Xiinxala Oduu: Achi buuteen miseensota tuuta Gadaa Karrayyuu guyyoota dura hidhaman dhabamuun maatii fi hawaasa biratti yaaddoo uume

Finfinnee, Amajjii 24/2025 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti dhimma miseensota tuuta Gadaa Karrayyuu fi jaarsolii biyyaa lakkoofsaan 20 Amajjii 06, 2025 hidhamanii eessa buuteen isaanii dhabame isaan yaaddeessuu maatii fi jiraattonni himan.
Abbaa Gadaa Tuulamaa fi Walitti-qabaa Ittaanaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa kan ta’an Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaas abbootii Gadaa fi jaarsoliin Karrayyuu 20 ta’an akka hidhaman odeeffachuu Addis Standard’tti mirkaneessaniiru.
Miseensonni tuuta Gadaa Karrayyuu 10 fi jaarsoliin biyyaa gara 10 ta’an walgahiif mana isaanirraa waamamanii bakka walgahanitti qaamolee nageenyaatin erga fudhataman guyyoota 18 darbuu fi yeroo ammaa eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu namoonni Addis Standard dubbise himaniiru.
Namni miseensi maatii isaanii jalaa hidhame tokko akka Addis Standarditti himanitti, guyyoota 18 dura [Amajjii 06] bulchiinsi aanaa Fantaallee namoota amma achi buuteen isaanii dhabame dabalatee namoota hedduu walgahiif waamuun erga walitti qabee booda namoonni walitti qabaman qamoolee nageenyaan fudhatamuu odeeffachuu hime.
“Kan hidhame namoota baay’eedha, garuu kan eessa buuteen isaanii dhabame nama 20 ta’u. Hanga ammaatti iddoo isaan jiran wanti beeknu hin jiru. Hidhaa keessa jiraachuu isaanis wanti nutti himame tokkos hin jiru. Du’uu fi jiraachuu isaanii wanti dhageenye hin jiru” jechuun yaaddoo isaanii ibsu.
Miseensi maatii jaarsa biyyaa kan biraa Addis Standard dubbisees maatii namoota kanneen dabalatee hawaasni Karrayyuu nageenya miseensota jila Gadaa butamaniif yaadda’uu himan.
Du’uu fi jiraachuu isaanii wanti dhageenye hin jiru” – Miseensa Maatii
Guyyaa namoonni kunneen qabamanitti namoota walga’ii keessa ture tokko gara maatiitti bilbiluun, “manguddoota biyyaa fi abbootii Gadaa namoota kaan irraa adda nu baasanii eessa akka nuun dhaqan hin beeknu” jechuun maatiitti himuu yaadachiisan.
“Erga fudhatamanii asi eessa akka geeffaman wanti nu beeknu hin jiru. Nyaata fi wantoota isaan barbaachisu qabannee barbaadaa turre, garuu arguu hin dandenye. Yeroo qaama mootummaa waajjira poolisii aanichaa keessa jiran gaafannettis namni asitti hidhame hin jiru nuun jedhan” jechuun miira yaaddoo keessa jiran ibsaniiru.
Nagaasaan (maqaan nageenyaan jecha kan jijjiirame) jiraataa aanaa Fantaallee dhimma kana itti dhiyeenyaan quba qabuuti. Sababiin miseensota jila Gadaa fi jaarsolii biyyaa kunneen hidhamaniif “maaliif miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo [kan mootummaan Shanee jedhee waamu] galchuu diddan” jedhamanii ta’uu Addis Standarditti hime.
“Baatii tokko dura yeroo abbootii Gadaa fi jaarsoliin biyyaa akkuma iddoolee kaani hidhattoota WBO qe’ee isaanitti akka deebi’an gochuu qabdan yookaan sirna wal harka fudhiinsa baallii Gadaa gaggeeffachuu hin dandeessan jedhamanii turan.’’
Kanas irra deddeebiidhaan kana itti himame ta’uu kan eere jiraataan kun, abbootiin Gadaa garuu namoota fedhii qaban akka galan simachuu malee kanneen hafan waliin walitti dhufeenya tokkoyyuu waan hin qabneef “waan tokko gochuu hin dandeenyu. Sirni Gadaa barootaaf dhaalamee asiin gahe kunis sababa kanaan addaan cituu hin qabu” jedhanii aanga’ootatti dubbachuu hime.
Kana malees, abbootiin Gadaa kunneen aanichatti nageenya amasiisaa dhabamuun walqabatee misoomawwan bu’uuraa tajaajila kennaa akka hin jirre eeruun nageenya amasiisaa fiduuf mootummaa faana akka hojjetan waadaa galuu yaadachiiseera.
Abbootiin Gadaa fi manguddoonni hidhaman kunneen erga baatii tokko dura sirna buttaa qaluu raawwatan booda kan fudhaman ta’u ibsuudhaan, isaanis miseensota Gadaa Michillee irraa Roobaa Jiloo Jeenboo, Gurroo Roobaa Hanbuu fi Haldaggoo Fantaallee dabalatee hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu eere.
Akkasumas jaarsolii biyyaa irraa Abbabaa Abbulloo, Qoonjoo Jiloo Godeetti, Umaar Roobaa Ayyaanaa, Huseen Bultum, Waariyoo Asaboot, Dhaddachoo Biiftuu, Hawee Jiloo fi Arroollee Bulaa dabalatee hedduun akka argaman ibseera.
Isaan ala namoota baadiyyaa irraa gabaadhaaf dhufan dabalatee kanneen magalaa keessatti argaman 150 ta’an waajjira bulchiinsa magaalaa Matahaaraatti, akkasumas namoonni 300 ta’an biroo naannoo martii jedhamutti dallaa hoolotaaf ijaarame keessa hidhamanii turuu eeruun, yeroo hidhaa keessa turanitti kirkirri lafaa isaan yaadeessaa akka turees dubbate.
‘Taateen bara 2021 akka hin deebine sodaanna’
Muddee 2021 keessatti Abbaa Gadaa Kadir Hawaas Boruu dabalatee Abbootiin Gadaa Karrayyuu 14 humnoota nageenyaa mootummaatin erga butamanii booda ajjeefamanii argamuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture.
Yeroos mootummaan ajjeechaa kana keessaa harka akka hin qabne waakkatuus, ajjeechaan kun raawwatame qaamolee nageenyaa mootummaatin ta’uu gabaasaalee qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa fi miidiyaan idil addunyaa Rooyitars yeroo garagaraatti baasan saaxileera.
Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu garuu asirratti hin dhaabbanne. Bitootessa 2023 Abbaan Gadaa Karrayyuu kan ajjeechaa bara 2021 irraa hafan, Hawaas Maatoo Booraa, “garee hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufaniin” rasaasaan rukutamanii ajjeefamuu Addis Standard gabaasuu ni yaadatama.
Miseensonni tuuta Gadaa Karrayyuu hidhamuu nan beeka. Garuu garam akka geeffaman quba hin qabu” – Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa
Jiraataan aanaa Fantaallee taatee tibbanaa ilaalchisee Addis Standard dubbise, taateewwan bara 2021 irraa kaasee irra deddeebiin abbootii Gadaa Michillee Karrayyuu irratti mudate ammallee akka hin uumamne sodaa qabaachuu hime. “Taateen bara 2021 akka hin deebine sodaa guddaa keessa jirra.”
Dabalataan siyaasa fi sirna Gadaa gargar baasuun akka barbaachisu eeruun, qaamoleen nageenyaa mootummaa Abbootii Gadaa Karrayyuutti deddebi’uun jiraattota kan mufachiise akka ta’e himeera.
Dhimma kana irratti aanga’oota aanichaa dubbisuun yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.
Haata’u malee bulchaan aanaa Fantaallee Obbo Hawaas Carcar fi Itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenyaa aannichaa Obbo Kadir Roobaa yaada BBC’tti laataniin, miseensoonni abbootii Gadaas ta’ee jaarsoliin biyyaa haala kanaan hidhaa jiran akka hin jirre haalan.
Abbaa Gadaa Tuulamaa fi Walitti-qabaa Ittaanaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa kan ta’an Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa gama isaaniin, abbootii Gadaa fi jaarsoliin Karrayyuu 20 ta’an akka hidhaman odeeffachuu Addis Standard’tti himan.
“Miseensonni tuuta Gadaa Karrayyuu hidhamuu nan beeka. Garam akka geeffaman, qaama kamiin akka hidhaman garuu wanti quba qabu hin jiru. Maatii keessaas namni natti siqee wanta akkanaatu jira naan jedhees hin jiru,” jedhan.
Maatii namoota hidhaman irraa eeruu isaan qaqqabe akka hin jirre kan eeran Abbaa Gadaa Goobanaan, ta’us kanneen hidhaman keessaa 10 gadhiifamuu isaanii namoota kaan irraa dhagahuu himan. AS