ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaa bulchiinsa Puuntlaanditti lammiileen Itoophiyaa sadi “qaamolee nageenyaa fi uummataan” ajjeefaman

Finfinnee, Amajjii 29/2025 – Kaaba Baha Somaaliyaa bulchiinsa Puuntlaanditti guyyoota lama keessatti lammiileen Itoophiyaa sadi “garee shororkeessaa ISIS keessa hirmaatan” jedhamanii ajjeefamuu fi namoonni kumaan lakkaa’aman hidhamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan. 

Keessattuu magaalaa guddoo Puuntlaand kan taate Gaarowee dabalatee magaalota kanneen akka Bosaasoo fi Kalkawwee keessatti ajjeechaa, hidhaa, reebicha fi saamicha baqattoota Itoophiyaa irratti raawwatamu hammaachuu dhalattoonni Itoophiyaa Puuntlaand keessa jiran himaniiru. 

Akka dhalattoonni kuni himanitti, jalqaba Amajjii 25, 2025 dhalataan Itoophiyaa tokko qaama nageenyaa mootummaatiin kan ajjeefame yoo ta’u guyyaa itti aanu Amajjii 26 immoo lammiileen Itoophiyaa lama magaala Bosaasoo keessatti “uummataan reebamanii” ajjeefaman.

Dhalataa Itoophiyaa Puuntlaand keessatti jiraatu maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko Addis Standard’tti akka himetti, sababiin ajjeechaa lammiilee Itoophiyaa kanneenii himata Itoophiyaanonni “garee shororkeessaa ISIS [naannichatti Daa’iish jedhamuun beekamu] keessatti hirmaataniiru” jedhuun ta’uu himeera.

Daa’iish ykn ISIS garee hidhattoota shororkeessummaan labsame finciltoota Huutii waliin hidhata qabu yoo ta’u, Puuntlaand keessatti sochii fincila mootummaa gaggeessuu irratti kan argamuudha. 

Haa ta’u malee, dhalataan Itoophiyaa kun lammiileen Itoophiyaa garee kana keessa ni jiruu gaaffii jedhu yeroo deebisutti, “Itoophiyaanonni jiraachuu malu. Haa ta’u malee, lammiileen Itoophiyaa lakkoofsaan xiqqoo ta’an garee kana keessa jiru sababa jedhuun hunda dararuun sirrii miti,” jedheera.

Humnoonni nageenyaa mootummaa bulchiinsa Puuntlaand “lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman” mana hidhaatti galchaa jiraachuu jiraataan kun dabalee himeera. 

“Magaalaa Gaarowee keessatti qofa Itoophiyaanonni 500 ol ta’an qaama mootummaatiin mana hidhaatti ugguramanii argamu” kan jedhe jiraataan kun, dhalattoonni Itoohiyaa qaamoleen nageenyaa hidhaa jiran garuu lammiilee nagaa garee hidhattootaa kanneen waliin hariiroo hin qabne ta’uu himeera.

Dhalataa Itoophiyaa kan biraa Addis Standard dubbise akka eereetti, duulli lammiilee Itoophiyaa irratti baname kuni kan ture ta’uufi “jibba yoo ta’e malee sababiin amma himatan kuni Itoophiyaanota hunda dararuuf gahaa miti” jedha.

Kanaan dura yeroo garaagaraatti waliigaltee handaara galaanaa mootummaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti mallatteeffamee tureen walqabatee dhalattoonni Itoophiyaa hedduu Somaaliyaa keessatti rasaasaafi reebicha ummataatiin ajjeefamaa turuu jiraataan kun himeera. 

Miseensonni humna nageenyaa akka milishaafi poolisii haleellaa kana keessaa harka akka qaban dhalataan kuni ni hima.

Uummanni Puuntlaand “jibba irraa kan ka’e lammiileen Itoophiyaa biyyaafi lafa gadhiisanii akka bahan doorsisaa” turuu eeruun, rakkoon kun kan ture ta’uu ni hima.

“Somaalonni jibbuma dhalattoota Itooophiyaarraa qabaniif malee rakkoo amma dhiyeessan kanaan kan walqabatu miti,” jechuun yakkonni akka dararri, doorsisaa, ajjeechaafi qabeenya saamuu kanaan duras raawwatamaa turuu jiraataan kuni ibseera. 

Baqattoonni Itoophiyaa bulchiinsa Puuntlaand keessatti jiraatan rakkoo akkasii yeroo isaan mudatu kun kan jalqabaa miti. 

Ji’a Waxabajjii 2024 keessa mootummaan bulchiinsa Puuntlaand, lammiileen Itoophiyaa waraqaa baqattummaa osoo hin qabaatiin “seeraan ala” magaalaa Gaarowee keessa jiraatan atattamaan gadhiisanii akka bahan ajaja dabarsuu ni yaadatama.

Sababiin ajaja kanaa Itoophiyaanonni “seeraan ala” biyyattii keessa jiraatan lakkoofsaan baay’achuufi carraa hojii saamaa jiraachuu ta’uu eerameera.

Jalqaba bara 2024 mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu hordofee lammiilee Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiraatan irratti doorsisa fi miidhaan gahaa jiraachuu Addis Standard gabaase ture.

Dhimma baqattoota Itoophiyaa kanneen ilaalchisee Addis Standard yeroos dhaabbata UNHCRtti waajjira damee Bahaa Afrikaa kan qunname yoo ta’u, dhaabbatichi deebii haleellaan raawwatamuu quba qabaachuu eeruun qaamolee mootummaa waliin ta’uun nageenya baqattootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibse ture. AS

Related Articles

Back to top button