ODUUSIYAASA

Oduu: Sharafni alaa gabaan murtaa’u walqabatee rakkoo uumamuuf “mootummaan itti gaafatamummaa guutuu fudhata”: Izeemaa

Finfinnee, Hagayya 01/2024 – Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasummaaf sharafni alaa akkaataa fedhii gabaadhaan akka murtaa’uuf murtoo mootummaan dabarse qeeqe. Paartichi, “murtoon kun madaallii kamiinuu yeroo isaa kan hin eegneefi rakkoo biyyaalessaa kan uumuudha” jedhe. 

Paartichi imaammata bulchiinsa sharafa alaa mootummaan hojiirra oolche ilaalchisee ibsa Adoolessa 31, 2024 baaseen,fooyya’insi diinagdee kun qaala’insa jireenyaa dabaluun keessattuu lammiilee galii gadi aanaa qaban balaadhaaf kan saaxilu ta’u ibse. 

“Mootummaan sharafa alaa akkaataa gabaan akka murtaa’u murtee dabarse hordofee biyya fi uummata irratti rakkoo diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa gahuuf itti gaafatamummaa guutuu ni fudhata,” jechuun hubachiiseera. 

Tarkaanfiin mootummaan fudhate qaala’insa jireenyaa dabaluu fi rakkoo hamaa akka fidu muuxannoo biyyoota biroo irraa ifatti hubachuun ni danda’ama jedhe.

Akkaa biyyaatti oomishtummaa dabaluun rakkoo diinagdee biyyattiif furmaata jedhee akka amanu kan ibse paartichi, kana galmaa’an ga’uuf rakkoon nageenyaa fi siyaasni biyyattii danqaa ta’uu eere. 

“Dhugaan jiru kana ta’ee otoo jiruu “Itoophiyaan gara fooyya’insa diinagdee guutuutti galuu ishee” eeruun sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa’u taasifamuun isaa rakkoo hanqina sharafa alaa biyyattii takkaatti akka furuu godhanii miidiyaaleen uummataa gabaasuun isaanii ajaa’iba,” jedhe ibsichi. 

Itoophiyaan jalqaba torban kanaa imaammata gatiin sharafa alaa akkaataa fedhii gabaan akka murtaa’u godhu hojiirra oolchuu hordofee gatiin bittaa fi gurgurtaa sharafa alaa adeemsa keessa ol ka’iinsa agarsiisaa jira.

Baankiin Daldala Itoophiyaa gatii bittaa fi gurgurtaa sharafa alaa Roobii waaree booda baaseen, Dolaarri Ameerikaa tokko birrii 80.0203 bitamee birrii 81.6207 gurguramaa oole. Kunis gatii sharafa alaa guyyaa tokko dura ture irraa daballii dhibbeentaa 7 ol (7.07%) agarsiiseera.

Fooyya’insa diinagdee kana hordofee dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa liqii dolaara biiliyoonaan lakkaawwamu Itoophiyaaf raggaasaniiru. 

Baankii Addunyaa Itoophiyaaf deeggarsa fi liqii Dolaara biiliyoona 1.5 raggaasuu Kibxata darbe beeksiseera. Kana keessaa Doolaarri biiliyoonni 1 karaa deeggarsaan kan laatame yoo ta’u, maallaqni dolaara miiliyoona 500 ammoo liqii ta’uu ibsameera.

Kana malees, Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) guyyaa Wiixata Itoophiyaaf liqii biiliyoona 3.4 raggaasuun isaa ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button