
Finfinnee, Amajjii 01/2025 – Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti haleellaa “suukanneessaa” hidhattoonni ambulaansii lama irratti raawwataniin konkolaachiftoota irratti miidhaa ulfaataa qaqqabuu beeksise.
Haleellaan kun torban darbe naannoo Oromiyaa godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree fi naannoo Amaaraa godina Gondar Kaabaatti kan raawwatame yoo ta’u, konkolaachistoota ambulaansii lubbuu baraarsaaf socho’aa turan dhukaasa “hidhattoota hin beekamneen” miidhamuu ibsameera.
Itti gaafatamaan Komunikeeshinii Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa Obbo Masfin Darajjee, konkolaachiftoonni ambulaansii lamaan irratti miidhaan cimaa irra gahee hospitaalatti yaalamaa akka jiran Addis Standard’tti akka himan.
Konkolaattota ambulaansii irrattis miidhaan qaqqabuu kan eere waldichi gocha raawwatameen “baay’ee gadduu” ibseera.
Waldichi yeroorraa gara yerootti hojjettoota isaa dabalatee haleellaa tola ooltotaa fi konkolaattota isaarratti raawwatamuun tajaajila namoomaa namoota barbaadaniif geessuuf qormaanni mudachaa jiraachuu dabalee ibseera.
“Kanaaf humnoonni haleellaa raawwatan kamiyyuu tarkaanfiin kun waliigalteewwan Jenevaa idil-addunyaa Itoophiyaan mallatteessite kan faallessu ta’uu fi kaayyoo waldichaan ala ta’uu hubachuun, hojjettoonni, tola ooltootaa fi konkolaattoonni waldichaa bilisaan socho’uu akka danda’aniif gocha akkasirraa akka of qusatan ni hubachiisna,” jedheera.
Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa hojjettoota fi ambulaansii isaarratti haleellaan yeroo raawwatamu kan jalqabaa miti.
Onkoloolessa 27, 2023 ambulaasiin qabeenya Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa ta’ee fi waldichi tajaajila namoomaa kennuuf itti fayyadamu lakkoofsa gabatee isaa ET05-01939 ta’e bakka dallaa buufata fayyaa aanaa Haruu keessa dhaabbatee jirutti hidhattootaan gubachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Waggaa tokkoon dura Amajjii 2024 onkolaachisaa Ambulaansii Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa Naannoo Tigraay damee Imbaasnaytii kan ta’e Walduu Aragaawwii rasaasa namoota eenyummaan isaanii hin beekamne irraa itti dhukaafameen ajjeefameera.
Konkolaachisaan kun lubbuu haadha deessuu tokko baraaruuf konkolaachisaa otoo jiru itti dhukaafamee ajjeefamuu ibsameera.
Abbaa ijoollee jaha kan ta’e Konkolaachisaan kun Amajjii 10, 2024 galgala naannoo sa’aatii 5:20tti ulfoo ciniinsuun qabate fiduuf ogeessa fayyaa waliin gara ganda Addii Hedam jedhamu imalaa otoo jiruu ajjeefamuu waldichi ibsa gaddaa baaseen beeksisuu ni yaadatama. AS