiyaa ajjeefamaniiru jechuun gabaasaalee bahaa jira “soba” jechuun haale. Haa ta’u malee, “taatee xiqqaan” namoonni godaantota irratti dhagaa darbatan akka mudate eeruun, namoonni gocha kana raawwatan “to’annaa jala oolaniiru” jedhe.
Poolisiin Puuntland maxxansa miidiyaa hawaasaa Amajjii 29 baaseen, “Puuntlaand keessatti lammiin Itoophiyaa tokkollee hin ajjeefamne” jechuun gabaasaaleen dhiyaatan sirrii miti jechuun kuffiseera. Itti dabaluudhaanis, mootummaan gocha akkasii akka hin raawwatamne kan akeekkachiisu ta’uu eeruun, “jiraattota hunda eeguuf” kutannoo akka qabu ibseera.
Poolisiin bulchiinsa Puuntlaand ibsa kana kan baase, guyyoota lama keessatti lammiileen Itoophiyaa sadi “garee shororkeessaa ISIS keessa hirmaatan” jedhamanii ajjeefamuu fi namoonni kumaan lakkaa’aman hidhamuu dhalattoonni Itoophiyaa Puuntlaand jiraatan Addis Standard’tti himuu isaanii hordofeeti.
Keessattuu magaalaa guddoo Puuntlaand kan taate Gaarowee dabalatee magaalota kanneen akka Bosaasoo fi Kalkawwee keessatti ajjeechaa, hidhaa, reebicha fi saamicha baqattoota Itoophiyaa irratti raawwatamu hammaachuu dhalattoonni Itoophiyaa kunneen himaniiru.
Jalqaba Amajjii 25, 2025 dhalataan Itoophiyaa tokko qaama nageenyaa mootummaatiin kan ajjeefame yoo ta’u guyyaa itti aanu Amajjii 26 immoo lammiileen Itoophiyaa lama magaala Bosaasoo keessatti “uummataan reebamanii” ajjeefaman.
Sababiin ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa kanneenii himata Itoophiyaanonni “garee shororkeessaa ISIS [naannichatti Daa’iish jedhamuun beekamu] keessatti hirmaataniiru” jedhuun ta’uu jiraataan Addis Standard dubbise tokko himeera.
Humnoonni nageenyaa mootummaa bulchiinsa Puuntlaand “lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman” mana hidhaatti galchaa jiraachuu kan eere jiraataan tokko, magaalaa Gaarowee keessatti qofa lammiilee Itoophiyaa 500 ol ta’an mana hidhaatti ugguramanii akka argaman himeera.
Baqattoonni Itoophiyaa bulchiinsa Puuntlaand keessatti jiraatan rakkoo akkasii isaan mudachaa akka jiru himachaa turaniiru. Ji’a Waxabajjii 2024 keessa mootummaan bulchiinsa Puuntlaand, lammiileen Itoophiyaa waraqaa baqattummaa seera qabeessa hin qabne atattamaan gadhiisanii akka bahan ajaja dabarsuu ni yaadatama.
Kana malees, jalqaba bara 2024 mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu hordofee lammiilee Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiraatan irratti doorsisa fi miidhaan gahaa jiraachuu Addis Standard gabaase ture. AS