ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaan "Itoophiyaan lafakoo qabatte" jechuun himatte; 'birmadummaa ishee kabachiisuuf' mala kamuu akka fayyadamtuus ibsite

Finfinnee, Fulbaana 02/2024 – Pirezedaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad, biyyi isaanii birmadummaa ishee kabachiisuuf ”mala seera qabeessaas ta’e seeraan ala” akka fayyadamtu ibsuun, Itoophiyaan lafa Somaaliyaa dhuunfachuuf yaalii gochaa jirti jedhan qolachuuf dhaadatan.

“Dhimmi lafa Somaaliyaa Itoophiyaan qabatte jirtu furmaata osoo hin argatiin tureera” jechuun kan dubbatan Pireezidaant Hasan, amma immoo “lafa dabalataa dhuunfachuuf abjoochaa jirti. Itoophiyaan humnaan karra galaanaa argachuuf yaalii gootu Somaaliyaan hin hayyamtu,” jedhan.

Pireezidaantichi, Somaaliyaan karoora Itoophiyaan ulaa galaanaa qaqqabuuf qabdu kamiyyuu akka falmattu ibsuun, tarkaanfiin kun birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa kan miidhu ta’uu hubachiisaniiru.

Ibsi kun kan ba’e Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, “aanga’oota Somaaliyaa tokko tokko” irraa ibsa garaagarummaa bal’isu darbaa jiruus, Itoophiyaan nagaadhaaf kutannoo akka qabdu irra deebiin erga mirkaneessan guyyoota muraasa boodadha.

“Itoophiyaan mariidhaaf balballii ishee banaadha,” kan jedhan Ministirri Dhimma Alaa kun, dabalanii “garuu marii bu’a qabeessaa mijeessuuf haala kabajni keessa jiru, ibsa tuxxuqqaa irraa bilisa ta’e barbaanna” jedhan.

Amajjii 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu Waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteeffamu hordofee Gaanfa Afrikaa keessatti muddamni siyaasaa dabaleera.

Tibbana Masriin qondaaltota waraanaa fi meeshaalee gurguddoo gara Somaaliyaatti erguu ishee gabaafamuun haalli kun caalaatti walxaxaa akka ta’u taasiseera.

Dilbata darbe miseensonni paarlaamaa naannoo Kibba Lixaa Somaaliyaa, kan Itoophiyaa waliin wal daangeessitu, waliigaltee waraanaa pirezidaantota Somaaliyaa fi Masrii gidduutti torban lama dura Kaayirootti mallattaa’e paarlaamaatti dhiyaachuu dhabuu kaasuun ibsa mormii baasaniiru.

Ibsa Ergamaa Addaa Fayyaa fi Nyaataa Abdirishid Mohaammad Jilleen dubbifame kun akka jedhutti, miseensonni paarlaamaa kunneen waliigalteen kun balaa hamaa fiduu akka danda’u akeekkachiisaniiru. Waliigalteen kun “dhimma Naayilii gara Somaaliyaatti fiduun Gaanfa Afrikaatti waraana ummata Naannoo Kibba Lixaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’u fidu mala,” jechuun morman.

Mormii kana hordofee Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud, Ergamaa Addaa Fayyaa fi Nyaata Abdirishid Mohaammad Jilley, hojii irraa ari’uu isaanii beeksisaniiru. Sababa murtee kanaa garuu hin ibsine.

Kana malees, miseensonni paarlaamaa federaalaatti bulchiinsa Kibba Lixaa bakka bu’an 25 mirga himatamu dhabuu isaanii irraa kaafamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Kana malees, lammiilee fi qondaaltonni Somaaliyaa “birmadummaa fi tokkummaa Somaaliyaa qaama alaa irraa ittisuu irratti cimanii akka dhaabbatan” dhaamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button