Seenessa: Itoophiyaa keessatti wal’aansoo Qaroo-dhabdummaa Korniyaa Ijaa waliin godhamu
Mollaa Mitikkuutin @MollaAyenew
Finfinnee, Muddee 26/2023 – Guutummaa Itoophiyaa keessatti babal’atee kan jiru qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa, namoota fi hawaasa hedduu irratti miidhaa xiqqaa hin jedhamne geessisaa jira. Haalli kun dandeettii ilaalu qofa osoo hin taane, bilisummmaa, carraa fi walitti dhufeenya murteessaa namootni hawaasa isaanii waliin qabu malan ni daangeessa. Sababa hanqina ragaa biyyoolessaa dhiheenya kanaa irraa kan ka’e lakkoofsi sirrii ta’e kan hin argamne ta’uus, lammiileen Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa’aman haala kanaa waliin wal’aansoo itti fufaniiru jechuun ogeeyyiin ni tilmaamu.
Dhiibbaan qaroo dhabdummaan korniyaa ijaa jireenya namoota dhuunfaa bira darbee dhiibbaa hawaasummaa, rakkina dinagdee fi dhiphina sammuu qaba. Yunivarsiitii Finfinneetti ogeessa baqaqsanii hodhuu korniyaa ijaa kan ta’an Dr. Mulugeetaa Damissee dhukkuba kana ittisuuf ragaa sirrii ta’e baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsa. “Odeeffannoo amanamaa babal’ina qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa irratti yoo hin jiraanne, furmaata bu’a qabeessa ta’e hojiirra oolchuu fi qabeenya gahumsaan ramaduun hin danda’amu,” jedhan.
Haata’u malee, qormaanni kun hundi jiraatus, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkasumas qaamolee quuqama qaban dhukkubsattonni deebi’anii arguu akka danda’aniif carraaqqii nuffii hin qabne taasisan abdii kan horuudha. Akka Dr. Mulugeetaa jedhanitti, Baankiin Ija Itoophiyaa hospitaalota waliin ta’uun bara 2013 hanga 2022 gidduutti namoota 2,177 oliif jijjiirraa korniyaa ijaa mijeessee jira. Bu’aawwan dinqisiisoo kunneen ija namaa deebisuu qofa osoo hin taane, abjuu bade deebisee qabsiisuun namoota dhuunfaa addunyaa isaan marsee jiru waliin akka qunnaman taasiseera.
Qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa ittisuuf carraaqqiin hedduu godhamus, dhugaan cimaan tokko jira: innis fedhiin korniyaa ijaa dhiyeessii jiru irraa baayʼee caaluudha. Itti gaafatamtuun Olaanaa Baankii Ijaa Itoophiyaa Liyaa Tikaaboo, qormaata itti fufee jiru kana haala nama gaddisiisuun yeroo ibsitu, “waggoota kurnan lamaan darban keessatti korniyaa ijaa 3,200 ol walitti qabnee dhukkubsattoota raabsineerra, waggaa waggaan korniyaa ijaa 200 hanga 300 gidduutti raabsina. Haa ta’u malee, adeemsi kun qabeenya guddaa waan barbaaduuf qaawwi jiru ammallee guddaadha,” jette.
Garaagarummaan kun namoota dhuunfaa heddu kan akka Taarikuu Huseen, carraa addunyaa kana ija ifa ta’een arguuf hawwii guddaa keessa galcha. Taarikuun ijoollummaa isaa gammachuudhaan guutame akka tasaa umurii waggaa torbatti qaroo isaa dhabuun itti dukkanaa’e. Hiriyoonni isaa, yeroo tokko hiriyyoota isaa kanneen adeemsa gammachuu fi kolfa keessa turan, duubatti deebi’anii, rakkoo kana keessa isa dhiisan.
Ta’us, abdii kutannaa sana gidduutti, Taarikuu keessaa cichoomina mul’ata. Dukkana sanatti harka kennachuu dide, kanaa mannaa lubbuun jiraachuu qofa osoo hin taane, guddachuuf fedhii olaanaa jiraachuu filate. Hafuurri hin mo’amne kun ifa isa qajeelchu ta’ee, daandii gara fuulduraatti deemu ibsee qormaata guddaa fi adda baafamuu isa mudate akka mo’u humna isaaf kenne.
Har’a Taarikuun hafuura jabeenyaan jiraachaa jira. Daangeeffama isa irratti fe’ame mo’uu qofa osoo hin taane, jireenya keessatti daandii adda ta’e mataa isaa bocee jira. Ogummaan teeknishaanummaa qabu amma hafuura abdii kutannaa hin qabne isa keessa jiraatu kan mul’isu yoo ta’u, kunis injifannoo rakkina irratti gonfateef ragaadha. “Namoota biroo qormaata walfakkaataa isaan mudate waliin ta’uun amma ogummaa kootin namoota biroo daandii mataa isaanii gara ifaatti geessu irratti akka qajeelchan gorsaan jira,” jedhe.
Seenaan Wagaayoo Faxxanaas hafuura cichoomina jabaa mul’isa. Umurii isaa waggaa afuriitti qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa qabaachuun isaa yeroo adda baafamu addunyaan isaa haala nama gaddisiisuun halkan dhuma hin qabne keessa lixe. Dukkana kana keessatti waggootaaf jiraate.
Taʼus, bara 2008tti abdiin tokko dukkana sana keessaa mul’ate. Wagaayyoon bara sana ija isaa tokkoof jijjiirraa korniyaa ijaa argateen ijji isaa deebi’ee ifa arguu eegale. “Kennaa gatii guddaa qabu kun fedhii beekumsaa fi kutannoo gufuu kamiyyuu mo’uuf dandeessisu na keessa horee,” jechuun dubbate.
Haa ta’u malee, bara 2014tti jijjiirraan koniyaa ija lammataa yeroo fashalaa’e hireen hamaa isa mudate. Wanti kun jiraatus, hafuurri Wagaayyoo hin raafamne. Dukkanaan nyaatamuu mannaa barnoota isaa hordofuu filate, hafuurri cichoomina mataa isaa warra kaaniif daandii ibse. Rakkoon mudatus hafuurri namaa qormaata moʼuu hin dandeenye fakkaatu moʼuu akka dandaʼu argisiisuudhaan ibsaa abdii taʼeera.
Dr. Edan Tafariin miidhaa qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa geessisu muuxannoo ofiisheen beekti. Wal’aansoo dhukkuba ijaa ‘keratoconus’ jedhamu waliin dabarsite deebitee yeroo yaadattu, namoota korniyaa ijaa isheef kennaniifi ogeessota yaalii baqaqsanii hodhuu isheef raawwatan galateeffatti.
Seenaan ishee akkuma Taarikuu fi Wagaayyoo seenaa cichoomina nama barsiisuudha. Namootni sadan kunniin of kennuu isaanii isa hin raafamnee fi deeggarsa nuffii hin qabneen egeree dukkana itti mo’atuuf karaa saaqaa jiru.
Waldaan Jjjiirraa Korniyaa Ijaa Itoophiyaa (ECTA) yaala jijjiirraa korniyaa ijaa bira darbee namoota qaroo dhabdummaa kanaan miidhamaniif gorsa, qajeelfama, fi gargaarsa kenna.
Dhiibbaa Geessisu
Itoophiyaan dhibee qaroo dhabdummaa korniyaa ijaatin wal’aasoo qabde jirti. Haalli hamaan kun ija dhaamsa, walabummaa dhabamsiisa, walitti dhufeenya barbaachisaa ta’e addaan kuta, namoota dhuunfaa adda baasuun hawaasummaa fi rakkina dinagdee keessa galcha. Dhiibbaan kun maatii irra bira darbee guutummaa hawaasaa irratti dhiibbaa geessisa.
Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa dukkana kanaan haguugaman sirriitti kan hin argamne yoo ta’u, kuma dhibbaan lakkaa’aman dhiibbaa kanaan akka miidhaman ogeeyyiin tilmaamu. Oomishtummaa hawaasaa gadi hir’isuun hirkattummaa babal’isa.
Ogeeyyiin hanqina gahumsa Waldaa Jijjiirraa Korniyaa Ijaa Itoophiyaa dabalatee gufuulee hedduun damee kana irratti rakkoo miidhamtootaa hammeessaa jiraachuu eeru.
Furmaatawwan
Akka Edan jettutti, qormaatawwan kunneen mo’uuf mala roga hedduu qabu barbaachisa. Gahumsa Baankii Ijaa Itoophiyaa cimsuu fi dambiiwwan sirreessuun dhaabbatichi sochii guddaa akka hojjetu humna isaaf kennuu danda’a. Kuusaa qabbanaa’aa fi toora geejjibaa gahumsa qabu mijeessu dabalatee bu’uuraalee misoomaa ciccimoo ijaaruun qaqqabummaa isaa babal’isuu fi dhiyeessiin barbaachisaa ta’e namoota baay’ee barbaadan bira akka ga’u ni taasisa. Sagantaa barnootaa fi leenjii irratti xiyyeeffachuun ogeessota kunuunsa ijaan ogummaa qaban ijaaruu danda’a. Akkasumas dhumarratti, maallaqa walitti qabuu fi ramaddiin qabeenya Baankiin Ijaa Itoophiyaa meeshaalee fi teeknooloojiiwwan ittisa qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa irratti fayyadan akka argatu mirkaneessuu danda’a.
Mulugeetaan gama isaatiin Itoophiyaan qormaatawwan kunneen adda durummaan furuun, dukkana kana gara abdiitti jijjiiruu dandeessi jechuun ibsa. Dsndeettii ilaalu ijaa deebisuu, namoota dhuunfaa humneessuu, fi funyoo hawaasa walitti hidhu irra deebiin hodhuu dandeenya. Wal’aansoo qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa waliin godhamu dandeettii ilaalu deebisuu qofa osoo hin taane, dandeettii dhala namaa deebisuu fi egeree ifaa lammiilee Itoophiyaa hundaaf ijaaruudha.
“Arjooma korniyaa ijaa jajjabeessuun namoota baay’eedhaaf egeree ijaa argamsiisa,” kan jedhu Mulugeetaan, “malli kan biraa ammoo humna hojjetaa ogummaa qabuu baay’isuu fi dhaabbilee barnootaa waliin tumsa guddisuun ogeeyyii damee kanaa baay’isuu ni danda’ama,” jedhe. Akka Mulugeetaan jedhutti, qorannoo, hordoffii, dambii, to’annoo, hubannoo hawaasaa, misooma humna namaa fi tasgabbii maallaqaa kunneen walitti hidhuun qaroo dhabdummaa korniyaa ijaa ittisuu danda’ama. AS