DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Sababa kirkira lafaatin jiraattonni naannolee sadii gara 100,000tti siqan qe’eerraa buqqa’an 

Finfinnee, Amajjii 23/2025 – Kirkirri lafaa giddugala isaa naannawa Awaash Fantaalleetti godhachuun irra deddeebiin mudachaa jiruun Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti jiraattota kuma 10tti siqan qe’ee isaanirraa buqqa’aniiru.

Buqqa’iinsi jiraattota naannichaa kun kan naannoo Affaaritti namoota 60,000, naannoo Oromiyaatti ammoo 20,000 buqqa’an waliin dabalamee, waliigalatti lakkoofsi namoota kirkira lafaa tibbana naannolee sadeen keessatti mudateen qe’ee isaanirraa buqqa’an gara kuma 100tti akka siqu taasiseera.

Federeeshiniin Waldaalee Fannoo Diimaa fi Ji’a Diimaa Idil Addunyaa (IFRC) akka ibsetti, naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa keessatti Xaarmaabar, Efraataana Gidim, fi Hagaramaariyaam dabalatee aanaaleen 38 olitti sababa kirkira lafaatiin qabeenya irratti miidhaa cimaan irra ga’uu ibseera.

“Walumaagalatti maatiin 2,139 (namoonni 9,995) kallattiin miidhamaniiru, buqqa’aniiru,” jechuun IFRC ibseera. “Manneen 360 ol miidhamuun kan gabaafame yoo ta’u, lafti qonnaa hektaara 908 fi daandii kiiloo meetira 23 ta’us barbadaa’eera.”

Dhuma baatii Fulbaana bara 2024 irraa eegalee, holqi guddicha Itoophiyaa naannolee Affaar, Amaaraa, fi Oromiyaa hammate, kirkira lafaa irra deddeebiin mudateen miidhameera. 

Kirkirri lafaa kun dhuma Muddee 2024tti cimuu eegale. Amajjii 8 fi 10 gidduutti kirkirri lafaa 18, Rektar Iskeelii 4.4 hanga 5.3 kan galmaa’e yoo ta’u, kunis torban tokko keessa kirkirri lafaa mudate waliigalaa 50 geessiseera. Inni cimaan, Rektar Iskeelii 5.8, Amajjii 4 naannawa gaarreen Dofanitti mudate.

Akka IFRC jedhutti naannoo Affaar keessatti namoonni tilmaamaan kuma 60 ta’an kirkira lafaa dhiheenya kana mudateen miidhamaniiru. Kanneen keessaa namoota 25,000 aanaa Awaash Fantaallee, 15,000 ammoo aanaa Dullachaa irraa baafaman dabalatee kanneen 40,000 ta’an bakka biraatti qubsiifamaniiru.

Naannoo Oromiyaa aanaa Fantaallee gandoota torba keessaa namoota 27,120 ta’an kirkira lafaa kanaan kan miidhaman yoo ta’u, namoonni 20,720 gara kaampiiwwan buqqaatota yeroo (IDP) 11tti qubsiifamaniiru. Bakkeewwan kunneen manneen barnootaa fi dhaabbilee biroo naannoo balaa guddaa qabu irraa fagaatanii argaman ta’uu dhaabbatichi ibseera.

Torban darbe namoonni balaa kanaan qe’ee isaanii irraa buqqa’an nyaata, bishaanii fi dhiyeessii barbaachisoo ta’an biroo gahaa argachuu dhabuu isaanii iyyachuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button