Finfinnee, Fulbaana 13/2024 – Dachaasaa Gurmuun (yaaddoo nageenyaatiif jecha maqaan kan jijjirame) qonnaan bulaa naannoo Oromiyaa godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruuti.
Abbaa ijoollee shanii kan ta’an Dachaaasaan waqtiin oomisha sassaabuun ammaa kuni gahuun dura lafa qonnaa isaanii qopheeffachaa turan. Haa ta’u malee, akka isaan yaadan hin taane.
Guyyaa tokkko osoo gabaadhaa deebi’aa jiranii poolisii naannichaatin waraqaa eenyummaa akka agarsiisan gaafataman.
Dachaasaan af-gaaffii Addis Standard waliin taasisaniin haala ture yeroo yaadatan, “poolisiin namoota torba keessaa dubartoota lama dhiisuun namoota shan to’annoo jala oolchuun gara magaalaa Kombolchaa jedhamtu nu geesse,” jedhan.
Itti fufuun, “guyyaa sadi booda gara magaala Shaambuu geeffamne. Yeroo achi geenyu leenjii milishaadhaaf fudhatamuu keenya nutti himame,” jedhan.
Jalqabarratti leenjiin kuni torbanoota muraasa keessatti akka xumuramu itti himamuu kan himan qonnaan bulaan kun, “haa ta’u malee, leenjiin kuni ji’a lamaaf ture. Gochaan kunis fedhii kiyya mallee raawwatame” jedhan.
Sababa yeroon dheerateef Dachaasaan leenjii yeroo dheeraa keessa turuuf dirqaman. Sababa kanaanis lafti qonnaaf qopheessanii turan osoo oomishni irratti hin faca’in hafuu himan.
Caasaan seeraa fi bulchiinsaa namoota akka Dachaasaa jiran humnaan hirmaachisu kuni Gaachana Sirnaa jedhama.
Caffeen Oromiyaa labsiin hundeeffama Gaachana Sirnaa labsu raggaasisuu hordofee Bitootessa 2022 kaasee hojiirra oolfameera.
Akkaataa labsii kanaatiin, Gaachana Sirnaa jechuun ijaarsa uummatni naannichaa aadaafi duudhaa Gadaa tiksuuf, akkasumas faayidaa, fedhii fi mirga isaanii eegsisuuf sirna ijaaramu jechuudha.
Akka labsichi eerutti, hojiirra oolmaan Gaachanni Sirnaa “aadaa sirna Gadaa keessatti adeemsa barbaachisaa ummanni Oromoo nagaafi tasgabbii naannoo isaa fi fedhiisaa tiksuuf dhimma itti bahuudha.” Seerri kuni “uummata naannichaa hubatee, gurmaa’eefi hidhatee nagaafi tasgabbii naannichaa akka tiksuuf” kan yaadamedha.
Rakkoo ulfaataa Gaachana Sirnaa hawaasa irratti geessise
Abukaatoo fi qorataa mirga namoomaa dhaabbata miti mootummaa keessa hojjatu maqaan isaa akka hin eeramne gaafate akka himetti, “namoonni leenjii milishaatiif filataman adda durummaadhaan dhiiroota. Dubartoonni lakkoofsaan baay’ee xiqqoos ni jiru. Namoonni kunneen fedhii isaanii malee leenjii akka fudhatan taasifamu,” jedhe.
Akka abukaatoon kun jedhutti, aanaaleen godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa jiran hundi milishoota lakkoofsaan isaaniif murtaa’e leenjisuuf dirqama qabu.
“Gaachanni Sirnaa guutummaa Oromiyaa keessatti hojiirra oolfamaa jira. Haa ta’u malee, kanaan walqabatee dhiittaan mirga namoomaa lixa Oromiyaa keessumaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa raawwatamaa jiru hammaataadha.”
Qonnnan bultoonni fi dargaggoonni leenjii Gaachana Sirnaa fi milishaatti hirmaachuu didan hidhaa, leenjii humnaa, reebicha suukaneessaa, akkasumas oomishaalee xaa’oo fi qoricha farra aramaa dhoowwatamuu akka irra gahu abukaatoon kun himeera.
Fedhii kootin malee leenjii milishaa akka fudhadhu taasifame.”
Qonnaan bulaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti jiraatu
Leenjiin kuni fedhiidhaan ta’uu akka qabu labsichi ibsuu baatus “adeemsi leenjii, gurmaa’insa fi bulchiinsa Gaachana Sirnaa akkaataa seera naannoo, biyyaafi mirgoota namoomaa idil addunyaa eegeen raawwatama” jedha.
Labsichi leenjiin miseensota Gaachana Sirnaatiif kennamu yeroosaa eeggateefi yeroo dheeraaf yookiimmoo yeroo gabaabaadhaaf akka kennamu ni ibsa.
Akkaataa namoonni leenjii kanaaf itti filatamniin walqabatee, “miseensonni Gaachana Sirnaa jiraattota gandichaatin filatamu” jedha. Namni tokko miseensa Gaachana Sirnaa ta’uudhaaf, yoo xiqqaate waggaa lamaaf jiraataa ganda sanii ta’uu fi umrii 18 hanga 56 ta’uu akka ulaagaatti kaa’a.
Miseensonni Gaachana Sirnaa kunneen miidhaa bulchiinsaa isaanirra gahu yoo jiraate iyyatanii murtee barbaachisu argachuuf mirga qabaachuus eera. Kana malees, miseensota hojii idilee qabaniif eeyyamni boqonnaa akka kennamuuf ni ibsa.
Haa ta’u malee, biyya Ameerikaa Koolleejjii Albiyoonitti gargaaraa piroofeesara kan ta’an Milkeessaa Miidhagaan dhimma kana irratti turii kanaan dura Addis Standard waliin taasisaniin, Gaachanni Sirnaa “leenjii waraanaa dirqamaati” jedhan.
“Sababni isaas hawaasni hidhatee sirnicha akka tiksu dirqisiisa. Haa ta’u malee, namootaaf dirqamaan leenjii waraanaa kennuu fi paartii biyya bulchu tiksuun seera maleessa,” jedhan.
Lammiileen miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii ta’uuf mirga akka qaban heerri biyyattii akka labsu kan eeran Milkeessaan, “haalota muraasaan alatti, leenjiin kan raawwatmu fedhiidhaan qofa ta’uu qaba. Eeyyama isaanii malee leenjii waraanaaf filatamuu hin qaban,” jedhan.
Haa ta’u malee, taateen godina Horro Guduruu Wallaggaa keessatti deemaa jiru faalaa kanaati.
Abune Dajanee (maqaan kan jijjiirmae) barsiistuu aanaa Haroo Bulluq gonda Haroo keessa jiraatu yoo taatu, namoota Gaachana Sirnaatiin walqabatee taateen naasisaan isaan qunname keessa tokko ta’uu himti.
Af-gaaffii Addis Standard waliin taasisteen, Adooleessa 23, 2024 aanga’oonni naannichaa jiraattota ganda Haroo Aagaa waliin walgahii gaggeessuu himte.
“Walgahii sanarratti qonnaan bultoota sababa ijaarsa piroojektii anniisa qilleensaa Amartii-Naasheetiin qe’ee isaanirraa buqqa’aniif beenyaan akka kaffalamu dubbatan. Nutis beenyaa sana arganna jennee eegaa turre. Haa ta’u malee, ajandaan marichaa leenjii milishaatiif dargaggoo filachuu malee kana akka hin turre hubanne,” jette.
Walgahii kana booda ilmi ishee umrii 24 ta’e dirqamaan fudhatamee garaa magaalaa Shaambuu akka geeffame barsiiftuun kuni himteetti. “Ilmi koo aanaa Abbayyaa Commanitti ramadamee argama.”
Filachuuf dirqamuu
Jiraattoonni godina Horro Guduruu Wallaggaa leenjii kana fudhachuu didan hidhaan akka isaan eeggatuufi kanneen biroo ammoo dirqamaan gara magaala Shaambuu geeffamuun fedhii isaanii malee leenjifamaa jiraachuu ogeessa fi qorataan mirga namoomaa Addis Standard dubbise himeera.
Qorataan kun itti dabaluun, leenjiin Gaachana Sirnaa qonnaan bultoota godina Horro Guduruu Wallaggaa hundaaf dirqama taasifamuu ibseera. “Qonnaan bultoonni leenjii kana didan xaa’oo, qoricha farra aramaa fi tajaajilawwan bu’uuraa biroo ni dhorkamu,” jedhe.
Qonnaan bultoonni meeshaalee qonnaa kan akka xaa’oo fi sanyii filatamaa dhabuu fi leenjii Gaachana Sirnaa fudhachuu keessaa tokko akka filatan anga’oonni dirqisiisaa jiraachuu himatu.
Jiraataan haala kanaan miidhame keessaa tokko Iddoosaa Tarfaasaati. Iddoosaan (maqaan kan jijjiirame) qonnaan bulaa aanaa Habaaboo Guduruu keessa jiraatu yoo ta’u, “waqtii baranaa kanatti facaasuuf lafa heektaara 23 qopheesseen ture. Haa ta’u malee, xaa’oofi sanyii filatamaa bitachuuf yeroo yaaletti, tajaajila akkasii argachuuf leenjii Gaachana Sirnaa fudhachuu akkan qabu aanga’oonni biiroo qonnaa aanichaa natti himan,” jedhe.
Maatii namoota 13 kan bulchu Iddoosaan leenjii kana fudhachuuf dirqamuu hima. “Leenjii torban lamaa booda Istaadiyoomii Shaambuutti eebbifame,” jedhe.
Taateen qonnaan bultoota akka Dachaasaa fi Iddoosaa jiran mudate kun leenjii Gaachana Sirnaa erga xumuranii booda kan dhaabbatu miti.
Akka Iddoosaan jedhutti, ergasii loltoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) naannicha keessa socho’an, kan mootummaan “Shanee” jedhee waamu, halkan halkan mana qonnaan bultoota leenjii kana fudhan cabsuun doorsisa ni gaggeessu.
“Miseensonni garee hidhattootaa kunneen namoota leenjii kana fudhatan ukkaamsuun maallaqa gaafatu,” jechuun ibsan.
Abukaatoon mirga namoomaa Addis Standard dubbisees dhimma kana mirkaneesseera.
“Baatilee lamaan darbanitti godina Horro Guduruu Wallaggaa keessumaa aanaalee Habaaboo Guduruu, Comman Guduruu fi Haroo Bulluq keessatti hidhattoonni namoota leenjii milishaa fudhatan butuu heddumminaan dhagahamaa tureera,” jedhe.
Dhiyeenya kana ganda Baaroo keessatti qonnaan bultoonni saddeet hidhattootaan butamuufi gadhiisuuf maallaqa birrii 800,000 gaafatamuu abukaatoon kun eereera.
Barsiiftuun aanaa Haroo Bulluuq keessa jiraattu, aanichatti taatee dirqamaan leenjii waraanaaf filachuu fi gocha hidhattoonni sana hordofee raawwachaa jiraniin walqabatee sarbiinsa mirga namoomaa biroo uumamuu danda’a sodaa jedhu akka qabdu ibsiteetti.
“Leenjii dirqiin taasifamu kuni hedduun keenya fuulduratti maaltu akka nu qunnamuuf jiru irratti sodaa fi dhiphinaaf saaxilamaa jirra,” jette.
Gabaasaalee sarbiinsa mirga namoomaa fi lola naannoo Oromiyaa keessatti itti fufee jiru yaaddoo barsiiftuu kanaaf ragaa tahu.
Waajjirri qonnaa aanichaa qonna kootiif meeshaalee barbaachisoo ta’an argachuuf dirqama leenjii milishaa fudhachuun akka na barbaachisu natti himan.”
Qonnaan bulaa aanaa Guduruu keessa jiraatu
Ji’oota lama dura, Addis Standard waraana humnoota mootummaa fi hidhattoota giduutti gaggeeffamaa jiruun miidhaa jiraattoota lixa Oromiyaarra gahe ilaalchisee xiinxala gadi fagoo maxxansee ture.
Haleellaa hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan kan naannoo Amaaraa irraa dhufaniin raawwatamuun qe’ee irraa buqqaafamuu, tajaajilli fayyaafi barnootaa jeeqamuu fi yaaddoo nageenyaa uumeera.
Waraanni hidhattootaa fi humnoota mootummaa gidduu naannichatti gaggeffamu aanaalee heduu keessatti itti fufee waan jiruuf qonnaan bultoonni rakkoo hammaataa keessatti argamu. Lixa Oromiyaatti qonnaan bultoonni kunneen hojii qonnaa idilee raawwachuu dadhabuu dubbatu.
Abukaatoon mirga namoomaa Addis Standard dubbise tibbana gara godina Harargee Bahaa imaluu eeruun, taateen dirqamaan namoota leenjii waraanaaf fudhachuu lixa Oromiyaatti mul’ate kutaalee Oromiyaa birootti baay’inaan kan hin mul’anne ta’uu himeera.
“Naannolee biroo, keessumaa magaalotaatti dargaggoonni fedhiidhaan leenjii milishaatti hirmaatu. Sababiin isaas jiraattonni naannoo kanneenii hidhattoonni akka WBO naannichatti waan hin sochooneef sodaa doorsisaa, sarbiinsa mirgaa fi butamuu hin qaban,” jedhe.
Haata’u malee, maqaa Gaachana Sirnaatin godina Horroo Guduruu Wallaggatti sarbiinsi mirga namoomaa ulfaataan raawwatamaa jiraachuu himeera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo bulchiinsa gaarii jiru akka furuu fi mirga qonnaan bultoota dirqiidhaan leenjifamaniifi meeshaalee deeggarsa qonnaa dhorkaman kanneen akka kabajuu, akkasumas “hidhattoonni [WBO] namoota leenjii milishaa fudhatan butuu akka dhaabu” gaafateera. AS