DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Waldaan Barsiisota Tigraay ajjeechaa barsiiftuu Biriktii Tasfaamaariyaam irratti raawwatame balaaleeffate 

Finfinnee, Hagayya 16/2024 – Naannoo Tigraay godina Kaaba-Lixaa magaalaa Shiree Indasillaaseetti ajjeechaa Hagayya 07, 2016 barsiiftuu saayinsii uumamaa Biriktii Tasfaamaariyaam irratti raawwatame waldaan barsiisota naannichaa balaaleffate.

Satiit Humaraa keessa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Afawarqiitti barsiisaa kan turte Biriktiin, sababa waraana Tigraayiin buqqaatee maatii ishee waliin magaalaa Shiree keessa jiraachaa akka turte ibsameera.

Ibsa waldichaa Addis Standard ilaale, “yakkamtoonni abbaa manaa Biriktii mana akka hin jirre erga mirkaneeffatanii booda ijoollee ishee fuulduratti ajjeesan,” jedhe.

Waldichi mootummaan federaalaa fi humnoonni nageenyaa naannichaa dhimmicha qoratanii namoota yakka raawwatan seeratti akka dhiyeessan waamicha dhiyeesseera. Itti dabaluun, nageenyi buqqaatota naannichaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uus cimsee hubachiiseera.

Waraana Tigraay booda rakkoon nageenyaa naannichatti babal’achaa kan jiru yoo ta’u, butamuu, saamichaa fi ajjeechaawwan hedduu raawwatamaa jiru.

Ji’a Bitootessa keessa ugguramtee ji’a Waxabajjii keessatti kan ajjeefamte daa’imti ganna 16 Maahilet Taklaay dabalatee gocha ajjeechaa fi ugguruu naannicha keessa sadarkaa yaaddeessaarra gahe ilaalchisee Addis Standard tibbana gabaasa tokko maxxansuun isaa ni yaadatama. 

Dhiheenya kana waldaaleen siivikii Tigraay keessa socho’an 27 ibsa waloo baasaniin, ji’oottan 11 keessatti dubartoonni 12 ajjeefamuu, 80 gudeedamuu, 10 butamuu, 178 irratti ammoo yaaliin ajjeechaa raawwatamuu ibsaniiru.  

Waldaaleen kunneen yakkoota kana dhaabsisuuf iftoominaa fi itti gaafatamummaa jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e yaadda’uu ibsaniiru.

Ji’a Waxabajjii keessa Adigraatii fi Maqalee dabalatee magaalota naannichaa hedduu keessatti hiriira mormii miidhaa saala irratti hundaa’e naannicha keessatti raawwatamaa jiru akka dhaabbatan gaafatu gaggeeffameera. AS

Related Articles

Back to top button