DHIMMA HAWAASAAODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Waaqeffattooonni Baabbileetti hidhaman gadhiifamanis dorsiiniifi reebichi itti fufee jiraachuu ibsame

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Waxabajjii 29, 2024 – Waaqeffattoonni Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbileetti tibbana hidhaman gadi lakkifamanis reebichiifi doorsisni itti fufee jiraachuu Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii Dhaabbata Amantaa Waaqeffannaa Obbo Lammii Baayyee Guutamaa Addis Standard’tti himaniiru.

Waaqeeffattoonni magaala Baabbillee lakkoofsaan 80 ol ta’an “ragaa gahaa malee” too’annoo qaama nageenya jala oolfamuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama.

Miseensonni amantichaa hidhamanii ture guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatiin 10:00 gadi lakkifamanii ture. Haa ta’u malee, naannoo halkan keessaa sa’aatii 3:00tti humnoonni tika mootummaa keessumaa milishaan gara galma waaqeffannaa magaala baabbilleetti argamuu imaluun miseensota achi keessa turan keessaa miseensota 50 hanga 60 rta’an too’achuu Obbo Lammiin dubbataniiru.

Kana malees, miseensota amantichaa 50 hanga 60 ta’an akkasuma halkan edaa deebi’anii too’atanii waajjira poolisii erga bulchanii booda ganama har’aa gadi lakiifamaniiru. Gaggeessitoota dhaabbatichaa shan garuu hanga yoonaatti mana hidhaa akka jiran dabalanii ibsaniiru.

Akka Obbo Lammiitti, sababiin humnoonni tika nageenyaa kuni dhiyeessan “miseensonni kunneen magaala jeeqaa jiru” kan jedhu yoo ta’u ragaan isaan dhiyeessan garuu hin jiru jedhaniiru.

Rakkoo mudate kana furuuf mootummaa naannoo Oromiyaatti iyyachaa jiraachuu dubbihimaan kuni ibsaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Adeemsi bulchiinsi aanaa Baabbillee itti deemaa jiru kuni jibba amantaa waaqeeffannaatiif qaban kan calaqqisiisuu yoo ta’e malee yakki yookiin hokkorri miseensonni amantichaa uuman hin turre jedhaniiru.

Halkanuma edaa naannoo sa’aatii afuritti deebi’anii galma dhaquun asitti waaqeffachuun hin danda’amu jechuun galma keessaa reebanii amantoota baasuun har’uma magaalaa Baabbillee gadhiisanii akka bahan taasisuun himameera.

Miseensota hafan konkolaataadhaan fe’aniii halkanuma gara magaala Harar geessaniru jedhame. Miseensoti amantichaa kanneen keessa daa’immaniifi dubartoonni dararamaa turuu Lammiin ibseera.

“Baabbileen Waaqeffannaaf kana qabdi,” jechuun komii qaban Obbo Lammiin ibsuun walqixxummaan amantiilee heeraan labsamee hojiirra akka oolu gaafataniiru. AS

Related Articles

Back to top button