ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaan miseensa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa tahuuf kadhimamaa gochuun of dhiyeessite

Finfinnee, Amajjii 10/2024 – Torban muraasa dura Itoophiyaan miseensa ta’uuf kaadhimamaa kan itti taate Mana Maree Nageenya fi Tasgabbii Afrikaaf, Somaaliyaanis kaadhimamaa of taasisuu ishee of beeksiste.

Miseensonni Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa bara 2025 hanga 2028tti tajaajilan walga’ii gamtichaa ji’a Guraandhala dhufuu Finfinneetti gaggeeffamu irratti dorgommii taasifamuun kan filatamu ta’a.

Mootummaan Somaaliyaa ibsa kaleessa Amajjii 09, 2025 baaseen, “kaadhimamummaan Somaaliyaa ajandaa nageenya fi tasgabbii Afrikaa keessatti gumaachuuf kutannoo biyyattiin qabdu kan argsiisudha” jedhe.

Somaaliyaan ergama nagaa kabachiisaa gamtichaa waggoota 17f kan keessummeesite ta’uu eeruun, kunis rakkoo Afrikaadhaaf furmaata Afrikaawa fiduuf tattaaffii taasifamu kan argsiisu ta’uu ibsaniiru.

Ibsichi Somaaliyaan liqaa dhiheenya kana irraa haqamuu, waggaa lamaaf miseensa dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun tajaajiluu eegaluu ishee, fi miseensa hawaasa Baha Afrikaa ta’uuf iyyata dhiheesse fudhatama argachuu isaa eeruun, kunis Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaaf ishee filachiisuu danda’a jedhe. 

Torban sadii dura Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotiwoos, Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaatti miseensa ta’uuf akka dorgomtu beeksisu isaanii ni yaadatama.

Ministirichi ibsa kana kan laatan ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee godhatan waliin marii taasisan irratti akka ta’e ibsameera.

Akkasumas, ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa kunneen ga’ee seena qabeessa Itoophiyaan gamtichaaf bahatte ilaalcha keessa galchuun miseensummaa mana marichaaf dorgommii Itoophiyaa taasiftu irratti deeggarsa akka taasisan ministirichi gaafachuu isaanis gabaafameera. AS

Related Articles

Back to top button