ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliilaand ibsa ministeerri alaa Misrii baase “fudhatama hin qabu” jette  

Finfinnee, Adooleessa 8, 2024 –  Dhimma waliigaltee handaara galaanaa Itoopiyaafi Somaaliilaand gidduutti taasifameen walqabatee ibsi ministeerri alaa Misrii Baadir Abdallaatii baase “fudhatama hin qabu” jechuun Somaaliilaand kufaa taasifte. 

Ministeerri dhimma alaa Misrii Baadir Abdallaatii waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand kuni “seera-dhabeessaafi birmadummaafi tokkummaa Somaaliyaa kan hubuudha” jechuun “cal’ifnee hin ilaallu” jedhee ture. 

Bulchiiinsi Somaaliilaand, gamasaatiin, dubbii Baadir kanaan mufachuu ibsuun “Somaaliilaand qaama Moqaadishoo taatee hin beektu, hin taatus, biyya of dandeessuudha. Mirga ofiin of bulchuu keenya bara 1991 kaasee labsannee jirra,” jedheera. 

Ministeeronnii dhimma alaa Misriifi Turkii waloon ta’uun ibsi baasan “dogogoraafi fi birmadummaa Somaaliilaand ilaalcha keessan hin galchine” jechuun bulchiinsi Somaaliilaand qeeqeera. Waliigaltee kana hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu eereera. 

Misrii tokkummaafi birmadummaa Somaaliilaand akka kabajjufi rakkoo dhiyeessii annisaatiin walqabatee biyyoota ollaa waliin ishee mudate furuurratti akka xiyyeeffattu ibsi Somaaliilaand kuni gaafateera. 

Gama biraatiin, koreen tika nageenyaa Gamtaa Afrikaa humna waraanaa dhaabbatichaa bara haaraa dhufu keessa gara Somaaliyaatti bobbaafamuun walqabatee sanada dhiyaate raggaasiseera. Humni bara 2025 keessa gara Somaaliyaatti bobbaafamu kuni ergama deeggarsaafi tasgabbeessuu kan gaggeessuu ta’a. 

Humna ji’oota afur booda bobbaafamu kana keessatti loltootasaanii hirmaachisuuf biyyoota gaafatan keessaa Misrii ishee ijoo ta’uu gabaafameera. Akkasumas, Jibuutiin loltootashee bobbbasuuf gaafatteerti. AS

Related Articles

Back to top button