Xiinxala: Buqqaatonni Lixa Oromiyaa keessa jiran gargaarsa dhabuu fi tarkaanfiiwwan dirqiin deebisuu mootummaan fudhachaa jiruun rakkachaa jiru
Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa
Naqamtee, Sadaasa 02/2023 – Buqqaatotni Lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman hojiin gargaarsa namoomaa sababa rakkoo nageenyaatin danqamee waan jiruuf waggootaaf rakkoo namoomaa hamaa keessa jiru. Adeemsa mootummaan dirqamaan buqqaatota gara qe’ee isaanitti deebisuuf taasisaa jiru buqqaatotni kadhannaaf gara daandiitti akka bahan taasisaa jira.
Waldhabdee humnoota mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), akkasumas humnoota al idilee naannoo Amaaraa ‘Faannoo’ jedhamuun beekaman gidduutti gaggeeffamaa jiru haala hammaataan itti fufuun isaa buqqaatii naannichaa akka dabalu taasisaa jira.
Sababa haleellaa daangaa qaxxaamuraatiin namoonni nagaa qe’ee isaanii irraa buqqa’uun rakkoo hawaas-dinagdee fi xiinsammuuf saaxilamaa jiru. Jiraatoonni godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Abee Dongoroo, Agaamsaa, Jaartee Jaardagaa, akkasumas Wallaggaa Bahaa aanaalee Kiiramuu, Angar Guutee fi Giddaa Ayyaanaa keessa jiraataan hedduu haala kanaan buqqa’aniiru.
Dabalataanis godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee, fi godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraattis rakkooleen walfakkaataa jiru.
Akka qorannoo dhiyeenya kana dhaabbata gargaarsa namoomaa tokkoon qoratamee Addis Standard ilaaletti, Lixa Oromiyaa godinaalee Wallaggaa afran keessaa namoonni gargaarsa hatattamaa barbaadan 753,674 ta’an jiru. Akka qorannoo kanaatti sadarkaa naannoo Oromiyaatti namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara miliyoona 1.4 ta’an godinaalee 11 fi aanaalee 96tti kaampii buqqaatotaa 141 keessatti faca’anii argamu. Kanneen keessaa godina Horro Guduruu Wallaggaatti namootni 230,017 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’anii jiru. Godina Wallagga Bahaa keessa ammoo namoonni 282,245 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Waraanni kun bu’uuraalee misoomaa kanneen akka manneen jireenyaa, manneen barnootaa, hospitaalotaa fi dhaabbilee tajaajilla mootummaa irratti badiisa guddaa geessiseera. Qorannoon Addis Standard ilaale miidhaa dhaabbilee eegumsa fayyaa irra gahee wayita ibsu; fakkeenyaaf godina Horro Guduruu Wallaggaatti buufataalee fayyaa 52 saamaniiru, dabalataan 4 gubataniiru. Haaluma walfakkaatuun godina Wallagga Bahaa keessattis buufataalee fayyaa 188 miidhamaniiru.
Buqqaatii Si’a Lammataa
Haliimaan, ganna 29, yeroo ammaa kana godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu keessa jiraatti. Haalimaan buqqaatota muudannoo rakkina isaanii Addis Standarditti qooddatan keessaa tokko. “Waggaa jaha keessatti qe’ee koo irraa si’a lama buqqa’uun na mudateera.” jetti.
Haalimaa Ahmad godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbilee keessatti dhalatte. Buqqa’insi jalqabaa kan ishee mudate naannoo Somaalee, magaalaa Jijjigaa irraa ture. Akka isheen himtuutti, yeroo Jijjigaatti mana dhaabde, daabboo gurguruun ofii fi ijoollee ishee lamaan bulchaa turte. Haata’u malee, bara 2017 naannicha keessatti jeequmsi fi haleellaa saba Oromoo irratti fulleeffate uumameen magaalaa keessa jiraattu irraa baqatte.
Onnee ulfaataa ta’een waan hunda keenya dhiisnee imala jalqabne jetti. Itti dabaluunis, “jajjabina fi tasgabbii arganna jennee abdannee gara lixa Oromiyaatti deemne. Dhuma irratti hireen keenyi gara godina Horroo Guduruu Wallaggaatti nu geessite, ganda Haraar Jaarsoo jennee moggaafne keessa qubanne jireenya gaarii jalqabnee turre.” jette.
Haliimaan ganda Haraar Jaarsoo keessatti hojii qonnaa irratti bobba’uun jireenya ishee deebistee ijaaruu eegalte. Haa ta’u malee, hireen karoora biraa waan isaaniif qopheesse fakkaata ture. Osoo hin ergamiin godina Horroo Guduruu Wallaggaatti, daangaa Oromiyaa fi Amaaraa irratti waldhabdee uumameen Adoolessa 1, 2022 qe’ee isaanii hundeeffatan irraa buqqa’an.
Haalimaan ijoollee ishee lamaan qabatte gara magaalaa Shaambuutti godaante. Imala ishee yeroo yaadattu karaa irratti haala nama gaddisiisuun reeffa namoota jahaa ganda isaanii keessatti ajjeefaman arguu himti. Namoota kumaatamaan lakkaawaman godina Wallaggaa Horroo Guduruu, addatti giddugala buqqaatota buufata konkolaataa Shambuu keessatti qubatan keessaa ishee tokko. Hireen gadadoo hin dhumne fakkaatu ammallee ishee hordofee kaampii buqqaatota keessatti gudeedamuu himti.
Turtii baatii 11 booda ammoo dirqamaan mooraa buqqaaota irraa akka bahan taasifamuu isaanii hordofee yeroo ammaa kana ijoollee ishee lama waliin daandiitti kadhachaa jiraatti.
Buqqaatuun biraa yaada ishee Addis Standardiif qoodde Abbabach Tafarraa jedhamti. Qonnaan bultuu godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuu, ganda Haroo keessa jiraatti ture. Rakkoo nageenya aanicha keessa mudateen qe’ee isheerraa buqqaatee mana barumsaa akka kaampii buqqaatotaa tajaajilu keessa jiraatti ture.
Qindeessaan Sagantaa Waldaa Misooma Gurmuu kan ta’e Obbo Abdiisaa Lammeessaa, Kiiramuutti gandoota jiran 19 keessaa walitti bu’iinsa naannichatti mudateen jiraattonni gandoota 18 buqqa’aniiru jedhe. Gandoota rakkoolee kanaan miidhaman keessaa Caffee Soromaa fi Waddeessa Diimaa ni argamu.
Itti dabaluunis, buqqatoonni Wallagga Bahaa irraa buqqa’an mana barumsaa keessatti akka qubatan ibsaniiru. Addatti ammoo Giddaa Ayyaanaa, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Qoqofee fi mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Kiiramuu keessa qubatanii turan. Yeroo ammaa kana buqqaatotni mana barumsaa kana keessa akka bahan godhamuun barnoonni eegalameera.
Dabalataanis, namoonni godina Wallagga Bahaa keessatti buqqa’an yeroo ammaa kana hawaasa keessatti bakka garagaraa keessa jiraachaa akka jiran ibse. Gariin ammoo gara magaalaa Naqamteetti baqatanii daandii irratti kadhachuu irratti argamu jedha. Haalli kun ijoolleen isaanii mana barumsaa dhaquu akka hin dandeenye taasiseera jedha.
“Kaampiin keessa ture namoota baay’ee waan qabateef nyaanni sirnaan nu gahaa hin turre. Wantonni barbaachisaa ta’an nu gahaa hin turre,” jetti Aadde Abbabach. Itti dabaluun, ji’oota muraasa booda ishee fi namootni biroo akka bahan taasifamuu hordofee ijoollee ishee jiraachiisuuf magaalaa Naqamteetti kadhaatti bobbahuu himti. “Yeroo baayʼee nyaata malee oolee ijoollee koo akka nyaatan godhaa” jetti.
Haaluma wal fakkaatuun buqqaa’aa kan biraa Obbo Waaqumaa Hirphaan wantoota keessa darban Addis Standardiif qoodaniiru. Obbo Waaqumaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaargadaa Jaartee, ganda Dargee Kotichaatti keessatti jiraatu ture. Rakkoo nageenyaa tureen yeroo qe’ee isaanii irraa baqataniitti fardeen 62, re’oota 56 akkasumas boqqolloo, xaafii fi bunaa sassaabbiif gahe dhiiseen baqadhe jedhu.
Dirqamaan Deebisuu
Miseensota koree buqqaatota kaampii Shaambuu keessa jiran keessaa tokko kan ta’e Tasfaayee (maqaan kan jijjiirame) dhimma buqqaatonni humnaan deebisuu irratti Addis Standarditti akka himeetti, “hoggantootni poolisii, milishaa fi itti gaafatamtootni paartii badhaadhinaa walitti nu qabanii buqqaatonni qe’ee isaanitti akka deebifamanif nutti himan,” jedha.
Itti dabaluunis, ”namni gara qe’ee isaatti deebi’uu jibbu akka hin jirre itti himne garuu maddi rakkoo kanaa waan hin hiikamneef gara du’aatti deebi’uu hin barbaannu jenne.” jedha. Haa ta’u malee, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an fi hoggantoota gidduutti waldhabdeen uumamee jedha. Buqqatoonni yeroo kaampii keessaa bahuu didan, poolisiin fedhii buqqaatootaa malee dirqisiisuun konkolaataa kan akka Isuuzuu, minibaasii, fi konkolaataa fe’umsaa Siinoo Tiraak jedhamutti godhanii deebisan jedha.
Koreen buqqatoota dhimma nageenyaa irratti yaaddoo qabu yeroo kaasuu aanga’oota mootummaa irraa deebii “madda jeequmsa kana kan ta’e garee shororkeessaa Shanee jedhamudha, isin ammoo garee kana deeggartu rakkoon kun kan keessaniiti” jedhu argachuu hima.
Kantiibaan magaalaa Shaambuu Obbo Nagaroo Qannoo, himannaa kana haalaniiru. Namoonni qe’ee isaanii irraa baqatanii turan fedhii isaanii irratti hundoofnee gara qe’ee isaaniitti deebifne malee humnaan hin deebifamne jedha.
Hoji gaggeessaa dhaabbata Giddugala Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa kan ta’e Bafiqaaduu Dirribaa akka jedhetti, buqqaatonni fedhii isaaniitiin, nagaadhaan, akkasumas kabajaan gara qe’ee isaanitti deebi’uu akka qaban ykn yoo barbaadan bakka biraatti akka deebi’an jajjabeeffamu qaba jedha. Akkasumas, mootummaan buqqatootni gara jireenya isaanii idileetti akka daabi’aniif gargaaru qaba jedhe.
Itti dabaluudhaanis, mootummaan buqqaatonni meeshaalee barbaachisoo ta’an kanneen akka nyaataa, bishaan, bakka jireenyaa, yaala fayyaa, fi barnoota akka argatan gochuu qaba itti fufuun, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif gara qe’ee isaaniitti deebisee hojii fi mala jireenyaa isaanii duraatti akka deebi’an gochuu qaba jedhe.
Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa barnoota Seeraa kan ta’e Margaa Fiqaaduun, yaada Baafiqaduun kaase waliin walii galuun, buqqaatonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an mariisifamuu akka qaban, kun ammoo fedhiidhaan ta’uu akka qabu dubbata. Dhimmi nageenyaa naannoo sanaa furmaata itti gochuu fi eegumsa isaan barbaachisuu akka godhuuf beeksisuu qaba jedha. Kana malees, namoota qabeenyi isaanii jalaa miidhameef kaffaltiin barbaachisaa raawwatamuu akka qaba fi qaamota rakkoo kana uummanni immo itti gaafatamummaa yookan seera jalaa oolchuu akka qaba jedha.
Akkasumas, daangaa biyyaa keessatti namoota qe’ee isaanii irraa baqataniif eegumsaa fi gargaarsa gochuun adda durummaan dirqama mootummaadha jechuun dubbataniiru. Kunis, nageenyaa fi tasgabbii qabaachuu isaanii mirkaneessuu alaa wantoota bu’uuraa barbaachisoo ta’an kanneen akka nyaataa, bishaan, bakka jireenyaa, fi yaala fayyaa akka argatan gochuu of keessatti qabata jedha.
Dhaabbata gargaarsa namoomaa idil-addunyaa tokko keessatti kan hojjettu ogeessi xiin-sammuu Tsiyoon Geetaachoo, buqqaatonni nageenya isaanii fi nageenya maatii isaanii ilaalchisee yaaddoo, rakkoo fayyaa sammuu fi rakkoo xiinsammuu isaan mudata jechuun, gorsa wal’aansa xiin-sammuu isaaniif godhamuu akka qabu dubbatti. Buqqaatonni rakkoo xiin-sammuu isaan irra gahe akka dandamataniif dhaabbileen gargaarsaa biyya keessaas ta’e alaa gargaarsa isaan barbaachisu gochuu qabu jetti.
Itti dabaluudhaanis, rakkoolee xiinsammuu buqqaatotta mudatan furuuf tooftaa wal’aansa fayyaa sammuu, hirmaannaa hawaasaa, fi misooma dinagdee of keessatti hammate barbaachisaa ta’uu ibsiteetti. Buqqaatonni jireenya isaanii irra deebi’anii ijaaruu fi abdii egeree fooyya’aa akka qabatan gargaaruu kan dandeenyu, qabeenya fi deeggarsa isaan barbaadan kennuudhaan, adeemsa murtee kennuu keessatti hammachuudhaan jetti.
Haata’u malee, buqqaatota akka Haliimaa, Abbabachii fi Waaqumaaf nyaata jireenya ijoollee isaanii itti fufsiisu argachuun hojii dursa kennamuufi qabuudha. AS