Oduu: Waldaan Ogummaa Fayyaa Itoophiyaa hakimoonni ‘sababa mindaa isaanii gaafataniif’ hidhaman jiraachuu ibse

Finfinnee, Amajjii 31/2025 – Waldaan Ogummaa Fayyaa Itoophiyaa naannolee tokko tokkotti hakimoonni sababa mindaa isaanii gaafataniif hidhaman jiraachuu eeruun yaaddoo qabu ibseera. Ogeessonni fayyaa gaaffiin isaanii osoo hin furamiin “dhiibbaa hedduu” jalatti hojjechaa akka jiran ibseera.
Waldichi yaa’ii waggaa ogummaa fayyaa 61ffaa fi agarsiisa fayyaa idil-addunyaa Guraandhala 14 – 15, 2025 Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee ibsa baaseen, “Doktooronni biyya keenyaa dhiibbaa hedduu dandamatanii hojii itti fufanis, bara kana hakiimonni hojii isaaniif kaffaltii dhabuun isaan mudateera,” jedhe.
Itti dabaluun, “naannolee tokko tokko keessatti ogeessonni fayyaa sababa mindaa isaanii hin kaffalamiin ture gaafataniif hidhamaniiru” jedhe.
Kana malees, hakiimota biratti hoji dhabdummaan dabalaa dhufuu isaatiin alatti, kanneen “sababii dhukkuba adda addaatiin yaala fayyaa hatattamaa barbaadan, dafanii yaala sirrii argachuu waan hin dandeenyeef lubbuu isaanii dhabaa akka jiran” ibseera.
Waldichi rakkoowwan kanneen irratti qondaaltota waliin marii akka gaggeesse eeruun, “guddina rakkoo kanaa yoo ilaalle, ammallee qooda fudhattoota hedduu irraa deebii qabatama barbaada” jechuun cimsee ibseera.
Yaa’ichi qormaata “doktoroota qofa osoo hin taane ogeessota fayyaa hunda” mudatu irratti ogeeyyii damee kanaa beekamoo ta’an waliin marii ni mijeessa jedhamee akka eegamu ibseera.
Addis Standard kanaan dura ogeessonni fayyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti mindaa hin kaffalamiin walqabatee rakkoon isaan mudate hedduu gabaasee ture.
Onkoloolessa bara 2023 keessa hojjettoonni eegumsa fayyaa godina Haadiyyaa aanaa Badawaachoo Bahaa sababa mindaa isaanii ji’oota sadiif hin kaffalamiin tureef hojii dhaabuun tajaajilli wal’aansaa yeroof akka cufamu taasiseera. Qondaaltonni dhimmicha hanqina baajataan walqabatee akka ta’e himaniiru.
Godina walfakkaataa keessatti Hagayya 2024 hojjettoonni hospitaala sadarkaa tokkoffaa Shonee 300 ol ta’an mindaan isaanii ji’a lamaaf osoo hin kaffalamiin harkifachuu hordofee hojii dhaabanii turan.
Dhiheenya kana Muddee 18, 2024 ogeessonni fayyaa hospitaala sadarkaa tokkoffaa godina Gaamoo aanaa Kaambaa keessa argamu sababa mindaa hin kaffalamiin tureef hojii gadhiisanii doktaroota sadii qofa waan hafaniif hawaasni aanichaa rakkoo keessa galuu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. AS