ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Sa’udi Arabiyaan bara 2024 keessatti lammiilee Itoophiyaa torba du’aan adabde

Finfinnee, Sadaasa 1/2024 – Saa’udi Arabiyaan bara 2024 keessa qofa lammiilee Itoophiyaa torba dabalatee lammiilee biyya alaa 100 ol du’aan adabuu ishee Ajaans Firaans Pirees (AFP) miidiyaalee biyyattii wabeeffachuun gabaaseera. 

Lammiileen biyya alaa bara kana ajjeefaman keessaa 21 Paakistaan, 20 Yaman, 14 Siiriyaa, 10 Naayijeeriyaa, 9 Masrii, 8 Joordaan, 7 Itoophiyaa irraa kan dhufan ta’uu gabaafameera. 

Kana malees Sudaan, Hindii fi Afgaanistaan ​​tokkoon tokko isaanii irraa sadii, akkasumas Siriilaankaa, Eertiraa fi Filiippiinsii irraa nama tokko tokko ajjeefamaniiru.

Kibba lixaa biyyattiitti kan argamtu bulchiinsa Naajiraan keessatti qoricha sammuu namaa hadoochu gara Sa’udii Arabiyaatti galchuun kan himatame lammiin Yaman tokko Sanbata darbe du’aan adabamuu hordofee lakkoofsi lammiilee alaa barana ajjeefaman 101 gaheera. 

Bara 2023 keessa qofa lammiileen biyya alaa 34 Sa’udi Arabiyaa keessatti du’aan adabamaniiru. Bara 2022ttis lakkoofsi kun walfakkaataadha. Kan bara kanaa waggoota lamaan darban irraa dachaa sadiin kan dabale ta’uu ibsameera.  

Dhaabbata Mirga Namoomaa Awurooppaa-Sa’uudii (ESOHR) teessoo isaa Barliin godhate, raawwiin murtii du’aa kan bara kanaa riikardii cabsuu ibseera.

Daarektarri dhimma seeraa dhaabbatichaa Xaha al-Haji, “kun murtii du’aa olaanaa lammiilee biyya alaa irratti murtaa’eedha.Kanaan dura Sa’udiin waggaa tokkotti lammiilee biyya alaa 100 du’aan adabde hin beektu” jedhan. 

Adabbiin du’aa lammiilee biyya alaa irratti raawwatamu waggaa kana keessa kan dabale sababa yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee akka ta’e gabaasni Ajaans Firaans Pirees mul’iseera. 

Waggaa kana keessa sababa yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee namoonni 92 irratti murtiin du’aa kan raawwatame yoo ta’u, isaan keessaa 69 lammiilee biyya alaati.

Dippilomaatonni fi leellistoonni jijjiiramaa akka jedhanitti, lammiileen biyya alaa sanadoota mana murtii argachuu dabalatee murtii haqa qabeessa argachuuf qormaata guddaa isaan mudata.

Oomisha boba’aan kan badhaate Sa’udii Arabiyaan bara 2023tti hidhamtoota du’aan adabuutin Chaayinaa fi Iraanitti aantee sadarkaa 3ffaarra akka turte falmaan mirga namoomaa Amnastii Intarnaashinaal ibseera.

Biyyattii keessatti bara 2024 lakkoofsi namoota murtiin du’aa raawwatame hanga ammaatti 274 ga’uu gabaasni tajaajila oduu Faransaay ni mul’isa. AS

Related Articles

Back to top button