Oduu: Ugguramuun balallii duula lammiilee Itoophiyaa Liibaanos deebisuu danqe
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2024 – Uggurri balallii xiyyaaraa duula lammiilee Itoophiyaa Liibanos irraa gara biyyaa deebisuu danquu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.
Sababa haleellaa humnoota Israa’eeliifi Hidhattoota Hizbollaa gidduutti taasifamaa jiruun tajaajilli balallii xiyyaaraa ugguramuu hordofee hojiin lammiilee Itoophiyaa gara biyyaa deebisuun danqamuu ministeerichi ifoomse. Haa ta’u malee, lammiileeen Itoophiyaan 5,000 ol ta’an gara biyyaa deebi’uuf galmaa’uu ifoomeera.
Dubbihimaan ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo VOA’tti akka himetti, lammiilee Liibaanos irraa gara biyyaa geejjibuun rakkisaa ta’uu himeera. Sababii balalliifi sochiin naannichatti ugguramee jiruuf keessumaa lammiileen sanada eeyyamaa gahaa hin qabne geejjibuun rakkisaa ta’uu himameera.
Itoophiyaanonni 150,000 ta’an seeraan galmaa’anii Libaanos keessatti hojjachaa jiraachuu Nabiyaat dubbateera. Lammiilee kanneen gara biyyaa deebsiuun ulfaataa ta’uu ibseera.
Kana malees, mootummaaan Liibaanos seera eeyyama jireenyaa cimaa hojiirra oolchuunsaa namoota yeroon eeyyamaa irra darbe kaffaltiidhaan adabaa jiraachuu ambaasaaddarichi eereera.
Haa ta’u malee, hanga yoonaatti lammiileen 125 gara biyya deebifamuu yaadachiiseera. “Rakkoon haa jiraatu malee lammiilee keenya gara biyyaa deebisuuf cimsinee yaalii taasisaa jirra,” Nabiyaatiitu jedhe.
Ministeerri dhimma alaa lammiilee 51 gara Itoophiyaa deebisuu beeksisuun lammiilee hafan deebisuuf hojjachaa jiraachuu Onkololeeessa keessa ibsee ture.
Jalqaba ji’a Onkololeessaa keessa Koreen biyyaalessaa kan deetaa ministeera dhimma alaa Aadde Birtukaan Ayyyaanootiin hogganamu lammiilee kana hgara biyyaa deebisuuf “carraalee jiran hundatti kan fayyadamu ta’uu ibsuun ni yaadatama. AS