Gulaallii: Qaamoleen nageenyaa gocha maallaqaaf jecha nama ugguruu dhaabsisuu dadhabuun isaanii rakkoo biyyaalessaati. Yeroon tarkaanfiin fudhatamu qabu amma!
Finfinnee, Adoolessa 19/2024 – Taatee gaddisiisaa fi yeroorraa gara yerootti baratamaa dhufeen, lammiileen Itoophiyaa ammas jalqaba baatii kanatti oduu baay’ee nama dhiphisu dhagahan. Barattoonni yuunivarsiitii 150 ol ta’an naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa naannoo magaalaa Garba Gurraachaatti hidhattootaan ukkaamfaman. Barattoonni kunneen Yuunivarsitii Dabaarq kan naannoo Amaaraa keessatti argamu irraa gara magaala Finfinneetti imalaa kan turan.
Gocha ukkaamsa barattoota kana booda osoo hin turiin hidhattoonni kunneen maatilee barattoota butaman maallaqa gaafachuu akka jalqaban maxxansa Addis Standard dabalatee gabaasaaleen biroo mul’isaniiru. Maatileen harka qalleeyyii jireenya isaanii gaggeessuuf rakkataa jiran maallaqa kana kaffaluuf dirqamaniiru.
Qaamoleen nageenyaa gocha maallaqaaf jecha nama butuu dhaabsisuu dadhabuu isaanii rakkoo biyyaalessaati. Yeroon tarkaanfiin fudhatamu qabu amma!
Itoophiyaa keessatti lammiileen miliyoonotaan lakkaa’aman yakka gaddisiisaa maatii bittinsuu fi hawaasa laamsheessaa jiru kanaan akka hin saaxilamneef sodaa keessa jiraachuun isaanii amma dhugaa hin haalamne ta’eera.
Taateen barattoota yuunivarsitii butuu kuni kan jalqabaa miti. Muddee bara 2019 dubartoonni Yuunivarsitii Dambi Doolloo hidhattootaan butamuun lammiilee Itoophiyaa hedduu naasisuun dhimma biyyaaleessaa ta’ee ture; garuu ergasii furmaata osoo hin argatiin jira. Ergasii taateen walfakkaatoon hedduu keessumaa naannolee kan akka Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Tigraay fi Gaambeellaa keessatti irra deddeebiiin mudataniiru.
Itoophiyaa keessatti lammiileen miliyoonotaan lakkaa’aman yakka gaddisiisaa maatii bittinsuu fi hawaasa laamsheessaa jiru kanaan akka hin saaxilamneef sodaa keessa jiraachuun isaanii amma dhugaa hin haalamne ta’eera. Mudannoon kunneen kufaatii sirna tika nageenyaa sadarkaa federaalaa fi naannoo gama nageenya lammiilee eegsisu irratti mudate kan agarsiisuudha.
Mootummaan Itoophiyaa Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee dameelee tika nageenyaa haaromsuufi ammayyeessuuf waadaa hedduun haagalu malee, rakkoo dabalaa dhufe kanaaf furmaata kennuu hin dandeenye. Kunis bulchiinsa, olaantummaa seeraafi nageenya hawaasaarratti yaaddoo uumeera.
Kanaafuu gochi maallaqaaf jecha nama nagaa butuun dhimma yakkaa qofa osoo hin taane, taatee kufaatii sirnaa gadi fageeffate kan calaqqisiisudha. Dhimmi kun yeroo qaamoleen seera kabachiisan rakkoo nageenya jiru furuuf dhimma hin qabneefi malaammaltummaadhaan guutaman keessatti argama.
Waggoota jahan darban keessa maxxansa kana dabalatee miidiyaalee garaagaraan gabaasaalee furiidhaaf nama butamuun baay’ee gabaafamee osoo jiruu yakkamtoonni carraan qabamuu fi seeratti dhiyaachuu isaanii gadi aanaa akka ta’e waan beekaniif gocha akkasii raawwachuu itti fufaniiru. Haalli kun yakkamtoonni heddu yakka kanarratti bobba’uun hokkora fi saamichi akka babal’atu taasiseera.
Qaawwi waadaa fi gocha gidduu jiru kun uummatni amantaa dhaabbilee nageenyaa mootummaa hojiin isaanii inni ijoo nageenya lammiilee eeguu ta’e irratti qabu akka gadi bu’uu taaiseera. Akkasumas yakkamtootaaf karaa saaquun yakka kana gara hojii bu’aa guddaa argamsiisutti jijjiiraa jira.
Walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa gaggeeffamaa jiru dabalatee dhimmoota taateen yakkaa kun akka babal’atu sababa ta’an eeruun ni danda’ama. Haata’u malee, sababni ijoo rakkoo kanaa hoggansi nageenyaa fi siyaasaa biyyattii hammeenya rakkoo kanaaf xiyyeeffannoo laachuuf fedhii dhabuu isaaniiti.
Hololli fi dubbiin sobaa tarkaanfii sirrii gama sirna tika nageenyaatiin fudhatmuu qabu hojiirra akka hin oolle dhugaa jiru uwwisaniiru. Waggaa waggaan, qondaaltonni federaalaa fi naannoo yakka kana irratti tarkaanfii fudhachuuf waadaa kan galan ta’uus, bu’aan qabatamaan mul’ate garuu hin jiru.
Rakkoon waadaa galan kan akka nageenya lammiilee tiksuu dadhabuu kuni uummanni dhaabbilee tika nageenyaa moootummaarraa abdii akka kutatu, misooma biyya keessaa akka dadahbuufi hayyoonni gara biyya alaa akka baqatan taasisaa jira. Taateen kuni hariiroo hawaasa gidduu jiru addaan kutaa jira.
Qaawwi waadaa fi gocha gidduu jiru kun uummatni amantaa dhaabbilee nageenyaa mootummaa hojiin isaanii inni ijoo nageenya lammiilee eeguu ta’e irratti qabu akka gadi bu’uu taaiseera. Akkasumas yakkamtootaaf karaa saaquun yakka kana gara hojii bu’aa guddaa argamsiisutti jijjiiraa jira.
Gochi maallaqaaf jecha nama butuu dhiibbaa diinagdee qofa miti kan geessisu. Rakkoo diinagdee battala maallaqa kaffalameen mudatu bira darbee, yaaddoon uumamu sochii dinagdee, invastimantii biyya keessaa ni danqa. Akkasumas ogeeyyiin dargaggootaa fi abbootiin qabeenyaa naannawaa nageenya qabu barbaacha gara biyya alaa akka baqatan taasisa.
Itoophiyaan rakkoo kana furuuf tarkaanfii hatattamaa, hunda galeessaafi kallattii maraa barbaaddi. Jalqabarratti qaamoleen seera kabachiisan sadarkaa federaalaas ta’e naannootti argaman namoota yakka walxaxaa raawwatan jiraachuu hubachuun, akka rakkoo biyyaalessaatti ilaaluun tika nageenyaa cimsuu qabu. Gareen farra butii gahumsa qabu ijaaramuu qaba. Kana malees, bu’uurri seeraa gama kanaan ilaallatu cimu qaba.
Lammaffaarratti, biyyattiin imaammata yakka kana dursanii ittisuurratti xiyyeeffachuu qabdi. Teekinoolojii ammayyaafi odeeffannoo yakka kana tilmaamuu, ittisuufi deebii laachuudhaaf hojiirra ooluu qabu. Kana malees, tumsi waloo dhaabbilee idil addunyaa waliin taasifamu gocha butuu daangaa ce’ee to’achuuf ni fayyada.
Sadaffaa, hirmaannaan hawaasaa murteessaadha. Karaa miidiyaatiin hawaasaaf hubannoo kennuun hawaasni haala yakka kana ittisuu fi yakkamtoota seeratti dhiyeessuu danda’an irratti gahumsa ni kenna. Hojiin kunis humnoota nageenyaa fi hawaasa gidduu wal amantaa gaarii uumuun yakkamtoonni salphaatti akka hin sochoone taasisa. Haata’u malee, jalqaba mootummaan federaalaa fi naannoo sadarkaa rakkoo kanaaf beekamtii kennuu gaafata.
Dhumarratti, rakkoo yakka kanaaf sababa kan ta’an kan akka hiyyummaa, hojii dhabdummaa furuun murteessaa ta’a. Garuu rakkoo nageenyaa biyyattii mariiidhaan furuun dhimma dursa laatamuufi qabudha. Barruun kun irra deddeebiin rakkoo nageenyaa qaamolee hidhatan hedduu hirmaachise kun karaa nagaatiin akka furamu gaafataa tureera. Mootummaan gocha maallaqaaf jedhamee nama butuu kana dhabsisuu dadhabuun isaa kufaatii imaammata qofa osoo hin taane waldhabdeewwan biyyattii keessa mudatan waliin walqabata.
Mootummaan amantaa ummataa deebisuuf qofa osoo hin taane waadaa bu’uuraa nageenyaa fi tasgabbii lammiilee isaa hundaaf gale kabachiisuuf hojjechu qaba.
Yeroon ofitti gammaduufi tarkaanfii fudhachuu dhabuun darbeera. Yeroon tarkaanfiin fudhatamu qabu amma! AS