ODUUSIYAASA

Oduu: WBOn ‘birmadummaa Keeniyaa nan kabaja’ jedhe; Gocha yakkaa irratti hirmaate jedhamuu haaleera

Finfinnee, Guraandhala 04/2025 – Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan Keeniyaa oppireeshinii irratti akka eegale ibsamuu hordofee ibsa baaseen, gocha yakkaa ittiin himatame waliin hidhata akka hin qabne eeruun “birmadummaa fi tokkummaa daangaa Keeniyaa guutummaatti nan kabaja” jedhe. 

“Humni Ajaja Kibbaa keenya %95 ol Oromiyaa keessa socho’a. Humni xiqqoo qofa naannoo daangaatti argama” kan jedhe jaarmiyaan hidhattootaa kun, nageenyaa fi tasgabbii hawaasa Booranaa Keeniyaa fi kanneen biroof kutannoo qabaachuu eeruun, “yakka daangaarra jiran furuuf aangawoota Keeniyaa waliin tumsuuf” fedhii akka qabu ibseera.

Dabalataan “walitti hidhamiinsa yakkaa daangaa ce’aa” daddabarsa fi daldala seeraan alaa irratti hirmaatan naannichatti socho’u jiraachuu eeruun, “miseensonni sadarkaa olaanaa waraana fi tajaajila tikaa mootummaa Itoophiyaa” hojiiwwan kanaaf haala mijeessan jechuun himate. 

Itti dabaluun, “miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo kamiyyuu yakka kana keessa yoo argame tarkaanfii irratti fudhatama” jechuun ibseera.

Dabalataanis, aangawoonni Keeniyaa “odeeffannoowwan sobaa qondaaltota Itoophiyaa yakkamtoota dhugaa sirna biyyattii keessa jiran itti gaafatamummaa irraa maqsuuf facaasaniin akka hin dogoggorfamne” hubachiiseera. Keeniyaan tasgabbii naannichaaf “duudhaa hirmaannaa madaalawaa fi mariidhaan deeggarame akka eegdu” gaafateera.

Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa qaama ittisa yakkoota daangaa ce’an hojjechaa jiruun Guraandhala 3, 2025 irraa eegalee Kaawuntii Marsaabit fi Isi’oloo keessa bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) socho’utti oppireeshinii nageenyaa eegaluu kaleessa beeksisee ture.

Tajaajilichi duulli kun yakkamtoota gochaalee seeraan alaan nageenya biyyaalessaa Keeniyaa irratti balaa guddaa geessisan, kan akka daddabarsa meeshaalee waraanaa, albuuda seeraan alaa baasuu fi maallaqaaf nama butuu irratti akka xiyyeeffatu ibseera.

Hagayya bara 2024 Daayirektara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Itoophiyaa Redwaan Huseen fi gita isaanii Keeniyaa Nuraddiin Mohaammad Hajii marii Finfinneetti taasisaniin sochii WBO daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti taasisu dhaabuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf kallattii kaa’uu isaanii ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button