ODUUSIYAASA

Oduu: Ugguramuun dhaabbilee siivilii sadii qeeqamaa jira; Mootummaan “yeroo gabaabaatti murtii dhumaa laatama” jedhe

Finfinnee, Sadaasa 29/2024 – Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siviilii hawaasaa sadii “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaatan” jechuun eeyyama dhorkuu hordofee dhaabbileen idil addunyaa mirga namoomaaf falman murtii kana qeeqaa jiru. 

Dhaabbileen dhorkaman Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD), Itoophiyaatti Gurmuu Mirga Namoomaaf akkasumas Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf jedhamanidha.

Dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa ‘The World Organisation Against Torture’ jedhamu murteen mootummaan dabarse kun “dirree dhaabbilee siviilii dhiphisa” jechuun qeeqe. 

Mootummaan murtee kanaaf akka sababaatti dhaabbilee siviilii kunneen ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ kan jedhe ta’uus dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa kun ibsa isaatin sababni mootummaan kaa’e “bu’uura hin qabu” jedhe. 

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Adoolessa 2024 paarlaamaatti ”dhaabbileen maqaa mirga namoomaatiin ijaaraman akka lilmoo boolla ofii tolchuu hin dandeenyedha” jechuu isaanii kan yaadachiise dhaabbatichi, jechi isaanii kun murtiin laatame siyaasaan ta’uu agariisa jedhe. 

Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal gama isaatin murteen dhaabbilee siivilii sadii dhorkuun “dirreen siviilii dhiphachaa jiraachuu agarsiisa” jechuun qeeqe.

Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siviilii Hawaasaa Itoophiyaa ibsa kaleessa Sadaasa 29, 2024 laateen dhaabbilee sadii dhihoo dhorkaa kaa’erratti “murtee xumuraa yeroo gabaabaa keessatti” akka dabarsu beeksise.

Daayirektarri Itti Aanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Faasikaaw Mollaa, taateewwan tokko tokko eeruun “dirreen dhaabbilee siviilii dhiphate jedhanii gudunfuun” sirrii miti jedhan.

Dhaabbilee siivilii eeyyama dhorkaman keessaa tokko kan ta’e Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii ibsa Sadaasa 22 baasaniin, gochaalee uggura kanaaf akka sababaatti eeraman “dhugaa irraa kan fagaate” jechuun ibseera. 

“Dhaabbanni keenya waa’ee adeemsa qorannoo uggura kanaaf akka sababaatti eerame ilaalchisee waan tokkollee kan hin beekne ta’uu ala, murtiin kenname hojimaata seeraa barbaachisaa ta’e kan hin hordofne ta’uu ibsuu barbaanna,” jedhe.

CARD yeroo ammaa kana murtoo uggura irratti darbee akka ka’uufi waldhabdeen uumame furmaata akka argatuuf  “hafuura wal tumsuu fi akkaataa seeraatiin” yaalii gochaa jiraachuu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button