Finfinnee, Muddee 11/2024 – Dhaabbilee Hawaasa Siivilii sadii irratti uggurri Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa kaa’ee ture kaafamuu maddeen dhimmichatti dhihoo ta’an Addis Standard’tti himan.
Baatii Sadaasa darbe Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD), Waldaa Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (AHRE), fi Ogeessota Seeraa Mirgoota Namoomaaf (LHR) “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaatan” jedhamuun ugguramanii turan.
Namni dhaabbilee sadan keessaa tokko keessatti hojjetu Addis Standard’tti akka himetti, dhaabbileen sadan xalayaa har’a Abbaa Taayiticha irraa ergameefin uggurri isaanii irraa kaafamuu hubatan.
Abbaan Taayitichi kaafamuu uggura kanaaf sababa akka hin dhiyeessine kan hime maddi kun, “akka hubannoo keenyaatti abbaan taayitichi sababa murtoosaa deeggaru hin arganne. Uggura keenyaas kan kaase kanaafi,” jedhe.
Itti dabaluun, uggurri kun yeroodhaaf kan darbe fi dhimmoota jedhaman akka qoratuuf kan yaadame ta’uu himeera. Haa ta’u malee, dhaabbatni isaanii seera kamiyyuu akka hin cabsine fi kanaan dura akeekkachiisni laatameefi akka hin beekne ibseera.
“Uggurri kun dhaabbilee sagalee ta’an irratti kan xiyyeeffatee, dirree siivilii kan danquu fi bilisummaa dhaabbilee daangeessuuf yaalii godhame jennee amanna,” jechuun hime.
Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaa ji’a Sadaasa darbe dhaabbilee kanneen ugguruu hordofee Giddugalli Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii ibsa baaseen, gochaalee uggura kanaaf akka sababaatti eeraman “dhugaa irraa kan fagaate” jechuun ibseera.
Dhaabbileen idil addunyaa mirga namoomaaf falmanis murtii kana qeeqaa turaniiru. Dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa ‘The World Organisation Against Torture’ jedhamu murteen mootummaan dabarse kun “dirree dhaabbilee siviilii dhiphisa” jechuun qeeqe.
Mootummaan murtee kanaaf akka sababaatti dhaabbilee siviilii kunneen ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ kan jedhe ta’uus dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa kun ibsa isaatin sababni mootummaan kaa’e “bu’uura hin qabu” jedhe.
Dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal gama isaatin murteen dhaabbilee siivilii sadii dhorkuun “dirreen siviilii dhiphachaa jiraachuu agarsiisa” jechuun qeeqe. AS