Uncategorized

Oduu: Qophiin ATMIS akka xiiinxalamu Itoophiyaafi Ugaandaan gaafatan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2024 – Qophiin Ergama Ce’umsa Gamtaan Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) keessatti taasifamaa jiru kamiyyuu of eeggannoofi “gadi-fageenyaan” akka xiinxalamu Itoophiyaafi Ugaandaan gaafatan.

Ibsi kuni kan bahe ministeeronni Itoophiyaafi Ugaandaa marii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 79ffaa Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii taasisan hordofeeti.

Ambaasaddar Taayyee Atsqasillaaseen ministeera dhimma alaa Ugaandaa Ambaasaaddar Jeejee Odongoo waliin marii taasisuu ibsi ministeerri dhimma alaa baase ifoomseera.

Marii taasifameen haala erga tika nageenya Gaanfa Afrikaa keessumaa Somaaliyaa keessatti deemaa jirurratti mari’achuun ibsameera. Qophiin ATMIS taasifamu kamiyyuu gadi fageenyaan akka qoratamu ministeerichi akeekkachiiseera.

Masriin ergama bageenyaa Gamtaa afrikaa Somaaliyaa kessatti taasisuu deeggaruuf jechuun meeshaa waraanaa gurguddaa Somaaliyaatti erguun shee ni yaadatama. Kana malees, loltoota 10,000 ta’an ergama kanaaf gumaachuuf karoorfachuun gabaafameera.

Masriin ergama kana sabbabeeffachuun olaantummaa Itoophiyaan ATMIS keessatti qabdu xiqqeessuuf yaaddee hojjachaa jirtis jedhame.

Masriin dhimma Iijaarsa hidha haaromsaatiin walqabatee Itoophiyaa waliin waldhabdee keessa galteerti. Waliigaltee yaa’a bishaan Naayilis hin mallatteessine.

Akkasumas, dimma itti fayyadama bishaan Naayiliin walqabatee ambaasaddara Ruwaandaa waliin mari’achuun eerameera. Ruwaandaan waliigaltee kanarratti eejjannoo Itoophiyaan walfakkaataa ta’e akka qabattus mari’achuu ibsameera.

Akkasumas, Sudaan kibbaa waliigaltee kana paarlaamaan raggaasisuunshee fayyadama walqixxummaafi haqaatiif fedhii kan qabdu ta’uu akka agarsiisu Ambasaaddar Taayyeen himaniiru.

Ministeeronni lamaan akkaataa waliigaltee kanaatiin waloon hojjachuuf waliigalaniiru jedhame. AS

Back to top button