DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Reeffi namoota saddeet hanga ammaa hin argamne, barbaachi itti fufeera: Bulchiinsa Aanaa Gazzee Goofaa

Finfinnee, Adoolessa 29/2024 – Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gazzee Goofaatti balaa sigiga lafaa torban darbe qaqqabeen hanga ammaatti reeffi namoota saddeet akka hin argamne bulchiinsi aanaa Gazzee Goofaa ibse. 

Hogganaan Kominikeeshinii Aanichaa Obbo Ya’aalam Marihnah Addis Standard’tti akka himanitti, reeffa nama balaa sigigachuu lafaa marsaa jalqabaan du’an kaleessa kan argame yoo ta’u, ilma isaanii dabalatee reeffa namoota saddeet hanga ammaatti hin argamne. 

Balaa sigiga lafaa lubbuu namoota 250 ol galaafate kanaan reeffa achi buuteen isaanii dhabame barbaadu itti fufuu kan eeran Obbo Ya’aalam, hojii reeffa barbaaduu cinaatti guyyaa har’a bakka hawaasni naannichaa argametti sagantaan yaadannoo akka gaggeeffamu ibsaniiru. 

“Kutaalee hawaasaa balaadhaaf saaxilamoo ta’an waaraan iddoo biraatti qubachiisuuf tattaaffiin taasifamaa jira,” kan jedhan itti gaafatamaan kominikeeshinii aanichaa, ogeeyyiin qorannoo lafaa namoota balaaf saaxilamoo jedhamanii adda baafamaniif iddoo jijjiirraa argachuuf qorannoo adda addaa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. 

Balaa sigiga lafaa godina Goofaatti mudate hordofee Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa gadda biyyaalessaa guyyoota sadii Adoolessa 20, 2016 ALI eegalee hanga har’aa turu labseera.

Waqtiin gannaa seenuu walqabatee naannolee biroottis balaan walfakkaataa mudachaa jira. 

Naannoo Sidaamaa godina Giddugala Sidaamaa aanaa Wanshootti rooba cimaa Adoolessa 21, 2016 ALI roobe hordofee sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota jaha darbe.

Aanaa Wenshootti namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbe ala namoonni jaha biroo irratti miidhaan qaqqabuun biiroon kominikeeshinii naannichaa ibseera.

Kana malees, Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaa godina Kaafaa aanaa Dechaatti Adoolessa 17 halkan roobe hordofee balaa sigiga lafaa mudateen miseensota maatii tokko keessa lubbuun namoota sadii darbeera.

Haaluma walfakkaatuun, naannoo Kibba Itoophiyaa godina Bench Shakkoo aanaa Guraafardaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota sadi darbeera. AS

Related Articles

Back to top button