ODUUSIYAASA

Oduu: Waliigalteen Hammattoo Tumsa Laga Abbayyaa hojiirra ooluun ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2024 – Onkololeessa 13, 2024 kaasee Waliigaltee Hammattoo Tumsa Laga Abbayyaa hojiirra ooluu Itoophiyaan beeksifte.

Itoophiyaan hojiirra oolmaa waliigalteen kanaa kan ifoomsite marii Naayil lammaffaa Ugaandaatti Onkololeessa 17 gaggeeffamuuf jiru durseeti.

Marii biyyoonni yaa’a laga Abbayyaa waggootaaf taasisaa turan hordofee waliigalteen kuni ifa taasifameera. Waliigalteen kuni Komishinii Yaa’a Laga Abbayyaa hundeessuuf hojiirra kan oolu ta’a. Komishiniin kunimmoo akkaataa biyyoonni yaa’a laga Abbayyaa bishaan lagichaa itti bulchaniifi walqixxummaan itti fayyadaman kan too’atu ta’a.

MM Abiy Ahmad adeemsa biyyoonni yaa’ichaa tumsa dhugaatiif taasisan keessaa “milkaa’ina seena-qabeessa” jechuun waliigaltee kana simateera. “Waliigalteen kuni hojiirra ooluunsaa waliigaltee bulchiinsaafi fayyadama waloo hunda fayyadu ijaaruun hariiroo biyyoonni yaa’ichaa qaban cimsa waan ta’eef hundaafuu gaariidha,” jedheera.

Ministeerri bishaaniifi anniisaa, Habtaamuu Ittafaa, piroojektiin kuni biyyoota yaa’ichaatiif “abdii badhaadhinaati” jedheera. Kana malees, “hojiimaata waloo seera-qabeessa” jechuun fayyadama walqixaafi haqaa” kan jajjabeeessu ta’uu Habtaamuun dubbateera. Waliigalteen kuni “rakkoo walqixxummaa gahee bishaanii ni fura” jechuun qabeenya bishaanii kana haala itti fufiinsa qabuun qoodachuu dandeessisa jehdeera.

Itoophiyaan biyyoota waliigaltee kana leellisan keessaa ishee ijoo yoo taatu adeemsa waliigaltee yeroo koloniyaalizmii bara 1929 hanga 1959 Sudaaniifi Masrii gidduutti raawwaatme mormiteerti. Waliigalteen mirga biyyoota yaa’a gadii deeggaru kuni biyyoota yaa’a oliitiin mormameera.

Waliigalteen kuni hojiirra oolmaansaa kan ifoome paarlaamaan Sudaan Kibbaa waliigaltee kana Waxabajjii 2024 keessa raggaasisuu hordofeeti. Itoophiya, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa, Ugaandaa, fi Burundiin waliigaltee kana raggaasisaniiru.

Haa ta’u malee, Masriifi Sudaan waliigaltee kana mormuu itti fufaniiru. Biyyoonni lamaan ibsa torban darbe baasaniin, waliigalteen kuni “seera idiladdunyaa kan cabsuu” fi “hundee seeraa kan hin qabneedha” jedhanii ture.

Waliigalteen kuni “eeyyama gahaa” malee gaggeeffame jechuun waliigaltee bara 1959 raawwatameetti kan cichan ta’uu addeessaniiru.

Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee mariin Abbayyaa inni itti aanu abdii kan qabu ta’uu ibsuun waliigalteen kuni guutumatti hojiirra akka ooluuf qoqqoodama bishaan lagichaa walqixee ta’e hundeessuun “furmaata seena-qabeessa” ta’a jedheera. AS

Related Articles

Back to top button