Af-gaaffii: “Somaalilaand biyya kamiinuu waliin waliigaltee taasisuuf mirga qabdi” - Mohaammad Abdillaahi Omar, hogganaa paartii mormituu
Jalqaba bara 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand, kan mootummaan federaalaa Somaaliyaa akka qaama bulchiinsa ofiitti ilaalu, gidduutti waliigalteen wal-hubannaa mallattaa’uun Gaanfa Afrikaatti muddama siyaasaa uumeera.
Waliigalteen kun Itoophiyaaf ulaa galaanaa, Somaalilaandiif ammoo beekamtii idil addunyaa kan argamsiisu ta’uun isaa gama Somaaliyaa irraa mormii kaaseera.
Pireezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad, Itoophiyaan “birmadummaa fi tokkummaa daangaa” Somaaliyaa sarbuushee eeruun waliigaltee kana mormaniiru. Itoophiyaan garuu ulaa galaanaa argachuuf mirga akka qabdu himti.
Waliigalteen kun gama Somaaliyaa irraa mormiin isa mudatuus, Pirezidaantiin Somaalilaand Musee Bihi Abdii bulchiinsi isaanii waliigaltee kanaan tarkaanfachaa akka jiruufi “waliigalteen seeraa dhiyootti jiraachuu” beeksisaniiru.
Ta’us filannoon Somaalilaand Sadaasa 13, 2024 gaggeeffamuuf jiru dhiyaachuun, pirezidaantii amma aangoorra jiran Musee Bihii Abdii fi paartii isaanii ‘Paartii Nagaa, Tokkummaa fi Misooma Kulmiyee’ kan yeroo ammaa teessoo paarlaamaa 82 keessaa 30 qabaniif qormaata ta’a.
Filannoo kana irratti dorgomaan inni jalqabaa Paartii Biyyaalessaa Somaalilaand, kan yeroo baay’ee Waddani jedhamuun beekamudha. Bara 2012 kan hundeeffame Waddaniin yeroo ammaa teessoo paarlaamaa 31 kan qabate yoo ta’u, kunis Kulmiyee irraa caalmaa teessoo tokko qaba.
Filannoo Sadaasa gaggeeffamu dura hoggantoonni olaanoo Waaddani dhiyeenya kana gara Finfinnee dhufuun isaanii ejjennoo paartichi waliigaltee kana irratti qabu ilaalchisee xiyyeeffannoo hawwateera.
Kana ilaalchisee Addis Standard hogganaa paartii Waddani fi Ministira Dhimma Alaa Somaalilaand duraanii Mohaammad Abdillaahi Omar waliin karaa Imeeliin gaaffii fi deebii taasiseera.
Gaaffii fi deebii hogganaa paartichaa waliin taasifame armaan gaditti dubbisaa.
Addis Standard: Isin dabalatee jilli Paartii Biyyaalessaa Somaalilaand dhiheenya kana Finfinnee daawwataniiru. Kaayyoon daawwannaa kanaa maal ture, buʼaan isaas maal ture?
Omar: Tumsa Itoophiyaa waliin qabnu cimsuufi yeroo naannichatti rakkoon nageenyaa hammaachaa jiru kanatti hariiroo biyyoota obbolaa lamaan—Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu jiru cimsuuf gara Finfinnee dhufe.
Kana malees, filannoo dhufu Sadaasa 13, 2024 gaggeeffamu yoo injifanne paartiin keenya Waddani hariiroo Itoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo akka qabu mootummaa Itoophiyaaf mirkaneessuuf as dhufne.
AS: Filannoo dhufu irratti paartiin keessan yoo filatame, waliigaltee Somaalilaand Amajjii 2024 Itoophiyaa waliin mallatteessite ilaalchisee ejjennoo keessan maal ta’a?
Omar: Paartiin keenya tumsa ummata ollaa keenya lamaan fayyadu fi biyyoota lamaan gidduutti wal amantaa horu kamiyyuu ni simata. Nuti paarlaamaa keessatti teessoo gara caalu kan qabnu taanuus, bulchiinsi Somaalilaand amma jiru bal’ina waliigaltee kanaa paartilee mormitootaafis ta’e paarlaamaaf hin ibsine. Bal’inni odeeffannoo sun yeroo nu qaqqabu, dantaa biyyaalessaa yeroo dheeraa Somaalilaand fi seera bu’uuraa hariiroo ollummaa gaarii irratti hundaa’uun ejjennoo keenya ibsina.
Paartiin keenya Itoophiyaan hariiroo Somaalilaand waliin qabdu irratti kutannoo dhugaa qabdi jedhee amana. Gama daldala, nageenyaa fi anniisaa dabalatee gama hedduu irratti tumsa dabalataa akka taasifnuus hawwii guddaan eegganna.
AS: Imaammanni dhaabni keessan gaaffii Somaalilaand yeroo dheeraaf walabummaa fi beekamtii idil-addunyaa argachuuf dhiyeessaa turte tarkaanfachiisuuf qabu maali?
Somaalilaand biyya kamiinuu waliin waliigaltee taasisuuf mirga qabdi.”
Omar: Mul’anni keenya Somaalilaand addunyaa irratti biyya birmadummaa, nagaa, badhaadhina qabdu fi dimokiraatawaa taatetti bakka ishee malu mirkaneessuudha.
Walitti hidhamiinsa keessoo fi ciminaan beekamtii idil-addunyaa argachuuf ni carraaqna. Hiree ofii murteeffachuun mirga ummata Somaalilaandi irraa hin mulqamnee fi galma hunda galeessa ijoo imaammata alaa keenyaati. Filannoo ji’a dhufu yoo injifanne, carraaqqii beekamtii argachuuf godhamaa jiru tarkaanfachiisuu fi nagaa itti fufsiisuuf kutannoo qabnu dursa kennina.
AS: Dhimma waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand irratti deebii gama mootummaa federaalaa Somaaliyaa irraa kenname akkamitti madaaltu?
Omar: Akkuma yeroo hundaa, Somaalilaand biyya kamiinuu waliin waliigaltee taasisuuf mirga qabdi. Kanaan dura biyyoota biroo waliin waliigaltee mallatteessinee turre. Biyyoota kanneen keessaa Eemireetota Araba Gamtoomanii (UAE) ishee tokkodha.
Qajeeltoon waliigaltichaa, waliigaltichi dantaa ummata Somaalilaand kan eegsisu ta’uu fi mootummaan aangoorra jiru dhimmicha paarlaamaatti dhiyeessee raggaasifamuu isaati.
Somaaliyaan yeroo ammaa rakkoo keessoo kan akka seera dhabdummaa fi gareewwan shororkeessaa dhabamsiisuu dabalatee waan baay’ee irratti xiyyeeffachuu qabdi.
AS: Waliigalteen sun mallattaa’u hordofee naannichatti muddamni dabalaa jira. Haala kana akkamitti madaaltu?
Omar: Itoophiyaan buufata doonii argachuuf fedhiin qabdu dantaa seera qabeessa yoo ta’u, buufanni doonii keenya Barbaraa kaayyoo sanaaf ijaarame. Kunis giddugala daldalaa naannichaa akka ta’uuf yaadameeti. Itoophiyaan buufata doonii keenyatti fayyadamuu ishee ni simanna. Hoggansa keenya jalatti walitti dhufeenyi kun daran guddata.
AS: Masriin dhiheenya kana loltoota fi meeshaalee waraanaa gara Somaaliyaatti bobbaasuu ishee hordofee waldhibdeen Gaanfa Afrikaa keessatti hammaateera. Muddama Somaaliyaa fi Gaanfa Afrikaa keessatti hammaataa dhufe akkamitti madaaltu?
Itoophiyaan buufata doonii argachuuf fedhiin qabdu dantaa seera qabeessaati.”
Omar: Sochii dhiheenya kana qaamoleen Gaanfa Afrikaa keessaa fi alaa taasisaa jiran gochi isaanii nageenya naannichaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu miidhuu akka danda’u eeruun yaaddoo keenya ibsineerra. Qaamoleen kunneen gocha isaanii irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessina, hawaasni addunyaa balaa sochiin akkanaa fidu akka hubatus gaafanna.
AS: Somaaliyaa, Masrii fi Eertiraan dhiheenya kana Asmaraatti walga’ii gam-sadee gaggeessaniiru. Gamtaan gam-sadee kun haala naannicha keessatti duraanuu walxaxaa ta’e kana caalaatti walxaxaa taasisa jettanii yaaddu?
Omar: Paartiin keenya siyaasa naannichaa waraanaan taasifamu nagaa duraanuu dadhaboo ta’e kan hammeessu akka ta’e hubata. Humnoonni waraanaa biyya alaa gara ollaa Somaaliyaatti galchuun, sababa kamiinuu, naannicha tasgabbii dhabsiisuu fi waldhabdee balaa guddaa qabu geessisuun tattaaffii nagaaf taasifamu ni miidha. AS