AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

AS-Jabaa: Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee: ‘Nutis seenaa himamu qabna, afaan dubbatamu qabna’

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Hagayya 09/2024 – Hayyoota seenaa uummata Oromoo keessatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u keessaa tokko kan ta’an Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee qorataa seenaa, barsiisaa amantii fi barreessaa kitaabaa ta’uun beekamu. 

Hunda caala kan ittiin beekaman qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu kalaquudhaani.

Hayyuun afaaniifi seenaa Oromoo qorachuun umurii isaanii dabarsan kun, bara jireenya isaanii keessatti kitaabota 30 ol Afaan Oromoo fi Afaan Arabaan barreessanii maxxansaniiru. Akkasumas nama yeroo jalqabaaf Qur’aana gara Afaan Oromootti hiike ta’uun mikaa’aniiru. 

Kana malees, tajaajaila Raadiyoo Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf jalqabsiisu keessatti gumaachi isaanii olaanaadha. Yeroo garaagaraatti sagantaa raadiyoo Afaan Oromoo Kaayiroo, Moqadishoo fi Makkaa irraa darbu jalqabsiisaniiru. 

Ilmi isaanii hayyuu seenaa fi afaanii kanaa Kaaliid Mohaammad Rashaad kitaaba seenaa abbaa isaanii seenessu barreessanii waggaa lama dura kan xumuran ta’uus hanga har’aatti deeggarsa maallaqaa dhabuun akka hin maxxanfamne himaniiru.

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee eenyu?

Sheek Mohaammad Rashaad bara 1934 godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaa ganda Laga Arbaa keessatti dhalatan. Barnoota isaaniis barnoota amantaatiin eegalan. Gara godina Harargee Bahaa imaluun sheekota fi aalimota gurguddoo irraa barumsa amantaa barataniiru.

Ijoollummaa isaaniin aalimota irraa seerluga afaan Arabaa baratanii kan guddatan Sheek Mohaammad Rashaad, bara 1949 yeroo umriin isaanii 16 gahu Jibuutiirraa eegaluun gara biyyoota arabaa imaluu ilmi isaanii Kaaliid Mohaammad Addis Standard’tti himan. 

“Gaafa umriinsaa 16 guutuu gara Jibuutii imale. Sana booda karaa Yamaniin Saa’udi Arabiyaa gale. Bara 1951 Sa’uudiitti hajjii godhe. Sana booda gara Sooriyaa deemuun hanga bara 1955 achi jiraate,” jedhan. 

Sheek Mohaammad Rashaad waggoota shan Sooriyaa keessa yeroo jiraatanitti masjiidotaa garagaraatti imaama ta’uun erga tajaajilanii booda bara 1956 barnootaaf gara Masriitti qajeelan.

“Masrii, Kaayiroo yeroo galu mootummaa biyyattirraa eeyyama argachuun magaalaa Kaayirootti kutaa 12ffaa barate. Akkuma barnootasaa kutaa 12 xumureen Yuunivarsiitii al-Azhar jedhamu seenuun barate,” jedhu ilmni isaanii Kaaliid. 

Turtii Yuunivarsitii al-Azhar, Kaayiroo 

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee barnootaaf biyya Masrii Yuunivarsiitii al-Azhar seenan waa’ee Oromoo fi Oromummaa itti dhagamaa dhufuu ilmi isaanii Kaaliid himu. 

“Yeroo sanatti waa’ee Oromummaa itti dhagahamuu eegale. Sana boodas miseensa waldaa barattoota Oromoo ta’e. Keessumaa Oromoon qubee mataasaa qabaachuu dhabuun isaa baay’ee akka xiiqeeffatan taasise.”

Sheek Mohaammad yuunivarsitii ittiin baratan keessatti qabxii olaanaa galmeessisaa turan. Akka yuunivarsitichaattti barataa cimaa ta’uun beekamu. Bara 1962 qabxii ol’aanaan eebbifamanii bulchaa Masrii yeroo sanaa Jamaal Abdal Naasir harkaa waraqaa beekamtii fudhataniiru.

Sheek Mohaammad yeroo yuunivarsiitii keessa baratanitti Oromummaa isaaniif quuqama olaanaa agarsiisaa turuu kan himan ilmi isaanii Kaaliid, gara Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa yeroo sanaa dhaquun hawaasa isaanii Afaan Oromootiin karaa raadiyoo barsiisuu akka barbaadan gaafachuu himan.

”Nutis seenaa himamu qabna, afaan dubbatamu qabna, qubee ittiin qubeessinu qabna. Kana hunda miidiyaadhaan mul’isuu waan barbaannuuf miidiyaa nuuf heeyyamaa,” jechuun gaafatan.

Gaaffii dhiyeessan yuunivarsiitii fi mootummaan Masrii eeyyamuu hordofee Raadiyoon Afaan Oromoo si’a duraatiif magaalaa Kaayiroo irraa bara 1958 tamsaasa daqiiqaa kudhanii eegaluun yeroo muraasaaf tamsa’uu ilmi isaanii Kaaliid himu.  

Hiriira mormii Kaayiroo

Sheek Mohaammad yuunivarsiitii al-Azhar irraa erga eebbifaman booda achumatti ramadamanii hojjetaniiru. 

Yeroo sanatti mootii Itoophiyaa kan turan Haayilasillaaseen daawwannaa hojiif gara Kaayiroo yeroo dhaqan Sheek Mohaammad Rashaad hawaasa Oromoo Kaayiroo jiran kakaasuun hiriira mormii qindeessan. 

Hiriira mormii gaggeeffame hordofee mootiin Haayilasilaaasee mootummaan Masrii Sheek Mohaammadiin dabarsee akka laatuuf gaafatanii akka ture Kaaliid Mohaammad Rashaad yaadachiisu. 

“Haata’u malee, Pireezidaantiin Masrii yeroo sanaa Jamaal Abdal Naasir dabarsee kennuu hin eeyyamne. Sheek Mohaammad nama cimaafi dandeettii addaa qabu waan ta’eef dabarfamee hin kennamu murtee jedhuutu darbe.”

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee fi ilmi isaanii Kaaliid Mohaammad Rashaad

Jiruu Somaaliyaa hanga tamsaasa Raadiyoo Moqadishoo…

Sheek Mohaammad waggaa tokko ol yuunivarsiiticha keessa erga hojjetanii booda bara 1963 gara Somaaliyaa, Moqadishootti ergaman. Achiis waggaa sadiif imaama masjiidaa fi barsiisaa amantii ta’anii hojjetaniiru. 

Bara 1963 hanga 1965 miindaan isaanii yuunivarsiitii al-Azhariin kaffalamaafii akka ture ilmi isaanii Kaaliid Rashaad dubbataniiru. 

“Oromoonni jaha hanga torba ta’an Somaaliyaa Galbeejoo keessa waliin turan. Namoonni akka Elemoo Qilxuu, Huseen Bunee, Huseen Suraa fi Abdulaziiz fa’a jechuudha. Waliinis dhaabbata ‘Somaal Galbeedii’ jedhamu dhaabanii turan.”

Sana booda Biiroo Aadaa fi Tuurizmii Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatan. Yeroo sanas hayyoota afaanii Somaaliyaa waliin ta’uun Af-Somaaliin qubee laatinii akka fayyadamu murteessuurra kaasee guddina afaanii biyyattiif gumaachuu Kaaliid Rashaad himan.   

“Yeroos Somaaliyaan afaan ofiitiin barreessuu eegalte. Muuxannoo sanarraa ka’uun qubee afaan Oromoo ittiin barreeffamu katabu keessatti gumaacheera.” 

Haaluma kanaan bara 1968tti si’a jalqabaatiif kitaaba qubee Afaan Oromootiin barreeffame Somaaliyaa keessa maxxansan. Kitaabichi mata duree ‘Furaa Afaan Oromoo’ jedhuun maxxanfame. Kitaabni kun gabaarra yeroo oolu qaamolee garagaraa mufachiisee ture. Warreen sababa kitaaba kanaan isa qabuuf yaadanillee turan.” 

Hayyoonni afaanii fi qabsaa’onni isaan booda dhufan kitaaba kana akka bu’uuraatti fayyadamuun qubee afaan Oromoo dagaagsuu ilmi isaanii Kaaliid Rashaad ni himu.

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita Somaaliyaa turanitti hojii guddaan isaan hojjetan inni biraan sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishoo irraa darbuu akka jalqabu tattaaffii godhan ta’uu ilmi isaanii himu. 

Sagantaan Raadiyoo Afaan Oromoo kun boodarra dhiibbaa mootummaan Itoophiyaatin hanga cufamutti sa’aatiin tamsaasa isaa daqiiqaa 15 ture irraa gara sa’aatii tokkotti guddateera. Sheek Mohaammad Rashaadis wayita raadiyoo Moqadishoo keessa hojjechaa turanitti sirboota Oromoo dhageessisu bira darbe artistoota Afran Qalloo deeggaraa turan. 

“Qabsaa’onni Oromoo kanneen akka Jaarraa Abbaa Gadaa, Nagaasoo Gidaadaa fi kanneen biroo haalli biyya keessaa itti ulfaatee gara Somaaliyaa yeroo baqatan kan gargaare Sheek Mohaammad Rashaad Abdulleeti. Kana malees, miseensota hawwisoo Afran Qalloof meeshaalee muuziqaa dhiyeessuu dabalataan Somaaliyaatti isaan simate,” jedhu ilmisaanii Kaalid Rashaad. 

Dabalataan, gaggeessitoonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan akka Diimaa Nagawoo (PhD) bara 1978 gara Somaaliyaa dhaqanii waajjirri ABO Moqadishootti akka banamu tumsa taasisaniiru. 

Waajjirri ABO kun dhiibbaa mootummaan Somaaliyaa taasiseen bara 1980tti deebi’ee cufamuu hordofee aanga’oonni dhaabichaa Moqadishoo turan gara Sudaan baqatan. Carraa kanaan miseensonni ABO kitaaba Sheek Mohaammad Rashaad fayyadamuun dhoksaan qubee Afaan Oromoo barsiisaa turaniiru. 

Ilmi Sheek Mohaammad Rashaad dhiibbaa yeroo san ture yeroo yaadachiisan, barruu qubee Saabaatin maxxanfamaa ture ‘Bariisaa’ maxxansi gaazexeessaa Ibraahim Alii barreesse tokko qubee Afaan Oromoon barreeffame bahe hordofee akka cufamu taasifamuu eeru.  

Saa’udii Arabiyaatti waa’ee Oromoo beeksisuu…

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Somaaliyaa keessa barsiisaa amantii ta’anii osoo hojjechaa jiranii bara 1983 gara Saa’udi Arabiyaa ergaman. 

Garas kan erge Biiroo Aadaa fi Turizimii Somaaliyaa yoo ta’u, kaayyoon ergamni isaanii dhimma amantii islaamaa irratti qorannoo akka taasisan, akkasumas seenaa Somaaliyaa akka qoratanii fi barreessan ture. 

Haata’u malee, Sheek Mohaammad Rashaad kaayyoo itti ergaman dhiisanii dhimma aadaafi afaan Oromoo barsiisu fi barreessuu, akkasumas seenaa Oromoo qorachuu eegalan. Mootummaan Somaaliyaas haala kana yeroo hubatu miindaa isaanii jalaa ugguree akka ture ilmi isaanii himu. 

“Sana booda Somaaliyaatti yoon deebi’e na ajjeesu danda’u sodaa jedhuun Saa’udii keessatti hafe,” jedhan. 

Jireenya Saa’udii Arabiyaatti dabarsaniin Makkaa irraa Raadiyoo tamsaasaa turan. Haata’u malee dhiibbaa taasifameen tamsaasni kuni akka cufamu taasifame. Kana malees, Saa’udii yeroo turanitti xiiqii “uummanni Oromoo akkamiin afaan isaatiin amantii Islaamaa barachuu qaba” jedhuun Qur’aana gara Afaan Oromootti hiikaniiru.

Waggoota dhumaa Sheek Muhaammad Rashaad

Sheek Mohaammad Rashaad jireenya isaanii gara dhumaa gara biyyaatti deebi’uun biyya keessa dabarsan. Gara biyyaatti deebi’anii galuun waggoota jahaaf turan. 

Sana booda ni dhukkubsatan. Magaalaa Adaamaatti yaalamaa erga turan booda gara magaala Dirree Dawaatti deebi’uun bara 2013tti addunyaa kanarraa du’aan boqotan.

Haala maatii… 

Sheek Mohaammad Rashaad bara jireenya isaanii keessa bultii lama ijaarratan irraa ijoollee dhiiraa afurii fi dubartii tokko, walumatti ijoollee shan horataniiru. Yeoos mindaan isaa shilingii 1200 kan ture Sheek Mohaammad, haadha manaa lama qabaniif shilingii 300 kennuun kan hafe dhimma Oromoo fi Oromummaatiif oolcha akka turan ilmi isaanii Kaalid Rashaad himan. 

“Ijoollee isaafiyyuu jireenya gaaarii nuun qanansiise. Manasaa baay’ee quba hin qabu. Inni yaaddoon isaa dhimma Oromoo ture.” 

Maatiin hayyuu kanaa yeroo ammaa haala rakkisaa keessatti kan argaman ta’uu ilmi isaanii kun himaniiru. “Maatiin erga biyyatti deebi’anii waggaa shan ta’eera. Namni beeknu hin jiru. Mootummaan quba nu hin qabu. Rakkina keessa jirra. Hojiis hin qabnu, firas hin qabnu.”

Waggaa sadi dura Saa’udi Arabiyaa irraa gara biyyaa kan deebi’an ilmi isaanii Kaalid Rashaad, kitaaba Sheek Muhaammad seenessu erga barreessan waggaa lama ta’eera.  Haa ta’u malee, gargaarsa maallaqaa fi nama dhabuun maxxansiisuu akka hin dandeenye himan. 

“Ani erga gara biyyaa deebi’ee waggaa sadi ta’eera. Anis keessummaadha, nama baay’ees hin beekuu waan ta’eef nama kitaaba kana nuuf maxxansiisu argachuun hin dandeenye. Abbootiin qabeenyaa Oromoo nu gargaaruu barbaadan yoo jiraatan akka nu gargaaran gaafanna,” jedhan. 

Hawaasni Oromoo kitaaba nama seenaa Oromoo jijjiiruuf dhama’ee kana maxxansiisuun dhaloonni ammaafi itti aanuu akka dubbisu taasisuu, akkasumas maatii hayyuu kanaa deeggaruun akka isaan gargaaru tumsa gaafataniiru. AS 

Related Articles

Back to top button