ODUUSIYAASA

Oduu: WBOn uggura barattoota yuunivarsiitii keessaa ‘harka hin qabu’ jedhe, mootummaatti quba qabeera

Finfinnee, Adoolessa 12/2024 – Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) uggurrii barattoota torban darbe Yuunivarsiitii Dabaarq irraa gara Finfinnee osoo imalaa jiranii naannoo Oromiyaa magaalaa Garba Gurraachaatti butaman keessaa harka akka hin qabne ibseera. 

Gareen hidhattootaa kun ibsa Kamisa Adoolessa 11, 2024 baaseen, taateen kun inumaayyuu miseensota Paartii Badhaadhinaa kan qindaa’e ta’uu himachuun, ”kaadiroota paartii biyya bulchu sadarkaa gadii jiran, basaastotaa fi humnoota nageenyaatiin kan raawwatameedha” jechuun ibse.

Ibsi Waraana Bilisummaa Oromoo kun taatee Adoolessa 03 barattoota Yuunivarsiitii Dabaarq 100 ol ta’an naannawaa Garba Gurraachaatti butamaniin garichi himatamuu hordofeeti. 

Maatiin barattoota butaman qaamolee ijoollee isaanii butan “Shanee”, maqaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin waamu, ta’uu BBC’tti himanii turan. 

Kana hordofee Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa Adoolessa 10, 2024 baaseen, barattoota “humna finxaaleeyyii fi shororkeessaa Shaneetin” ugguraman 167 keessaa kanneen 160 ta’an “oppireeshinii mootummaan gaggeesseen” gadi lakkifamuu ibseera. 

Hogganaan biirichaa Haayiluu Addunyaa barattoonni kunneen humnoota nageenyaa mootummaan bilisa bahuu dubbataniiru.

Haata’u malee, maatiin barattootaa Addis Standard dubbise haalli jiru waan mootummaan jedhurraa faallaa ta’uufi ammallee ijoolleen isaanii haala nageenya isaanif yaaddeessaa ta’e keessa jiraachuu himan.

Namni intallisaa barattuu IT waggaa sadaffaa Yuunivarsiitii Dabraaq ta’uu himan tokko, “qaamolee ugguran waliin guyyaa guyyaan wal argina. Kadhannaa keenya otoo hin dhagahiin maallaqa kaffaluu akka qabnu cichanii nu dirqisiisaa jiru” jedhan.

Abbaan kun intala isaanii gadhiisisuuf maallaqa birrii miiliyoona gaafatamuu himan.

Maatiin barattuu biraas intalli isaanii ammallee akka hin gadhiifamnee fi gadhiifamuuf maallaqa akka kaffalan gaafatamaa jiraachuu eeran.

Obboleettiin barattuu ugguramte kan biraas yaada Addis Standard’tti laatteen, gabaasaalee barattoonni kunneen akka gadi lakkifaman ibsan “guutummaan guutuutti soba” jette. 

“Maallaqa na gaafachuu itti fufaniiru” kan jettu obboleettiin kun, dabaluun “dhugaan nuti beeknu waan miidiyaa irratti odeeffamaa jirurraa adda. Gad lakkifamuu isaanii dhageenye, garuu akka isaan hin gadhiifamne beekna” jette. AS

Related Articles

Back to top button