DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Wallagga Lixaatti weerarri dhibee busaa akka haaraatti mudate lubbuu namootaa galaafate

Finfinnee, Waxabajjii 15/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Lixaatti waqtiin gannaa eegaluun walqabatee weerara dhibee busaa akka haaraatti mudateen torban tokko keessatti yoo xiqqaate namoonni kudha tokko lubbuun darbuu jiraattota fi ogeeyyiin fayyaa Addis Standard’tti himan. 

Jiraataan godina Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa Mohaammad Adam Addis Standard’tti akka himetti, aanichatti torban tokko keessa qofa daa’imman afur dhibee busaan qabamanii lubbuun isaanii darbeera. 

“Sadarkaan weerara dhibee busaa kan bara darbe turerraa fooyyee qabaatuus, ammallee akka haaraa mudachaa jira,” kan jedhe Mohaammad, aanaan Qondaalaa kanaan dura dhibee busaan haalaan miidhamuu eeruun “qaamoleen dhimmi ilaallatu atattamaan furmaata yoo hin laanne namoonni hedduu lubbuu isaanii dhabuu danda’u” jechuun yaaddoo qabu ibseera. 

Haaluma walqabatuun, godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ganda Lalisaa Ganjii keessatti torbe darba namoonni torba lubbuun isaanii darbuu ogeessi fayyaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standard’tti himeera. 

“Godinaalee Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaatti namoonni baay’ee busaan qabamaa jiru. Godina Wallagga Lixaa keessa qofa aanaalee 22tti weerarri kun tamsa’eera. Aanaalee kaneen keessaa Ganjii, Biqiltuu Umbaa’oo fi Lalisaa Ganjiitti tamsa’inni dhibee busaa baay’ee olaanaadha,” jedhe. 

Jiraataa ganda Lalisaa Ganjii kan ta’e Gammachiis Tasfaayee, obboleettiin isaa kutaa 8 barattuu torban darbe dhibee kanaan lubbuun ishee darbuu Addis Standard’tti hime. Gammachiis, obboleettiin isaa dhibee busaan qabamtee torbe lamaaf erga wal’aansarra turte booda lubbuun hafuu akka hin dandeenye miira gaddaan himeera.

“Ganda Lalisaa Ganjii keessatti namoonni baay’ee dhibee busaan qabamaniiru. Sababa weerara dhibee busaa akka haaraatti babal’achaa jiru kanaan barattoonni hedduu barnoota addaan kutaniiru,” jedhe Gammachiis. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ogeessi fayyaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Addis Standard dubbise akka jedhutti, torbe darbe keessa qofa godina Wallagga Lixaatti namoonni 19,000 ol dhibee kanaan qabamuu isaanii mirkanaa’eera. “Weerarri kun adda durummaan waqtii gannaa galuu waliin walqabata.”

“Akka naannoo Oromiyaatti torban tokko keessatti namoonni kuma 57 ol mallattoo dhibee kanaa agarsiisanii gara bufataalee fayyaa dhaqan dhibeen busaan dhiiga isaanii keessatti argameera. Ragaan kun namoota buufata fayyaa dhuunfaatti wal’aanaman hin dabalatu.”

Akka ogeessi kun jedhutti, sadarkaa naannichaatti baatilee sagal darban keessatti namoonni 346 ta’an dhibee busaan lubbuu isaanii dhabaniiru.

”Rakkoon weerara dhibee busaa humnaa ol ta’eera. Mootummaan dhiibbaa siyaasaa irraa kan ka’e labsii muddamaa fayyaa hawaasaa dabarsuu dhabuun isaa rakkoo tokkodha. Kana malees, hanqina dawaa fi meeshaalee wal’aansaa olaanaa waan jiruuf weerara kana to’achuun dadhabameera,” jedhe. 

Dabalataan, rakkoo nageenyaa naannawaa hedduutti mudachaa jiru haala jiru hammeessuu hima. 

Waggaa darbe, walakkeessa bara 2023tti, godinaalee Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti weerarri dhibee busaa mudate daran hammaatee lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu Addis Standard yeroos gabaase ture. Godina Wallagga Lixaatti baatilee sadi keessatti namoonni 45 lubbuu isaanii darbuu ogeessi fayyaa godinichaa Addis Standard’tti himeera. 

Akka odeeffannoo yeroosii ogeessa fayyaa waajjira fayyaa godina Wallaggaa Lixaa keessa hojjetu irraa argameen, hanga Onkoloolessa 12, 2023tti  qorannoo dhukkuba busaa godinicha keessa taasifameen, waliigala namoota ho’ina qaamaa agarsiisanii qorataman 222,268 keessaa kan dhukkubni busaa keessatti argame 128,150 (57.65%) yoo ta’u, isaan keessa lubbuu namoota 45 ol du’aniiru. AS

Related Articles

Back to top button