ODUUSIYAASA

Oduu: Somaalilaand waraanni Masrii Somaaliyaatti bobbaafamuu cimsitee mormite 

Finfinnee, Hagayya 30/2024 – Bulchiinsi of-bulchuu labsite Somaalilaand waraanni Masrii Somaaliyaa keessa bobbaafamu cimsitee kan mormitu ta’uu ibsite.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa baaseen, “Mootummaan Rippabiliika Somaalilaand humni waraanaa Masrii dhiheenya kana Somaaliyaa keessatti bobbaafamuu isaa cimsee morma,” jedhe. 

Bobbiin humna waraanaa akkanaa balaa tasgabbii fi nageenya Somaaliyaa fi Gaanfa Afrikaa guutuuf qabu ilaalcha keessa galchuu dhabuun ‘yaaddessaa’ ta’uu kan ibsite Somaalilaand, haalli kun rakkoo nageenya duraanuu ture “hameessa” jette. 

“Humnoota waraanaa biyya alaa gara biyya ollaa Somaaliyaatti bobbaasuun naannicha tasgabbii dhabsiisuu, tattaaffii nagaa taasifamu danquu, fi waldhabdee balaa guddaa geessisuu danda’u hammeessuu danda’a,” jedha ibsichi.

Ibsi kun kan ba’e Masriin qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaa Moqaadishootti erguushee hordofeeti. Kunis qaama adeemsa humnoota Masrii 10,000 ta’an Somaaliyaatti bobbaasuuf karoorfame ta’uu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatin ibsa Roobii darbe baaseen, Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibseetti.

Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa, Itoophiyaan naannicha keessatti wantoota nageenya ishee balaadhaaf saaxiluu danda’an dammaqinaan hordofaa akka jirtu ibseera.

Somaalilaand “akkuma biyyoota ollaa biroo” Gaanfa Afrikaa keessatti waraanni alaa tasgabbii fi nageenya ummata biyyattii balaadhaaf saaxiluu danda’u kamiyyuu cimsitee akka mormitu ibsuun, hawaasni addunyaa tarkaanfii Masrii “balaa geessisuu danda’u” kana akka balaaleffatu gaafateetti. 

“Biyyoonni itti gaafatamummaa qaban hundi jeequmsa dabalataa ittisuufi furmaata dippilomaasii birmummaa fi tokkummaa daangaa biyyoota Gaanfa Afrikaa hunda kabaju akka dhufu gahee isaanirra eegame bahachuu qabu.”

Dabalataan, Somaalilaand “gochoota nagaa fi tasgabbii aarsaa guddaan argame balaadhaaf saaxilan callisee hin ilaalu. Michoonni keenya idil-addunyaa haala kana itti dhiyeenyaan akka hordofan, nageenyaa fi tasgabbii Somaalilaand fi naannawaa Gaanfa Afrikaa eeguuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan gaafanna,” jechuun hubachiiste. 

Bobbii waraana Masrii kana irratti mormii cimaa Itoophiyaa fi Somaalilaand irraa dhagahame kana ilaalchisee hanga ammaatti gama Somaaliyaas ta’e Masrii irraa deebii laatame hin jiru. AS

Related Articles

Back to top button