ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: WBOn qoqqoodinsa keessoo jiraachuu haale; 'Sanyii Nagaasaan ji'oota dura ari'ameera' jedhe

Finfinnee, Fulbaana 30/2024 – Ajajni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa Sanyii Nagaasaan durfamu jaarmiyaa hidhattootaa Jaal Marroo ykn Kumsaa Dirribaan hogganamu irraa adda bahuu hordofee qoqqoodinsa keessoo akka jiru gabaasaalee bahaa jiran dhugaa akka hin taane garichi ibse.

Torban darbe Sanyiin gareen hidhattoota isaan jala hogganamu kana booda WBO jalatti akka hin sochoone BBCtti himaniiru. “WBO Ajaja Olaanaa ABO-WBO jedhamee erga ijaaramee seerriifi heerri, qajeeltoon ijaarame nama tokko irratti kan hundaa’e ture” jechuun qaama kana irraa adda bahuuf murteessuu ibsan.

Itti dabaluun, “dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabnedha. ABO-WBO waliin akkaataa kanaatiin socho’uus hin dandeenyu badii inni dalagus isa faana raawwachuu hin dandeenyu. Boru itti gaafatamni seeraas, gaafatamni seenaas hin jira,” jedhan.

Haa ta’u malee, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu waajjirri sab-qunnamtii WBO himeera.

“Qondaaltotaa fi hojjettoota Raayyaa Ittisa Biyyaa waliinis walitti dhufeenya akka qabu ragaaleen ni jiru,” jechuun waajjirichi Addis Standard’tti beeksiseera.

Itti dabaluun, ”WBO keessa qoqqoodinsi hin jiru, xiqqoollee yoo ta’e. Sanyiin miseensa jaarmiyaa keenya duraanii gochi isaa ajajoota WBO guutuu Oromiyaa argaman hundaan sagalee guutuun balaaleffatamedha,” jedhe.

Garichi himannaa abbaa irrummaa hogganaa isaa Kumsaa Dirribaa irratti dhiyaate kuffiseera. Waraanni kun ajajaa olaanaa, itti aanaa ajajaa olaanaa, miseensota koree hojii raawwachiiftuu torbaa fi namoota dhuunfaa 57 gahee adda addaa qabaniin, yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaa ta’uun kan hogganamu ta’uu ibseera.

Akka BBC’n gabaasetti, ajajaa WBO Zoonii Giddugaleessaa fi miseensota koree hojii raawwachiiftuu torba keessaa tokko kan turan Sanyii Nagaasaan marii marsaa lammaffaa mootummaa fi WBO booda hogganaa garee basaasaa akka ta’an muudamanii turan.

Sanyiin garuu muudama laatameefi loltoota ajaja isaanii jala jiran dabarsanii laachuuf didu isaanii hordofee waldhabdee hogganaa garichaa Kumsaa Dirribaa waliin uumame hammeesseera. 

Sanyiin mootummaa waliin “mari’achuuf banaa ta’uu” BBC’tti himan. AS

Related Articles

Back to top button