ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Somaaliyaan dippilomaatiin Itoophiyaa 'sa'aatii 72 keessatti biyyattii gadhiise akka bahu' ajaja dabarsite

Finfinnee, Onkoloolessa 30/2024 – Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa dippilomaatiin Itoophiyaa tokko “hojii gahee dippilomaasii isaa waliin wal hin simne irratti bobba’e” jechuun sa’aatii 72 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahan ajaja dabarse. 

Ministeerichi ibsa Onkoloolessa 29, 2024 baaseen, Imbaasii Itoophiyaa Moqaadishoo argamutti Gorsaa ta’uun kan tajaajilan Alii Mohaammad Adan, “gochaalee gahee dippilomaasii isaa waliin wal hin simne keessa bobba’ee waan argameef” amma booda Somaaliyaa keessa kan hin simatamne (persona non grata) jechuun labseera.

”Gochi Alii Mohaammad Adan seera hariiroo dippilomaasii Waliigatee Viyeenaa keewwata 41 fi 42 jalatti tumame kan cabsudha,” jedha ibsichi. Ta’us, gochaalee dippilomaatichi ittiin himataman ifatti hin ibsine.

Haata’u malee keewwatoonni ministeerichi eere kunneen dippilomaatonni biyya alaa “seera biyya isaan keessummeesse akka kabajanii fi dhimma keessoo isaa keessatti hirmaachuu irraa akka of qusatan” hubachiisa. 

Dippilomaatii Itoophiyaa kun Somaaliyaa irraa gadhiisanii bahuuf sa’aatii 72 kan kennameef yoo ta’u, tarkaanfiin kunis Somaaliyaan “sadarkaa dippilomaasii idil-addunyaa kabajuufi birmadummaa biyyaalessaa ishee eeguuf kutannoo qabdu kan agarsiisu” ta’uu ministeerichi ibseera.

Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffamu hordofee Somaaliyaan dippilomaatii Itoophiyaa ari’uuf murtee yeroo dabarsitu inni ammaa kan jalqabaa miti. 

Ebla bara 2024 keessa Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibsa walfakkaatu baaseen, Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Muktaar Mohaammad Waaree “sa’aatii 72 itti keessatti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan” ajaja dabarsu isaa ni yaadatama.

Kana malees ministeerichi yeroos Ambaasaaddarri Somaaliyaa Finfinneetti argaman “mariidhaaf gara Moqaadishootti akka deebi’u waamamuu” beeksise ture.

Waldhabdeen biyyoota lamaan gidduu jiru erga Somaaliyaan Masrii waliin waliigaltee waraanaa taasifteefi Masriin loltoota fi meeshaalee waraamaa gara Moqaadishootti ergite booda daran hammaateera. 

Kana malees Somaaliyaani jalqaba baatii Onkoloolesaa keessa Asmaraatti Masrii fi Eertiraa waliin yaa’ii gam-sadii irratti hirmaachuun, biyyoonni sadi Somaaliyaan “daangaa lafaa fi galaanaa ishee akka eegdu” tumsuuf waliigalaniiru. AS

Related Articles

Back to top button