ODUUSEERA FI HAQASIYAASA

Oduu: Sudaan Kibbaa waliigaltee laga Abbayyaa raggaasifte

Adoolessa 11, 2024 – Mariiwwan garaagaraa gaggeeffaman hordofuun paarlaamaan biyyaalessaa Sudaan Kibbaa waliigaltee haala itti fayyadama bishaan Abbayyaa raggaasiseera.

Ministirri Haqaa fi Dhimma Heera Mootummaa, Rubeen Maadool, waliigaltichi Mudde 7, 2023 akka ragga’uuf mana maree dhiyeessanii kan ture ta’us mariin gaggeessaa waan tureef waliigaltee kana raggaasisuu hin dandeenye. 

Ji’a torba booda dura taa’aan koree addaa qabeenya bishaanii fi jallisii Gaatlu’aak Ri’eek Jaak Hagayya 2023 keessa mana marichaatiif gabaasa dhiyeessee ture.

Sudaan Kibbaa laga Abbayyaatti fayyadamuudhaan bu’uuraalee misoomaa eegaluuf qophii ta’uu dubbihimaan paarlaamaa Oliivar Moorii ibsaniiru.

Biyyoonni gurguddoon 11 yaa’a bishaan Abbayyaa keessatti argaman Itoophiyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Masrii, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Burundii, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Eertiraa fi Keeniyaa ni dabalata. 

Waliigaltee Bu’uura Gamtaa Yaa’a Bishaan Abbayyaa( akkaataa itti fayydama bishaan Abbayyaatiif haala mijeessuun guddina itti fufiinsaa dhaloota ammaa fi egeree mirkaneessuudha jedhame. Akkasumas,  Komishinii Bishaan Laga Abbayyaa hundeessuuf hojjatamaa jiraachuu ibsameera.

Waliigaltee kana raggaasisuun Sudaan Kibbaa humna maddisiisuu dabalatee qabeenya laga Abbayyaatti fayyadamuuf haala fooyya’aa kan uumuuf ta’uu eerameera.

Caamsaa bara kanaa manni marichaa sababa walirra bu’uu mariilee garaagarraatiin waliigatichi osoo hin raggaasifamin harkifachuu ibseera.

Sudaan Kibbaa waliigaltee kana raggaasisuufqorannoo gaggeessaa jiraachuu bara 2021 keessa ibsitee ture.

Sudaan fi Misra waliigaltee bishaan Abbayyaa mirga itti fayyadama bishaanii keenya ni huba jechuun waliigaltee kana mormaniiru. AS

Related Articles

Back to top button