DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Uummanni Salaalee hiriira bahuun walitti bu’iinsa Oromiyaa goolaa jiru nagaan akka furamu gaafatan 

 Finfinnee, Hagayya 27/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa magaalota Sulultaa fi Caancootti jiraattoonni kumaatamaan lakkaawwaman Hagayya 26, 2024 hariira bahuun walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu adeemsifamaa jiru karaa nagaan akka furamu gaafataniiru. 

Dhiheenya kana godina Shawaa Kaabaa keessatti aanaaleen hedduun hiriira walfakkaataa walitti bu’iinsi naannoo Oromiyaa keessa deemaa jiru akka dhaabbatu gaafatan keessummeessaa turaniiru. 

Hiriirawwan kunneen irratti abbootii Gadaa, abbootii amantii, haadholii Siinqee, barsiisota, jaarsolii, daa’immanii fi dubartoota dabalatee kutaalee hawaasa garagaraa argamuun araara kadhataniiru. 

Jiraataan magaalaa Caancoo hiriira kanarratti hirmaatan Tasfaayee Gabbisaa yaada Addis Standard’tti laataniin, hiriirawwan kanneen keessatti sirnoonni aadaa gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru.

Akka Obbo Tasfaayee jedhanitti, sirnoonni kun wantoota adda taʼan kan akka ijoolleen harqoota baatanii deeman, fardeen dhaabbatanii fi saawwan harqoota baatanii agarsiifamaa ture.

“Hiriira keenya irratti gidiraa fi dararaan waggoota jahaaf nu dhiphise akka dhaabbatu kadhanneerra,” jechuun ibsan.

Itti dabaluunis, godinni Shawaa Kaabaa walitti bu’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo, mootummaa federaalaa fi humnoota Faannoo hirmaachisuun itti fufee jiruun miidhaa hamaa irra ga’uu ibsaniiru.

“Uummanni Salaalee walitti bu’iinsa humnoota sadan gidduu uumamuun miidhamaa jira. Kun akka dhaabbatuuf jiraattonni gara daandiitti bahuun qaamoleen walitti bu’an hidhannoo akka hiikkatanii fi araaraan akka xumuran dhaamaniiru,” jechuun dubbatan.

Jiraataan magaalaa Caancoo fi gaggeessaa amantaa hiriira kana irratti hirmaatan Jaalataa Asfaaw, “walitti bu’iinsi Shawaa Kaabaa keessattuu magaalaa Caancoo keessatti uumame jireenya guyyaa guyyaa haalaan jeeqeera” jechuun Addis Standard’tti himan.

“Sochii, daldala, barnoota, qonnaa, eegumsa fayyaa, fi sochiiwwan hawaasummaa fi dinagdee biroo uggura waraanaatiin gufataniiru,” jechuun ibsaniiru. Jiraattonni magaalattiis nagaan akka bu’u gaafachuu himan. 

Kana malees, torban darbe aanaalee Warra Jaarsoo, Dagam, Dabra Libaanos, Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee fi kanneen birootti hiriira walfakkaataa taasifamuu eeraniiru. 

“Aanaa Sulultaa fi magaalaa Caancootti namoonni kumaatamaan lakkaawwaman sirnoota addaa kan akka farda fi saawwan harqoota baatanii agarsiisuun, akkasumas meeshaalee aadaa akka kallachaa, caaccuu fi marga qabachuun araara kadhataniiru,” jedhan. 

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) hiriira nagaa tibbana naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran ilaalchisee barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, “paartiin biyya bulchu namoota muraasa kakaasuun ummanni Shawaa Kaabaa nagaa gaafate jechaa jira” jedhe.

Uummanni Oromoos ta’e Waraanni Bilisummaa Oromoo irra deddeebiin nagaa gaafachaa turuu kan eere WBO, “waggoota lama dura yeroo paartiin biyya bulchu ‘shororkeessaa waliin marii nagaa hin teenyu’ jechaa tures, har´as, ejjennoon WBO sanuma. Balballi nagaa yeroon itti cufame hin turre,” jedhe. 

Itti dabaluudhaan, hogganni WBO nagaaf jecha wareegama lubbuu yoo barbaades sanaaf qophii ta’uun naannawaa qilleensaa mootummaan to’atu keessa qaxxaamuranii waltajjii nagaatti dhiyaachuun murannoo qaban argisiisuu isaanii eereera.

WBOn ibsa isaatiin, paartiin biyya bulchu ”karoora, qophii, mul’ata, ykn dandeettii qormaata siyaasaafi nageenya walxaxaa biyyattii furuu hin qabu” jechuun qeeqeera. AS

Related Articles

Back to top button