ODUUSIYAASA

Oduu: TPLF “haala addaatin” galmaa’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise

Finfinnee, Hagayya 10/2024 – Adda Bilisummaa Ummataa Tigraay “haala addaatiin” paartii siyaasaa ta’ee akka galmaa’u murtaa’uu Boordii Filannoo Biyyaalessaa beeksise. Haata’u malee, paartichi seera qabeessummaa waraana dura qabutti akka deebi’u gaaffii dhiyeesse “fudhatama hin arganne” jedhe boordichi. 

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa xalayaa kaleessa Hagayya 03, 2016 ALI ifa godhe akka ibsutti, TPLF seera qabeessummaa duraan qabutti osoo hin deebi’in haala addaatiin galmaa’e. “Haala addaatiin waraqaa ragaa seera qabeessummaa kennameefi jira” jedhe.

TPLF xalayaa Adoolessa 19, 2016 ALI Boordiin Filannoo Biyyaalessaaf barreesseen seera qabeessummaan paartichaa gara duraan turetti akka deebi’u gaafachuu kan eere boordiin filannoo, labsii fooyya’e keessatti tumaa “dhaaba gocha fincila irratti bobba’uun haqame ture, seera qabeesummaa duraan qabu deebise akka argatu eeyyamu hin jiru” jechuun gaaffii dhiyaate akka hin fudhanne ibseera. 

Gama biraatiin, Ministeerri Haqaa xalayaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf barreesseen, TPLF sochii fincilaa dhiisee sirna dimokiraasii heera mootummaa kabajuuf waliigaluu isaa eeruun, boordichi haala addaatiin akka paartii seera qabeessaatti akka galmeessu murteessuu beeksise ture.

Boordichis guyyaa xalayaan murtee galmeessa haala addaa of keessaa qabu paarticha qaqqabee kaasee ji’a jaha keessatti paartichi bakka taajjabdoonni boordii filannoo argamanitti yaa’ii waliigalaa akka gaggeessu hubachiiseera. 

Yaa’ii kanarrattis dambii ittiin bulmaataa paartichaa akka raggaasisu, akkasumas hoggantoota akka filachiisu boordichi murteessuu akeekeera. Paartichi yaa’iin waliigalaa kun gaggeeffamuu isaatin guyyaa 21 dura boordii filannootti beeksisuu akka qabu eerameera.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi Itti aanaan Dura taa’aa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Geetaachoo Raddaa yaa’ii paartiin isaanii dhiyeenyatti gaggeessuuf karoorse irratti kan hin hirmaanne ta’uu xalayaa Kamisa darbe dura taa’aa paartichaaf barreessaniin beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Xalayaa Dabratsiyoon G/mikaa’eelitti barreeffame kanaan, “adeemsa dimokraatawaa fi seera qabeessummaa yaa’icha irratti waliigalteen osoo irra hin ga’amiin, akkasumas koreen giddugaleessaa paartichaa irratti osoo hin murteessiin sochiin taasifamu sirri miti,” jedhan.

Itti dabaluunis, “sochii murna tokkoon amma gaggeeffamaa jiru paarticha kan diigu waan ta’eef cimsee nan morma,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button