Oduu: Tigraay keessatti waraana booda tamsa’inni dhibee HIV dachaa lamaan dabaluu qorannoon akeeke
Finfinnee, Muddee 05/2024 – Qorannoon dhiheenya kana Inistiitiyuutiin Qorannoo Fayyaa Tigraay (THRI) gaggeesse naannoo Tigraay keessatti tatamsa’inni HIV/AIDS dabaluu mul’ise. Kunis waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen dura 1.4% ture irraa gara 3% ol guddachuu ibsameera.
Qorannoon aanaalee 30 keessatti gaggeeffame kun kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an kanneen akka buqqaatotaa biratti tatamsa’inni dhibee kanaan 5.5%, dubartoota daldala saalqunnamtii irratti bobbahan biratti ammoo 8.5% gahuu ibseera.
Daarektara Itti aanaa Inistiitiyuutiin Qorannoo Fayyaa Tigraay Tsaggaay Haadguu, qorannoon Lixa Tigraay hin dabalanne kun tamsa’ina dhibee HIV fi dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban biroo adda baasuu keessatti hubannoo olaanaa kennuu dubbataniiru.
Keessattuu aanaalee akka Raayyaa Azaboo, Kilte Awlaaloo, fi Haawzeen keessatti tamsa’inni vaayirasichaa olaanaa ta’uu kan ibsan Obbo Tsaggaay, gandoonni baadiyyaa tajaajila eegumsa fayyaa argachuuf rakkoon guddaan akka isaan mudatu himaniiru.
Obbo Tsaggaay akka ibsanitti waraanni kun sirna eegumsa fayyaa Tigraay haalaan kan jeeqe yoo ta’u, tajaajiloota ijoo kanneen akka qorannoo HIV, yaala farra vaayirasii (ART), fi hordoffii irratti dhiibbaa uumeera. Itti dabaluunis buqqa’iinsi, wabii nyaataa dhabuu fi miidhaa saalaa tatamsa’ina vaayirasichaaf daran gumaacheera jedhan.
“Argannoowwan kunneen Tigraay keessatti tajaajila ittisa HIV, qorannoo, fi wal’aansa HIV cimsuun hatattamaan akka barbaachisu hubachiisa,” jechuun Tsaggaay Addis Standard’tti himaniiru.
Bara 2022tti tamsa’inni dhibee HIV sadarkaa Itoophiyaan jiru gara dhibbeentaa 0.93tti yoo gadi bu’u, naannoo Tigraayitti hanqina qoricha farra vaayirasii, meeshaalee qorannoo, fi dhiyeessii barbaachisoo biroo itti fufee jiruun haalli hammaataa ta’uu hubachiisaniiru.
Tooftaalee ittisaa fi to’annoo bu’a qabeessa ta’an hojiirra oolchuuf dhaabbilee fayyaa qofa osoo hin taane tattaaffii hawaasaa bal’aa hirmaachisuun hatattamaan barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Caamsaa bara 2024 Biiroon Fayyaa Tigraay erga waraanni Sadaasa 2022 xumuramee as dhukkubsattoonni HIV/AIDS 13,000 ol eessa buuteen isaanii akka hin beekamne ibsuun yaaddoo isaa ibsuu Addis Standard gabaase ture. AS