SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Walitti bu’iinsi godinaalee Gujii lamaanitti itti fufee jiru dhiittaa mirga namoomaa bal’aa hordofsiise

Finfinnee, Onkoloolessa 18/2024 – Naannoo Oromiyaa walitti bu’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduutti waggoota jahan darbaniif itti fufee jiruun goolamaa jirti. Walitti bu’iinsa kana dhaabuuf mariin nagaa marsaa lamaaf taasifame milkaa’uu dhabuun hawaasa naannichaa rakkoof saaxileera.

Godinaaleen Gujii fi Gujii Lixaa giddugala hokkoraa ta’uun sarbama mirga namoomaa fi gaaga’ama akka ajjeechaa, miidhaa saalaa fi hidhaa jumlaa uummata irratti raawwataman hedduu keessummeessu.

Sarbamni mirga namoomaa naannicha keessatti mudate daran kan hammaatee mootummaan Guraandhala 2023 daangaa bulchiinsa godinaalee irra deebiin caaseessuuf murtee dabarse hordofee ture. Murtee aanaalee godina Gujii, Baalee, fi Booranaa irraa baasuun godina haaraa Booranaa Bahaa jedhamu jala caasessu kanaan mormii uummataa kaaseera. 

Gabaasni dhaabbata miti mootummaa Giddugala Dagaagina Mirgaa fi Dimookraasii (CARD) jedhamu tibbana baase akka agarsisutti, godinaalee Gujii lamaan keessatti rakkooleen dhiittaa mirga namoomaa mudachaa jiraachuu ibseera. 

Gochaan humnoonni mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo raawwatan nageenya hawaasaa naannichaa booressaa jiraachuu gabaasichi addeesseera.

Walitti bu’iinsa kanaan walqabatee dhiittaan mirga namoomaa namoota dhuunfaarra gahaa jiru itti fufeera. 

Hubaatii lolichi jireenya namoota irraan geessise

Dureettii Jirmaa barattuu ganna 18 yoo taatu, sababa walitti bu’iinsa kanaatiin yeroo lama miidhaaf saaxilamteetti. Muddee 2021 aanaa Gooroo Doolaa keessa yeroo mana barumsaatii gara manaa imalaa turtetti humnoota mootummaatiin miidhaan irra gahe. “Reebicha cimaa narraan gahaniin of wallaaleen ture,” jetti. 

Dubartoonni iddoo sana turan gara hospitaalaa ishee geessuun yaala hatattamaa akka argattu taasisuu himte.

Miidhaan Dureettiirra gahe kuni waggaa tokkoof barnoota addaan akka kuttu ishee dirqeera. Haa ta’u malee, erga yaalamte booda Onkololeessa 2022 keessa barnoota ishee deebitee eegalteetti.

Haata’u waggaa lama booda abdiin jireenyashee akka haaraatti eegaluuf qabdu irra deebiin manca’e. Si’a lammataatiif rakkoodhaaf saaxilamte. Ji’a Adoolessa 29, 2024 osoo gabaadhaa deebi’aa jirtuu miseensota Waraana Bilisummaa Oromootin miidhaan irra gahe. “Isa jalqabaa dandamadhe jedhee osoon yaaduu ammas si’a lammataatiif rakkoon akkasii na mudate. Rakkoo kana jalaa bahuun waanan danda’u natti hin fakkaatu,” jette.

Erga miidhaan yeroo lammataaf irra gahee booda Hospitaala Harqallootti yaalamte. Ogeettiin fayyaa Dureettii yaalaa turte kan maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte yaada Addis Standard’tti kenniteen, miidhaan saalaa hokkorri jiru keessatti baay’inaan jiraachuu himte. 

“Waggaa darbe keessa qofa yakka gudeeddii humnoota mootummaa fi WBOtiin raawwataman 13 oliif tajaajila yaalii kennineerra,” kan jette ogeettiin fayyaa kun, yakki kun dubartoota, daa’immanii fi haadholii irratti akka raawwatamu himteetti.

Haa ta’u malee, miidhaan saalaa haleellaawwan godinaalee Gujii lamaanitti mudatan keessaa isa tokko malee, isa qofaa miti. Jiraattota godinaalee Gujii fi Gujii Lixaa irratti hidhaan jumlaa fi doorsiisni raawwatamaa tureera.

Jiraataa godina Gujii Lixaa fi barsiisaa Yuunivarsitii Bulee Horaa kan ta’e Jaarsoo (maqaan kan jijjiirame) walitti bu’iinsi kun namoota nagaa irratti dhiibbaa uumuu hima.

Adoolessaa  07, 2024 poolisoonni mana jireenya magaalaa Bulee Horaatti argamu yeroo marsanitti dhiittaan irra gahuu hima. “Poolisoonni lama dhufanii gadi na waaman. Akkuma gadi baheen tokko na kabale inni kaan immoo na dhiite,” jechuun waan mudate ibsa. Poolisoonni kunneen konkolaataan fuudhanii mooraa raayyaa ittisa biyyaa naannawa Yuunivarsitii Bulee Horaatti argamu geessan.

Mooraa kana keessatti doorsisaafi sarbiinsi garaagaraa irra gahu himata. “Hiriira mormii qindeessuufi hokkora kakaasuutiin na yakkan. Himanni kuni garuu dhugaarraa kan fagaateedha,” jedhe.

Sana booda gara waajjira poolisii magaala Bulee Horaatti dabarfamee torbanoota hedduuf hidhamee haala suukaneessaa ta’een dhaanamaa ture. Dhumarratti dhimmisaa mana murtii aanichaa bira gahe bilisaan akka gadi lakkifamu manni murtii ajaja dabarse.

Haa ta’u malee, poolisiin gadhiisuu dhiisuun gara waajjira poolisii godina Gujii Lixaatti isa dabrsuun himata irratti bane. Manni murtii si’a lammaffaatiif bilisa akka bahu ajaja dabarse. Jaarsoon akka gadhiifamu ajajni erga darbee booda guyyoota 65 mana hidhaatti dabarse.

Akka gabaasa Giddugala Dagaagina Mirgaa fi Dimookiraasii baase jedhutti, naannichatti hidhaan seeraan alaa keessumaa dargaggootarra gahaa jiraachuu ibseera. Walitti bu’iinsi jiru sodaan hidhaa akka babal’atu taasisuu ibseera.

Qorataa mirga namoomaa fi barsiisaa Yuunivarsitii Walqixxee kan ta’e Margaa Fiqaaduu sarbiinsi akkasii jiraaachuu hima. Naannichatti jiraattoonni sababa walitti bu’iinsaan hubamuu fi sarbiinsi mirga namoomaa mudannoo guyyaa guyyaa ta’uu ibseera.

“Naannichi labsii yeroo muddamaa mootummaan labse hedduu jala darbeera. Labsiin kunneen sodaafi rakkoo tasgabbii hordofisiisaniiru,” jedhe 

Gadadoon hawaasni Gujii keessa darbaa jiru addunyaan argaa hin jiru. “Rakkoon jiru ulfaataa haa ta’u malee xiyyeeffannoo hin arganne,” jedhe.

Hawaasa diigamuuf jiru

Rakkoon nageenyaa kun hawaasa naannichaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Hokkorri erga jalqabee kaasee magaalonni fi gandoonni hedduu gargar bahaniiru. 

Aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatootti qonnaan bulaa kan ta’e Duubee Jirmaa, jiraattota sababa rakkoo nageenyaan miidhaman keessaa tokkodha. Jireenya guyyaa guyyaasaa raawwachuuf rakkachuu himeera.

Sababa walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu gaggeeffamuuf aanaan Gooroo Doolaa bara 2019 kaasee rakkoo nageenyaa keessa turuu hima. Yakkoonni akka reebicha, dararrii fi qabeenya barbadeessuu raawwatamuu hima.

Hagayya 23, 2024, walitti bu’iinsa humnoota lamaan gidduutti guyyoota sadiif gaggeefame hordofee humnoonni mootummaa gara manasaa dhufuun isa reebuu hima. Loltoota WBOtiif dahoo ta’uu fi manasaa keessa bulchuutiin isa yakkan. “Dhagaa jiru hubachiisuu yaaleera. Isaan garuu na dhagahuu hin barbaanne,” jedhe.

Miseensonni nageenyaa kunneen erga reebicha irraan gahanii booda rasaasaan miilarra rukutanii dallaasaa jalatti lafaan dhahanii biraa deemuu hima. Dabalataan mana isaatti abidda qabsiisanii guban. Manneen ollaa jiran biroos akkasuma barbadaa’uu hime.

“Mootummaan WBO gargaaruudhaan nu yakka, WBOn immoo aanga’oota mootummaa waliin hariiroo qabdu nuun jedha,” jechuun hawaasni rakkoo gam-lamee keessa jiraachuu ibseera.

Jireenyi ganda sanaa, “guyyaa humnoota mootummaatu bulcha, galgala ammoo WBOtu to’ata. Yeroo tokko tokko garuu faalaa kanaati. Hawaasni naannichaa rakkoo gama lamaanii gidduutti hidhameera. Nagaan hin jiru,” dabalee jedheera.

Duubeen rakkoo nageenyaa kana jalaa miliquuf gara Shaakkisootti godaanuu yaadaa akka jiru hima. Ummanni Waatoo sodaa keessatti argamu. “Nageenyi iddoo kanaa amansiisaa miti,” jedhe.

Qorataa mirga namoomaa kan ta’e Margaan gama isaatiin, qaaamolee yakka raawwatan seeratti dhiyeessuu dhabuun rakkoon akkasii akka hammaatu taasisuu dubbata. Dhaabbileen mirga uummataa tiksuu qaban hojiisaanii dhaabuu hima. “Miidhamtoonni qaamolee mirga isaanii tiksuu qabaniin dagatamaniiru.”

Gaaga’ama kana furuuf hojiin yakkamtoota seeraan gaafachuu kutannoon hojjachuun barbaachisaa ta’uu ibseera. “Mootummaan mirga namoomaa tiksuuf kutannoo qabaachuu fi yakkamtoota seeraan gaafachuu qaba,” dabalee jedhe. Haqa mirkaneessuufi beenyaa barbaachisu kaffaluun barbaachisaa ta’uu eereera. 

Kana malees, mariin nageenyaa rakkoo tasgabbii godinaalee Gujii lamaaniifi guutuu Oromiyaa keessa jiru furuuf karaa sirrii ta’uu Margaan eereera. 

Itti dabaluu, dhaabbilee miti mootummaa fi hawaasni idil-addunyaa marii nageenyaa akka deeggaranii fi sarbiinsa mirga namoomaa irratti qorannoo gaggeessuun rakkoo jiru galmeessanii akka kaa’an hubachiise. 

“Miidhamtoota adeemsa marii nageenyaa keessatti hammachuun nageenya itti fufaa mirkanessuuf murteessaadha,” jechuun ibse. AS

Related Articles

Back to top button