AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

AS-Jabaa: Sorsaa Lammii: Nama taphatee kofalchiisu, umrii qeerrummaa isaa qabsootti fixe

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Adoolessa 26/2024 – Hayyoota aartii damee koomeedii Afaan Oromoo keessatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u keessaa tokko Sorsaa Lammiiti. Nama aartii Afaan Oromoo, keessattuu koomeedii jaallatuufi hordofuuf maqaan Sorsaa jedhu haaraa miti.  

Artist Sorsaa Lammiin ogeessa aartii qoosaawwan (hojiilee koomeedii), fiilmii, sirboota, waltajjiiwwan gaggeessuufi ogummaa aartii biroorratti hojjechuun aadaafi aartii Oromoo guddisuu keessatti nama qooda olaanaa bahaa turedha.

Kana malees, waldaa waggaa digdamaa ol miseensummaan keessa ture Waldaa Koomeediyaanota Oromoo, dura taa’aa itti aanaa ta’ees tajaajileera.

Artisti waggoota soddooma oliif gama aartii, gazexeessummaa fi qabsootin gumaacha olaanaa bahataa ture kun, barana Waxabajjii 17, 2016 ALI addunyaa kanarra du’aan boqoteera. Ta’uus, gumaacha fi hojiin isaa dhalootaaf barnoota akka ta’u waahiloonni isaa himu.  

Sorsaa Lammiin bara 1956 ALI godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagamitti dhalate. Haata’u malee ijoollummaa isaa baay’ee Harargee Lixaatti dabarse. Keessattuu magaalaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaa itti barate Baddeessaa jaalala irraa qabuun af-gaaffii garagaraa irratti “fakkii jannataa” jedhee waama. 

Ergasii maatii isaa waliin gara magaalaa Ciroo deemuun kutaa 12ffaa achitti xumure. Erga barnoota xumureen booda hanga lubbuun isaa darbuutti jireenyasaa guutuu magaalaa Finfinnee fi Shaashamannee keessa dabarse. 

‘Nama taphatee kokkolfu, hojiisaa gahumsaan hojjatu’

Waggoota dheeraaf Sorsaa Lammii waliin diraamaa koomeedii adda addaa irratti hojjechuun beekamu Taaddalaa Alamaayyoo (Abbaa Shumbee), Sorsaa waliin waggaa digdama dura karaa hojiitiin walbaruu Addis Standard’tti hime. 

Sorsaan bara hojii waggoota dheeraa dabarse kanaan waahiloota fi namoota isa beekan biratti jaallatamummaa fi kabaja olaanaa akka qabu waahilli isaa Taaddalaa ykn Abbaa Shumbeen yaadachiisa. 

“Soorsaan nama taphatee kokkolfuun beekamuudha. Hojii irratti ammoo nama hojiisaa gahumsaan hojjjatudha. Yeroo mara taatoo kennameef haala bareeda ta’een hojjata. Ogummaa aartii inni qabu guutuudha. Bashannansiisuus ta’ee kan nama gaddisiisuu sirriitti ni taphata,” jedha.

Sorsaa waliin diraamaan garaagaraa hojjachuu kan himu Abbaa Shumbeen, gahumsa fi kabaja qabuun waldaa koomeediyaanota Oromoo akka hogganu filatamuu yaadachiisa.

“Sorsaan bara Afaan Oromootiin aadaa Oromoo calaqqisiisuun rakkisaa turetti seenaafi aadaa Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa tureera.” – Abbaa Shumbee

Akka Abbaa Shumbeen jedhutti, Sorsaan sirba qabsoo ‘Geerari Dirribee’ jedhu bara dhuma bara 1990’moota keessa baaseen ummata Oromoo irraa beekamtii guddaa argatae. “Sirba kana yeroo siyaasni Oromoo ulfaataa ture sanatti geerarsa ergaa onnee namatti horu dabarsuudhaan qeerroo onnachiisaa tureera,” jedhe. 

Sirba geerarsaa onnee Oromoo keessa isa galcheen alattis mana muuziqaa Madda Walaabuufi Raayyaa Istuudiyoo waliin sirboota hedduu hojjachuu Abbaan Shumbeen hima. Kana malees, aartistoota biroo kan akka Qamar Yusuuf, Muluu Baqqalaa fi kanneen biroo waliin hojjateera. 

“Sorsaan bara yeroo afaan Oromootiin aadaa Oromoo calaqqisiisuun rakkisaa turetti seenaafi aadaa Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa tureera. Walaloo walaleessuu, yeedaloo hojjachuu fi sirbuudhaan, koomeedii bashannansiisoo garaagaraa hojjachuuniifi fiilmii keessatti hirmaachuun gumaacha guddaa qaba.”

Qeerummaa Qabsootti dhume

Sorsaan umrii isaa qeerummaa qabsootti fixe. Sababa hojiilee qabsoo Oromoo keessa gumaachaa tureen bara mootummaa darbee keessa yeroo hedduu karchallee fi qaallittii hidhamuu hime ture. 

Miseensi maatii Sorsaa kan ta’e Solomoon Fayyee, Sorsaan bara dargagummaa isaa Harargee keessa turetti miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ta’uun qabsoo Oromoo deeggaraa akka ture Addis Standard’tti himeera. 

“Erga gara magaala Finfinnee dhufee booda sababa siyaasaatiin bara 1989/90 ALI  keessa hidhamee ture. Bakka geessan osoo hin beekin ukkaamfamee fuudhatamee ture. Turtii ji’a torbaa booda mana hidhaatii bahuun gara jireenyasaa idileetti deebi’e.”  

Erga gadhiifamee boodas si’a lammataatiif gara ji’a sadii erga hidhamee booda gadhiifamuu Solomoon dabalee himeera. 

Kana malees, Sorsaan hojiiwwan isaa maraan miira hawaasa keessa jiru dhageessifachuuf duubatti deebi’e akka hin beekne waahilli isaa yeroo dheeraa Taaddalaa Alamaayyoo ykn Abbaa Shumbee himeera. 

“Sirba qabsoo ‘Geerari Dirribee’ jedhu bara dhuma bara 1990’oota keessa baase dabalatee yeroo siyaasni Oromoo ulfaataa fi gatii kaffalchiisaa ture sanatti ogummaa isaatin qabsoo saba isaa utubuuf nama duubatti deebi’e hin beekne.”

‘Maatii isaaf jiraate hin beeku’

Sorsaan bultii ijaarrate irraa ijoollee durba afurii fi dhiira tokko qaba. Ijoolleen isaa hundi daa’imman of hin dandeenye ta’u miseensi maatii isaa Solomoon Fayyee Addis Standard’tti himeera. 

“Sorsaan nama taphataa fi arjaadha. Namaan yoo waldhabe yoosuma araarama. Akkasumas, ofii osoo rakkatuu nama biraa gargaara ture. Yeroo nuti isaaf gargaarsa laannutti innimmoo namoota biraatiif qooda,” jedhe Solomoon. 

Artist Taaddalaan gama isaatin Sorsaan dhukkuba waggootaaf irra bubbuleen yaala cimaa argachuu osoo qabu “inni garuu ofiif yaade hin beeku” jedha. 

“Kanaan dura akka dhukkubsate himataa tureera. Isa yaalsisuuf maallaqni walitti qabame ture. Haa ta’u malee, natti wayyaaheeraa nama ana caala gargaarsa barbaadu gargaaraa jechuun gargaarsa maallaqaa taasifameef nama biraatiif dabarse.”

Itti dabaluun, “inni dhibeef harka hin laatu. Qosaatuma dhibee isaa dhoksa: jedhe. 

Sorsaan dhibeen yeroo dheeraaf irra bubbuleen barana lubbuun isaa yeroo darbu, haati manaa isaa fi ijoolleensaa daa’imman shan gaaddisa malee hafaniiru. 

“Sorsaan ofiifi maatii isaatif jiraate hin beeku. Inni jireenya isaa guutuu uummata Oromoof aarsaa godhe. Aartii Oromoo keessa haa turu malee qabeenya mataasaatif kuufate hin jiru,” kan jedhu Solomoon, yeroo ammaa kana haati warraan isaallee dhukkubsachaa waan jiruuf haalli jiru ijoollee isaaf rakkisaa ta’u kaasa. 

“Haati manaan isaa dhiphina keessa jirti. Ijoollee shan of duubatti dhiisee darbuunsaa nufis gaddisiisaadha. Nutis akkaataa maatiinsaa itti gargaaramuufi ijoolleensaa barnoota isaanii itti fufan irratti mari’achaa jirra,” jedhe.

Waahillan Sorsaa waggoota dheeraa wajjiin dabarsanis maatii of duubatti dhiisee darbe gargaaruuf sochiirra akka jiran Artist Taaddalaa Alamaayyoo (Abbaa Shumbee) himeera.

“Waahillan isaa, namoota beeknu waliin ta’uun dabatara baankii banuun gargaarsi akka sassaabamu qindeessuuf hojjachaa jirra,” kan jedhu artist Taaddalaa, hawaasni Oromoo mara karaa kanaan tumsuun dirqama sabaa akka bahatan waamicha taasiseera.  

“Soorsaan amma darbeera. Haata’u malee, hojii hin dabarre hojjateera. Uummanni Oromoos maatiisaaf wanta barbaachisu akka tumsan gaafachuu barbaanna. Sababni isaas ijoolleensaa kunneen oolmaa abbaa isaanii fi Oromummaa ofiitti boonuu qabu,” jedhe. AS

Related Articles

Back to top button