DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Walloo Kaabaatti daangeeffama hidhattoonni kaa’aniin namoonni 77,000 ol rakkoo namoomaa hamaaf saaxilaman

 Finfinnee, Muddee 31/2024 – Naannoo Amaaraa godina Wolloo Kaabaa aanaalee Bugnaa fi Laastaatti daangeffama “hidhattoonni naannichatti socho’an” kaa’aniin haalli namoomaa duraanuu rakkoo keessa ture hammeessuu gabaasni tokko mul’ise. 

Gabaasni Eegumsa Hawaasaa fi Hojii Gargaarsa Namoomaa Awurooppaa baase akka ibsutti, sababa daangeeffama kanaan buqqaatota 10,000 dabalatee namoonni 77,000 ol ta’an miidhamaniiru. 

Gabaasichi “sirni telekoomii fi baankii hojii ala ta’uu, akkasumas caasaan mootummaa ji’a sadiif akka hin jirre” ibseera. Itti dabaluudhaanis, “hanqinni gargaarsa namoomaa fi oomishni midhaanii gadi aanaa ta’uun, gatii nyaataa olka’aa ta’een walqabatee dhabiinsa wabii nyaataa hammeessee jira” jedhe.

Akka gabaasa kanaatti dubartoonni ulfaa fi harma hoosisan keessaa 79% fi daa’imman 70% hanqina nyaataa cimaa kan qaban yoo ta’u, 9.2% kan ta’an ammoo haala hamaa keessa jiru. “Rakkoon fayyaa aanaalee kanneen keessa jiru namoota 5,747 dhukkuba busaatiin qabamuu fi dhibee gogaa dabalaa dhufe dabalata.”

Kana malees, jiraattonni 77% bishaan qulqulluu kan hin arganne yoo ta’u, daa’imman umuriin isaanii mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa irra ga’e keessaa 35% qofatu barnoota argachaa jira.

Raabsiin nyaataa karaa Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaan jalqabamuu kan eere gabaasni kun, “mala deebii saffisaa Eegumsa Hawaasaa fi Hojii Gargaarsa Namoomaa Awurooppaatin deeggarsa soorata, bishaanii fi qulqullina naannoo hatattamaa kennuudhaaf hojiirra ooleera” jedhe.

Haalli namoomaa hammaataa dhufe kun yeroo naannoo Amaaraatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lola gaggeeffamuun lubbuu namoota nagaa, manneen barnootaa, akkasumas kenniinsa gargaarsaa irratti gaaga’ama guddaan uumame jirutti mudate. 

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Shifarraaw, kanaan dura rakkoon nageenyaa aanaa Bugnaatti mudate ”gargaarsa namoomaa akka hin arganne gufachiiseera” jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama. Ta’us mootummaan rakkoo kana furuuf ”qabeenyaa fi qophii gahaa” akka qabu mirkaneessaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Hogganaan Waajjira Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa Godina Wolloo Kaabaa Alamuu Yimar Addis Standarditti akka himanitti, aanaa Bugnaatti dhiyeessiin gargaarsaa ”yaaddoo nageenyaan” erga addaan cite ji’a lama booda waliigaltee jaarsolii biyyaa waliin irra gahameen deebi’ee jalqabameera. 

Muddee 21 bara 2024, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu, rakkoo nyaataa aanaa Bugnaa keessatti mul’ate hordofaa akka jiru fi michoonni isaa “deeggarsa nyaataa geessuuf hojjechaa akka jiran ibseera. AS

Related Articles

Back to top button