“Waldhabdeen hoggansa ABUT gidduutti bal’achaa nageenya naannichatti mul’ate kan dukkanneessuudha” – Abuna Maatiyaas

Finfinnee, Amajjii 19, 2025 – Waldhabdeen hoggansa olaanaa Adda Bilisummaa Ummaata Tigraay(ABUT) gidduutti bal’achaa dhufe “nageenya naannoo Tigraayitti mul’ate kan dukkaneessu” ta’uu Paatriyaarkiin Ortodooksii Itoophiyaa Qulqulluun Abuna Maatiyaas dubbatan.

Paatriyaarkichi dhaamsa kana kan darbarsan xalayaa pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Getaachoo Raddaafi dura taa’aa garee ABUT Dabratsiyoon G/Mikaa’eeliif dhuunfaasaaniitti barreessaniin ta’uu barameera.

“Haalonni yeroo gara yerootti hammaachaa deemuun nageenya argame gara balleessuutti adeemaa jra. Isa kana ilaalaa callisuun namaafi Waaqayyoo biratti kan gaafachiisu waan ta’eef xalayaa gorsaaa kana barreessuuf dirqameera,” Abuna Maatiyaas jedheera.

Paatriyaarkichi qaamolee lamaan qaamaan argachuuf yaaliin taasise  milkaa’uu dhabuu hordofee xalayaa barreessuu filachuu ibseera.

Kana malees, waldhabdeen yeroo gara yeroottti dabalaa dhufuufi garaagarummaan bal’achuun adeeemsi hin baramin irra deddeebiin sirnaan mari’achuun hafee wal irratti ka’uun bal’achaa dhufuu hordofee sammuun koo nageenya dhabeera,” dabalee jedheera.

Badiin Tigraayitti raawatame garmalee kan nama mararuufi ulfaataa turuu eeruun ummata naannichaa lolarraa hafe gara jireenya idileetti ni deebi’a jedhee abdatee turuu Abuna Maatiyaas ibseera.

Garaagarummaan garicha gidduuti uumame “jireenya ummata Tigraay ilaalcha keessa kan hin galchineedha” jechuun waldhabdeen hoggansa gidduutti uumame “garmalee rifaasisaadha” jedheera. Rakkoo jiru mariidhaan furuu dadhabuun isa naasisuu paatriyaarkichi ibseera.

“Ga’eessaafi namoota xiinxalan waan ta’aniif rakkoo hawaasichaa ilaalacha keessa galchuun mari’achuun  ni furtu jennee eegnee ture,” jechuun  hoggantoonni garuu “gochaa itti gaafatamummaan hir’ate” raawwachuun aanga’oota kanneen himateera.

“Ummata kanaaf beenyaan malu kanaa ree?” jechuun gadadoon ummanni keessa darbe hammaataa ta’uu yaadachiiseera.

Mormiin aanga’oota gidduutti uumame rakkoon walxaxaan uumuufi  naasisaa ta’uu irra deebiin eeraniiru.

Waldhabdeen hoggansa gidduutti uumame ummata gidduutti garaagarummaa uumaa jiraachuu sodaa qabu ibseera. Karaan aanga’oonni kunneen filatan kuni nageenya argame kan booressuu ta’uu eeruun “karaa badii” ta’uu eereera.

Gorsa kana fudhachuun karaa abdiirraa akka deebi’aniifi gaaffii ummataaf deebii akka laatan paatriyaarkichi aanga’oota gaafateera.

Paatriyaarkichi waamicha biraa torban darbe keessa taasiseen lolli naannolee Oromiyaafi Amaaraa dhabbachuun waldhabdeen aanga’oota Tiraay gidduutti uumame furamuun uummanni naannichaa tasgabbii akka argatau gaafachuu Addis Standard gabaasee ture.

Jireenya lafarraa gaggeessuuf nageenyi barbaachisaa ta’uu paatriyaarkichi waamicha taasoisaniin eeraniiru. AS

Exit mobile version