ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaatti meeshaa waraanaa humnoota alaatiin dhiyaatu 'harka shororkeessitootaa kufu mala' - Itoophiyaa

Finfinnee, Fulbaana 24/2024 – Haala nageenya Somaaliyaa tasgabbaa’aa hin taane keessatti meeshaaleen waraanaa humnoota alaatiin dhiyaatan harka shororkeessitootaati kufuu akka malu Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaaseen dubbatan.

Ministirichi kana kan jedhan dooniin fe’umsa waraanaa Masrii Dilbata Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi misaa’elii farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii Moqaadishoo gahuu hordofeeti.

Ambaasaaddar Taayyeen yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 79ffaa Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Barreessituu Olaantuu Dhimmoota Ijaarsa Nageenyaa fi Siyaasaa Roozmarii Dikaarloo waliin mari’ataniiru.

Dhimma Somaaliyaa yeroo ammaa ilaalchisee marii Roozmarii waliin taasisaniin, Itoophiyaan shororkeessummaa ittisuuf tattaaffii taasiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) Muddee dhufu hojiisaa yeroo xumuru adeemsa humna kan bira bakka buusuun yeroo barbaachisu fudhatamee itti gaafatamummaa ergamichaa, madda faayinaansii fi walta’insa sirnaan raawwatamuu akka qabu hubachiisaniiru. 

Ministirichi haala nageenya hin tasgabboofne keessatti meeshaalee waraanaa humnoota alaatiin dhiyaatan harka shororkeessitootaatti kufu mala sodaa jedhu qabaachuu ibsaniiru.

Waliigaltee tumsa waraanaa Pireezidaantii Masrii Abdal Fattaah Al-Siisii fi Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammed gidduu irra gahame hordofee dhuma baatii Hagayyaatti xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 lama meeshaa waraanaa gurguddaa fe’anii Moqaadishoo gahuu isaanii ni yaadatama.

Sana boodaas Masriin Dilbata darbe si’a lammataaf meeshaalee waraanaa gurguddoo gara Somaaliyaa erguun ishee bulchiinsa of bulchuu labsite Somaalilaand dheekkamseera. 

Mootummaan Somaalilaand, Masriin meeshaalee waraanaa gurguddoo gara Somaaliyaatti ergite “nageenya Gaanfa Afrikaa daran ni hammeessa” jechuun baay’ee isa yaaddeessuu ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa baaseen, “bulchiinsi Moqaadishoo meeshaalee waraanaa guddaa akkasii haala bu’a qabeessa ta’een bulchuu ykn eeguuf dandeettii waan hin qabneef, meeshaaleen waraanaa kun garas ergamuu isaatiin baay’ee nu yaddeesse jirra” jedhe.

Kana malees meeshaaleen waraanaa kunneen harka gareewwan shororkeessaa kanneen akka Al-Shabaab fi hidhattoota gosaa jalatti kufuudhaan jeequmsaa fi tasgabbii dhabuu Somaaliyaa keessatti hammeessuu danda’a yaaddoo jedhu akka qabdu ibsiteetti. AS

Related Articles

Back to top button