ODUUSIYAASA

Oduu: Waliigalteen waraana dhaabuu biyyaalessaa yeroodhaaf akka godhamu Ameerikaan gaafatte

Finfinnee, Caamsaa 16, 2024 – Waliigalteen waraana dhaabuu biyyaaleessaa yeroodhaaf akka godhamu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa gaafate.

Maasiingaan kana kan jedhe ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaaf laateerrattiidha. Ibsicharratti dhimma haala nageenyaa, marii biyyaalessaafi haqa ce’umsaatiin walqabatee ejjannoo Ameerikaan qabdu calaqqisiisaniiru.

Humnoonni qabsoo hidhannoo gaggeessan karaa nagaatti akka dhufam gaafataniiru. Qabsoon hidhannoo uummata kan dararuu ta’uus eeraniiru.

Misooma bu’uuraa barbadeessuun akka dhaabbatuufi gargaarsi namoomaa daangaa malee akka raabsamu karaa banuuf waliigalteen waraana dhaabuu biyyaalessaa akka godhamu gaafateera.

Ambaasaaddarichi kutaalee biyyattii garaagaraatti namoonni ajjeefamuu, hidhaan jumlaa, buttaafi miidhaa kornayaa gaggeeffamaa jiraachuu gabaasni mul’isuu eereera.

Gochaan akkasii kunneen haal-duree tokko malee hatattamaan dhaabbachuun mariin biyyaalessaa haqa-qabeessaafi iftoominaan gaggeeffamuu akka qabu dubbateera.

Mariin nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi mootummaa giddduutti Taanzaaniyaatti eegalame akka itti fufu gaafateera. Mariin nageenyaa eegalame sanaaf “uumanni deeggarsaa guddaa agarsiisee ture” jechuun maricha milkeessuuf cichanii akka itti fufan qaamolee lamaan gaafateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Rakkoon nageenyaa biyyattii duula waraanaatiiniifi miseensota paartiilee mormitoota hidhuudhaan osoo hin taane marii siyaasaatiin rakkoo jiru furuun ta’uu akka qabu paartii biyya bulchuuf dhaamaniiru.  

Akkasumas, humnoonni naannoo Amaaraatti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran marii biyyaaleessaarratti akka hirmaaatan waamicha taasiseera. Maricharratti hirmaachuu diduun “bu’aa hin qabu” jedhaniiru. AS

Related Articles

Back to top button