ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Qoqqoodiinsa hoggansa TPLF gidduu uumame fi malaammaltummaan rakkoo Tigraay hammeessaa jira - Geetaachoo Raddaa 

Finfinnee, Adoolessa 30/2024 – Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi Itti aanaan Dura taa’aa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa hoggansa paartii isaanii qeeqaniiru. Karoora bulchiinsi naannichaa akka hin milkoofne taasisuu keessatti, akkasumas tasgabbii dhabuu, malaammaltummaa fi hojimaata badaa naannicha keessa babal’ateen hoggansa paartichaa himataniiru. 

Obbo Geetaachoo Raddaa gaaffii fi deebii miidiyaa naannichaa ‘Dimtsi Wayyaanee’ waliin taasisaniin, rakkoolee gama hedduun naannichi mudachaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Naannichi rakkoo guddaa keessa akka jiru kan kaasan Geetaachoon, “rakkoo kanaafis sababni guddaan hoggansi TPLF nagaa fi nageenya ummataa caalaa dantaa dhuunfaa isaaf dursa kennuu isaati” jechuun qeeqan.

Yakkamtoonni toora namoota biyyoota alaa irraa dhufan of keessatti hammate hundeessuun hannaa fi saamicha warqee fi albuuda biroo gaggeessaa jiraachuu isaanii eeruun, sochiiwwan kunneen ”naannichi akka faalamu, loowwan akka summaa’anii fi naannichatti walitti bu’iinsa uumuuf sababa ta’eera,” jedhan preezdaantichi.

Qaamolee malaammaltummaa keessatti hirmaatan dhaaba siyaasaa kamuu yoo deeggaran, akkasumas gumaacha kanaan dura qaban osoo hin ilaalin akka itti gaafataman goona jedhan.

Rakkoon nageenyaa naannichaa hammaataa dhufeef sababoonni ijoon “bulchiinsa sadarkaa sadarkaan jiru gidduu walhubannaa jiraachuu dhabuu, akkasumas bulchiinsa naannichaa, humnoota nageenyaa fi dhaabbilee haqaa gidduutti qindoominni jiraachuu dhabuu” ta’uu akeekaniiru.

“Hoggansa TPLF keessatti qoqqoodinsi uumame haalli jiru daran akka hammaatu taasiseera” jedhan.

Bulchiinsi Yeroo naannichaa hojiisaa akka hojjetuuf hoggansa paarticha irraa deeggarsa akka hin arganne kan eeran Obbo Geetaachoon, “bulchiinsi yeroo naannichaa erga hundeeffame torbanitti hoggantoota olaanoo paartichaa irraa ‘baandaa’ jedhamee irratti duulamaa ture” jedhan. 

“Duulli maqaa balleessii kun qondaaltota bulchiinsa yeroo hunda akka diinaa fi baandaa taasiseera” jedhan.

Paartichi yaa’ii gaggeessuu qaba jedhanii akka amanan kan eeran Geetaachoon, “hoggansi paartichaa amma jiru garuu aangoo dhuunfachuuf malee dhaabicha fooyyessuuf miti” jechuun qeeqan. Sagantichi iftoominaa fi qabiyyee akka hin qabne himaniiru.

Paartichi yaa’ii gaggeessuu isaatin dura Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi mootummaa federaalaa waliin tumsuun paartichi beekamtii seera qabdummaa akka argatu taasisuu akka barbaachisu dubbataniiru. 

Yaa’iin gaggeeffamuus qormaatilee naannichi keessa jiru haala furuun danda’amu irratti xiyyeeffachuu akka qabu eeran. 

Dura taa’aan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/mikaa’el ibsa tibbana laataniin, paarichi seera qabeessummaan isaa akka deebi’uuf boordii filannoof xalayyaa galfachuu fi torban lama keessatti deebii arganna jedhanii akka eegan ibsanii turan. 

Kana malees, paartichi beekamtii seera qabeessummaa waraana dura qabutti akka deebi’u malee akka haaraatti galmaa’u akka hin barbaanne himan. 

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannichaa Geetaachoo Raddaa garuu “wanti kun odeeffannoo sobaati” jedhan. “Xalayaan paartichi boordii filannoof galche labsii haaraa fooyya’e eeruudhaani. Miseensota paartichaa fi uummata dogoggorsuun sirrii miti,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button