DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Namoonni sababa kirkira lafaatiin naannoo Affaarii buqqa’an gaaga’ama namoomaaf saaxilaman

Yisaaq Indirisiin @Yishak_Endris

Finfinnee, Amajjii 16, 2025 – Jiraattonni naannoo Affaar sababa kirkira lafaatiin qe’ee isaanirraa buqqa’an dhiyeessii bishaanii fi nyaata gahaa malee gaaga’ama namoomaaf saaxilamuu Addis Standard’tti himan.

Jiraataa aanaa Dullachaa ganda Sagantoo kan ture Fakiir Ahmad jedhamu afgaaffi Addis Standard waliin taasiseen sababa kirkira lafaatiin qe’eesaa gadhiisee baqachuun mooraa baqattootaa aanaa Amibeeraatti argamu Daayidoo jedhamutti dheessuu himeera.

“Ani kiiloo meetira 67 miilaan imaleen as gahe. Namoonni biroo hedduus hanga 25km miilaan imalanii dhufan,” Fakiir jedheera.

Faakiir maatii, haadha manaafi ijoolleessaa afur waliin guyyaa kudha lama dura gara mooraa kanaa dhufuu hima. “Manaafi qabeenya keenya dhiifnee harka duwwaa dhufne,” jedheera.

Mootummaafi dhaabbilee miti-mootummaa irraa gargaarsa argachuu himuun gargaarsi kennamu garuu namoota buqqa’aniin kan wal hin madaalle waan ta’eef gahaa akka hin taane ibseera.

“Lakkoofsi namootaafi gargaarsi kennamaa jiruun wal hin gitu. Gargaarsi nuuf kennamu miidhaan dheedhii qofaadha,” jechuun, “kan biraa hafee zayita nyaata ittiin bilcheeffannu hin qabu. Miidhaaan dheedhiin kuni yeroo dhufuyyuu maatii sadii yookiin afuriif qoqqoodama waan ta’eef hangi nama tokko gahuu baay’ee xiqqaadha,” jechuun Faakiin himeera.  

Rakkoon bishaanii rakkina biraa ta’uu Faakiin ni hima.

“Kanaan dura bishaan konkolaataadhaan nuuf dhufu fayyadamna ture. Amma garuu addaan waan citeef bishaan lagaa fayyadamaa jirra. kunimmoo weerarri dhibee ni ka’a sodaan jedhu uumeera,” Faakiin jedheera.

Hir’ina bishaaniitiin alatti rakkoon dahoo jiraachuu Faakiin himeera.

“Dahoon rakkoo ijoo biraati. Iddoon kuni gammoojjii waan ta’eef namoonni hedduu sharaa uwwifamu gahaa hin arganne. Maanguddoonniifi namoonni saaxilamoon biroo jiru. Isaaniis namoota dahoo hin qabnee waliin akka jiraatan dirqamaniiru,” jedheera.

(Suuraa: Maddeen Addis Standard)

Jiraataaan biraa maqaansaa akka hin eeramne gaafate kan aanaa Dullachaa ganda Sagantootii ijoollee sadii waliin baqatee yeroo ammaa dahoo Saddii Maazoriyaaa jiraachaa jiraachuu himeera.

Jiraatan kuni qe’eesaatii baqachuuf konkolaataa gatii qaaliidhaan kireeffachuu himuun amma garuu harka duwwaatti hafuu eereera. himu

“Torban tokko dura as geenye. Firaasha hin qabu waan ta’eef sidaajaarra ciisuuf dirqamneerra,” jedhe.

Rakkoon hir’ina midhaan nyaataa jiraachuu baqataan kuni himeera. Gargaarsi miidhaanii kennamaa jiru gahaa miti jedheera.

“Daakuu 50kg arganneeerra. Haa ta’u malee, maatii koof gahaa miti. Namoonni tokko tokko gargaarsa homaa hin argatin mooraa kana keessa ni jiru,” dabalee jedheera.

Ogeessi fayyaa mooraa Saddii Maazoriyaa keessa hojjatu Addis Standard’tti akka himetti, weerarri dhibee akka hin kaaneef tarkaanfiileen fudhatamaa jiraachuu hima.

“Rakkoo fayyaa mudachuuf malu ittisuuf qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophiin taasifamaa jira,’ ogeessa fayyaa kanatu jedhe.

Kirkirri naannoon Affaariifi Oromiyaatti mudatee keessumaa aanaalee Affaar Awaashiifi Dullachaa keessatti irra deddeebiin mudateera.

Torbanoota muraasa darban keessa kirkirri lafaa si’a 50 naannichatti mudateera. Isaan keessaa inni Amajjii 04, 2025 mudate humna guddaa Riiktar Iskeelii 5.8 gadi fageenya 10km qabu naannawa gaara Doofanitti mudate hanga Finfinneetti dhagahameera.

Sababa kirkira kanaan manneen 30 ol diigamuun jiraattonni hedduu qe’eesaanii dhiisanii akka dheessan dirqamuu jiraattonni naannoo Affaar Awaash Fantaallee himaniiru.

Sababa kanaan namoonni 58,000 ol ta’an qe’eerraa buqqaafamuun mooraa baqattootaatti akka galan taasiseera.

Horsiisee bultoota Awaash Fantaallee naannawa hidha Qasamitti dhiyeenyatti argamana sababa kirkira lafaatiin qe’eesaanii dhiisanii akka baqatan taasifamuu aanga’oonni mootummaa himaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa baaaseen namoonni gargaarsa barbaadan maatii 6,780 gahuu ibseera. Maatiileen 2,250 ta’an gargaarsa namoomaa malee jiraachuu ibsameera.

Suuraa: Maddeen Addis Standard)

Balaa kanaan namoonni lama madaa’uu UNHCR eeruun qabeenyi akka mana, daandii, buufata fayyaafi maneen barnootaa barbadaa’eera jedhe.

Komishiniin bulchiinsa balaa tasaa Itoophiyaa konkolaataa gargaarsa fe’e 16 gara iddoolee sanaatti erguu OCHAn himeera. “Sangantaan Nyaata Addunyaa Mul’ata Addunyaa Itoophiyaa waliin ta’uun gargaarsa biraa ni taasisa jedhamee eeggama,” jedheera.

Qindeessaa gargaarsa namoomaa kan ta’e Ahmad Ibraahim mootummaa naannichaa namoota buqqaafamaniif gargaarsa namoomaa midhaan nyaataa, bishaaniifi dahoofi uffata raabsaa ture. Kana malees, raayyaan itisa biyyaa nageenya hawaasichaa tiksaa jiraachuu eerameera.

Buqqaatota 58,000 ol ta’an keessa namoonni 4,000 ta’an hojjattoota Warshaa Sukkaaraa Kasamiiti. Hasan Kaamiil jiraataa naannawa warshichaa kan ture baqachuu mooraa Daayidootti galuu hima.

Hasan niitiisaa lamaafi ijoollee shan waliin guyyaa kudhan dura konkolaataa mootummaatiin gara moorichaa geeffamuu hima.

“Mootummaan gargaarsa taasisuu yaalaa jira. Garuu gahaa miti. Bishaaniifi midhaaan nyaataa nu barbaachisa. Rakkoon jiru hedduudha,” jedheera.

Kirkirri tibbana mudate warshaa Sukkkaara Kasam kan aanaa Duleesaatti argamutti badii qaqqabsiiuu gabaafameera.

Hoji-gaggeessaan warshichaa Alii Huseen warshichi, ”badii murtaa’e dandamachuu” eeruun gamoo humna raabsu kufuu, lafti qonna sukkaaraa baqauufi maneen jireenyaafi kuusaa barbadaa’uu himeera.

Haa ta’u malee, “hidhaan Kasam kirkira lafaa hanga Riiktar Iskeelii torbaa dandamachuu akka danda’u” eeruun naannichatti “sigigni lafaa mudate akka hin jirre” aanga’oonni mootummaa ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button