ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Waldichi mana barumsaa namoomaa Itoophiyaatti kan duraa ta'e eegalsiise

Finfinnee, Amajjii 27, 2025 – Waldaan Qaxxaamura Diimaa mana barumsaa namoomaa Itoophiyaa keessatti si’a duraatiif eegalsiise.

Dhaabbatichi sirna eegalsiisa mana barumsichaa guyyaa har’aa gaggeesseera. Manni barumsichaa magaala Finfinnee naannoo Saariis jedhamutti ijaaramuu ifoomeera. Gosoonni barnootaa sagal qophaa’uufi semisteera lamaan waggaa tokko keessatti diiploomaan akka xumuramus eerameera.
Manni barumsichaatti dhaloota haqaafi hawaasa nagaatti amanu qaruu yaadamee ijaaramuu himameera.

Pireezidaantiin Qaxxaamura Diiimaa dhaabbatichaa Obbo Abarraa Tolaa, haasaa taasisaniin, waraana naannoo Tigraay keessatti waggaa lama dura mudateen manneen barnootaa miidhamuu dubbateera. Manneen barnootaa amma ijaaraman kunneen “manneen barnootaa sababa waraanaatiin diigamaniif yaadannoo” akka ta’an pireezidaantichi eereera.

“Taateen kuni namummaafi kabaja namoota dhuunfaa dhaloota dhufu barsiisuuf tattaaffii taasifamu keessaa isa tokkoodha,” jechuun manneen barnootaa kanneenitti “ogummaa Itoophiyaanotaatiin” namummaan akka barsiifamu pireezidaantichi jhimeera. Kana malees, namoota barnootaan miidhaman jajjabeessuun badiiwwan yookiin gochaa gara jabinaa of dura mudachuu danda’an ittisuu ni dandeenya,” dabalee jedheera.


Itti aantuun afyaa’ii mana marii Aadde Loomii Badhoo maricharratti argamuun” fedhiin manneen barnoota kanneen ijaaruu kan dhufe badii waraanichi qaqqabsiise hordofee ta’uu himteerti.

Ergamni mana barumsichaa nageenyaafi wal danda’uu barsiisuu ta’uu eeruun gochaan kuni borii foyya’aa akka qabaannu nu gargaara jettee akka amantu Adde Loomiin himteerti.  “Ijoollee keenya gaggeessitoota qofa osoo hin taane mirga namoomaaf akka waardiyyaa akka ta’an taasisuu ni dandeenya,” Loomiin jetteerti.

Koree Waldaa Qaxxaamura Dimaatti bakka bu’aa Itoophiyaa kan ta’e Biruus Baaybar, gamasaatiin, mana barnootaa eegaluun cinaatti deeggarsi dhaabbatichi taasisu akka itti fufan eeraniiru.

Gamtaa Afrikaatti bakka bu’aa Federeeshinii Waldaa Qaxxaamura Diimaafi Baatii Diimaa kan ta’e Ashaa Mohaammad (PhD) manni barumsaa kuni Itoophiyaanotaaf qofa osoo hin taane saboota birootiif faayidaa akka qabu himu. “Barnoota namummaarratti qabeenya dhangalaasuun kaayyoo keenya galmaan gahuu ni dandeenya,”bakka bu’aan kanatu jedhe.

Barnoota kana eegaluun dura qorannoon adeemsifamuu eerameera.

Manni barumsichaa Finfinnee naannoo Saariis jedhamutti ijaaramuun ifoomeera. AS

Related Articles

Back to top button