Finfinnee, Sadaasa 28/2024 – Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu, adeemsi hidhattoota hidhannoo hiikkachuu fi deebisanii ijraaruu (DDR) Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru “haala itti hogganamaa jiru sirrii miti” jedhe.
Dura-taa’aa Itti-aanaa dhaabichaa Amaanu’eel Asaffaa haala yeroo naannichaa ilaalchisee ibsa kaleessa Sadaasa 27, 2024 laataniin, akkaataa Waliigaltee Piriitoriyaatin loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuun dura “humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa ala ta’an Tigraay keessaa bahuu qabu” jedhan.
“Loltoota kanaa deebisanii ijaaruuf maallaqni kennamu gadi aanaa ta’uu qofa osoo hin taane, jireenya isaanii haala itti fufiinsa qabuun akkamitti gaggeessuu akka danda’an karoorri qophaa’uu qaba,” jedhan obbo Amaanu’eel.
Karaa itti fufiinsa qabuun jireenya isaanii haala mijeessuun hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itti dabaluun, “bulchiinsi yeroo naannichaa [Geetaachoo Raddaan hogganamu] haala Waliigaltee Piritooriyaa waliin wal hin simneen harka namoota dhuunfaatti kufeera. Waliigaltichi hojiirra oolaa akka hin jirre gamaaggamneerra” jechuun ejjennoo paartii isaanii ibsaniiru.
Obbo Amaanu’eel ibsa isaaniin “hoggansa bulchiinsa yeroo naannichaa waggoota lamaaf karoora malee bulchaa ture” jechuun qeeqaniiru.
“Bulchiinsichi ergama nageenya naannichaa eegsisuu, naannicha dandamachiisuu fi itti gaafatamummaa yakka duguuggaa sanyii mirkaneessuu kennameef raawwachuu dadhabuu qofa osoo hin taane faallaa kanaa hojjechaa jira” jedhan.
Haa ta’u malee bulchiinsi yeroo naannichaa “hojii kennameef hin hojjenne” jechuun himataniiru.
Hoggansa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu fi Geetaachoo Raddaan durfamu gidduu waldhabdeen uumame yeroo ammaa kana daran bal’ateera.
ABUT kora ji’oota muraasa dura gaggeesseen dura taa’aa itti aanaa dhaabichaa kan turan Geetaachoo Raddaa itti gaafatamummaa paartii irraa kaasuun bakka isaanii Amaanu’eel Asaffaa dura taa’aa itti aanaa gochuun filachuu ni yaadatama.
Pireezidaantiin Bulchiins Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa ibsa Sadaasa 10, 2024 laataniin gareen Adda Bilisummaa Ummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin hogganamu bulchiinsa yeroo Tigraay irratti fonqolcha mootummaa “ifatti” gaggeessaa jiraachuu ibsanii turan. AS