ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Aanaa Sulultaatti haleellaa hidhattoonni WBO raawwataniin Ajajaa Poolisii aanichaa dabalatee namoonni lama ajjeefaman

Finfinnee, Muddee 11/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti haleellaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kaleessa Muddee 10, 2024 raawwataniin Ajajaa Poolisii Aanaa Sulultaa Komaandar Laggasaa Siyyuum dabalatee namoonni lama ajjeefaman. 

Haleellichi iddoo addaa Roob Gabayaa jedhamutti kan raawwatame yoo ta’u, namoota ajjeefaman dabalataan namoonni lama madaa’uufi namoonni biroo lama ukkaamfamanii fudhatamuu kominikeeshiniin aanichaa ibseera. 

Namoota haleellaa madaa’an keessaa Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanichaa Sisaay Bashaadaa akka argamanii fi wal’aansaaf gara Hospitaala Caancoo geeffamuu miidiyaaleen gabaasaniiru. 

Qondaaltonni nageenyaa haleellaan irratti raawwatame kunneen waliigaltee araaraa tibbana mootummaa fi Ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaa’e “raawwachiisuuf marii hawaasaaf bobba’an” ta’uu kominikeeshiniin aanichaa ibseera. 

Kominikeeshiniin aanichaa ibsa isaatiin, “mootummaan humni shororkeessaa ABO-Shanee karaa nagaatiin akka galan tattaaffii olaanaa gochaa otoo jiruu bifa waamicha Abbootii Gadaa, Haawwan Siinqee fi mootummaa irraa maqeen gochaa qaanessaa raawwatee jira” jedhe.

Ajjeechaa qondaaltota nageenyaa aanichaa irratti raawwatame kanaan walqabatee Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa fi aanga’oota aanichaa irraa yaada argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. 

Haata’u malee, jaarmiyaan hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo gama isaatin ibsa kaleessa galgala baaseen, haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera. 

“Oppireeshinii” konkolaataa paatroolii irratti qiyeeffateen Komaadar Laggasaa Siyyuum ajjeefamuufi Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa aanichaa Sisaay Bashaadaa madaa’uu kan ibse WBOn, miseensota Raayyaa Ittisaa fi Poolisii biroo ajjeesuu fi kaan ukkaamsee fudhachuu ibseera. 

Taateen kun waldhabdee waggoota jahaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduutti adeemsifamaa ture keessatti ajjeechaa qondaaltota mootummaa irratti xiyyeeffatee raawwatame keessaa isa tokkodha.

Ji’a Sadaasa 2024 Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee qaamolee nageenyaa 45 ol ajjeefamuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. 

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa ibsa yeroos baaseen ajjeechaan kun “ABO Shaneetin raawwatame” jedhe. Jaarmiyaan hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoos haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera. 

Ji’a Waxabajjii 20 bara 2023 godina Shawaa Kibba Lixaatti bulchaa aanaa Saden Soddoo kan turan Baqqalaa Kachaa hidhattoota eenyummaan isaa hin beekamneen rasaasaan ajjeefamaniiru.

Isa dura Waxabajjii 8, 2023 godina Shawaa Lixaatti bulchaa itti aanaa aanaa Ada’aa Bargaa kan ta’an Abdiisaa Kananii naannawa mana jireenya isaanitti hidhattootaan ajjeefamuun isaa ni yaadatama. 

Sadaasa bara 2023 itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa godina Wallagga Bahaa kan turan Dassaalanyi Bokonjaa, mana jireenyaa isaanii magaalaa Naqamtee keessa argamu fuuldura rasaasaan rukutamanii ajjeefamuus ni yaadatama.

Walitti bu’iinsi kun lubbuu namaa balleessuufi dhiittaa mirga namoomaa geessisu dabalataan bu’uuraalee misoomaa hawaasni itti fayyadamu waggootaan akma danqamu taasiseera. AS

Related Articles

Back to top button