ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: "Qaamni Itoophiyaa tuquu barbaadu kamuu si'a kudhan itti yaaduu qaba" - MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 08/ 2024 – Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad “biyyi kamiyyuu yeroo Itoophiyaa tuquu barbaadu al tokko osoo hin taane si’a kudhan itti yaaduu qaba” jechuun dubbatan.

MM Abiy guyyaa kaleessa Fulbaana 08, 2024 sadarkaa biyyaalessaatti kan kabajame “Guyyaa Birmadummaa” irratti haasawaa taasisaniin, fedhiin Itoophiyaa nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu ta’uu ibsuun, “humnoota kana darbanii dhufan garuu Itoophiyaan ofirraa qolatti,” jedhan.

“Itoophiyaan seenaa keessatti eenyullee weerartee hin beektu” kan jedhan MM Abiy, itti dabaluun “warra fagoos ta’e dhiyoo jiran akka nu hubatan kaniin barbaadu… kan nu tuqu qaanessine deebisuun kan ittiin beekamnu” jedhan.

MM Abiy Ahimad haasawaa isaaniin gama Itoophiyaa irraa fedhiin waraanaa akka hin jirre eeruun, “Itoophiyaan seenaa ishee keessatti ollaa isheerratti dhukaaste hin beektu. Birmadummaa fi kabaja Itoophiyaa irratti garuu mariif hin teenyu,” jedhan. 

Biyya Itoophiyaa irratti weerara raawwachuu danda’u maqaadhaan eeru baataniis, haasawaan isaanii kun kan dhagahame waliigaltee waraanaa Somaaliyaa fi Masriin tibbana irra gahan hordofee Kaayiroon loltoota ishee Moqaadishoo erga bobbaaste boodadha. 

Amajjii 2024 Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannoo ulaa galaanaa mallatteessuun Somaaliyaa dheekkamseera. Kana malees, dhiyeenya kana xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 lama magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo qubachuu hordofee muddamni Gaanfa Afrikaa hammaateera.

Kana hordofee mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii darbe baaseen, Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe ibsi Ministeerri Dhimma Alaa kun, Itoophiyaan naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.

Bulchiinsi of-bulchuu labsite Somaalilaandis, waraanni Masrii Somaaliyaa keessa bobbaafamuun “rakkoo nageenya Gaanfa Afrikaa hammeessa” jechuun cimsitee kan mormitu ta’uu ibsiteetti. AS

Related Articles

Back to top button