DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Waldaan Maccaa fi Tuulamaa hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kabaje

Finfinnee, Adoolessa 15/2024 – Waldaan Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kaleessa magaalaa Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti kabajeera. Sagantaa kanarratti miseensota fi hoggantoota waldichaa ibsa garagaraa dhiyeessaniiru.

Pirezidaantiin waldichaa Obbo Dirribii Damissee turtii Addis Standard waliin taasisaniin, “waldichi bara 1964 dhaabbata wal gargaarsaa ta’ee eenyummaa Oromoo guddisuu fi bu’uuraalee barbaachisoo kanneen akka manneen barnootaa, dhaabbilee eegumsa fayyaa, daandii, fi dhiyeessii bishaanii hawaasa Oromoof misoomsuuf hundeeffame,” jedhan.

“Waldaan Maccaaf Tuulamaa erga hundeeffamee kaasee hojiilee namoomaa irratti xiyyeeffachuun barnoota, eegumsa fayyaa, kunuunsa aadaa, fi misooma bu’uuraalee misoomaa keessatti gumaacha guddaa taasiseera.”

Itti dabaluun, waldichi namoota Lixa Oromiyaa irraa buqqa’anii fi kanneen hongee Booranaa fi Gujii keessatti mudateen miidhamaniif itti fufiinsaan deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru. “Barattoota yunivarsiitii fi hoggantoota Gadaaf yeroo rakkinaatti gargaarsa ni kennina, akkasumas namoota qe’ee isaanirraa buqqa’aniif nyaata, uffata, zayita ni dhiheessina,” jechuun dubbatan.

Waldaan Maccaaf Tuulamaa turtii waggaa 60 keessatti qormaata isa mudate yeroo yaadachiisan, “Taaddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, fi Alamuu Qixxeessaa dabalatee hoggantoonni keenya hedduun sirna mootummaa Itoophiyaa adda addaa jalatti sochii namoomaa taasisaniin hidhamanii ajjeefamaniiru” jedhan.

Hoggantoota waldichaa akka Maammoo Mazammir, Jeneraal Daawit Abdii, Haayilamaariyaam Gammadaa, Taaddasaa Birruu, Sayifuu Tasammaa fi Koloneel Alamuu Qixxeessaa dararaa hedduuf saaxilamuu kaase.

Waldichi bara mootummaa impaayera fi Dargii, kana malees bara 2011 sirna ADWUI jalatti uggura isa mudatee ture. “Tokkummaa Itoophiyaa balaadhaaf saaxiluun himatame—himata bu’uura hin qabne,” jechuun Obbo Dirribiin ibsaniiru.

Itti fufuun, “qormaanni birokraasii jiraatus waldichi bara 2019tti seera qabeessummaa isaa deebisee argateera” jedhan. “Seenaa keessatti, Maccaaf Tuulamaan waraana, barattoota, hayyoota, fi namoota idilee dabalatee miseensota sadarkaa adda addaa irraa dhufan, saboota biroo kanneen akka Walaayittaa, Sidaamaa walitti fideera,” jedhan. AS 

Related Articles

Back to top button