ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Yaayyaa Gullalleetti gocha reebichaa Abbaa Seeraa irratti raawwatame qoratamaa jira: Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Finfinnee, Amajjii 22/2025 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti gocha reebichaa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee Obbo Jiinenus Nagaasaa irra gahe dhiheenyaan hordofaa akka jiru Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa beeksise.

Manni murtichi taatee kana ilaalchisee ibsa baaseen, abbaan seeraa kun reebamuu isaanii erga mirkaneeffatee booda qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu waliin sadarkaa naannootti mar’atamaa kan turee ta’uu ibseera. 

Gocha raawwatame waliin walqabatees qorannoon akka gaggeeffamu godinichaaf qajeelfamni darbee qorannoon gaggeeffamaa kan jiru ta’uufi qoranichi yammuu xumuramu akka ifoomsu beeksiseera.

Aanaa Yaayyaa Gullalleetti abbootii seeraa irratti reebicha fi doorsisni qaamolee nageenya mootummaatiin gahuu hordofee Manni Murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee tajaajila dhaabuu BBC’n pirezidaantiin mana murtii aanichaa wabeeffachuun gabaaseera.

Abbootiin seeraa reebicha fi doorsisni irra gahe Jiinenus Nagaasaa fi Qananiisaa Kabbaboo kan jedhaman yoo ta’u, keessummaa Jiinenus gara kaampii ‘Humna Fincilaa’ jedhamu fudhatamanii miidhaan qaamaa irra gahuu BBC’tti himan. 

“Achitti nama ja’a ta’anii hamma danda’an lafatti kuffisanii qaamakoo hunda dhidhiitan. Qabattoo gara sibiilaatiin fuulakoo na garafaa turan,” jedhan.

Obbo Qananiisaan ammoo dhimma hiriyaa isaanii to’ataman ilaalchisee qaamolee to’atanii fi ajajoota isaanii faana dubbachuu hordofee sa’aatii muraasa booda isaanis to’atamanii sababa bulchaan aanichaa gidduu seenaniif reebamuurraa ooluu himan.

Ergasii abbootiin seeraa lamaanuu aanicha gadhiisanii bahuu hordofee, manni murtii aanaa Yaayyaa Gullallee durumaa sababa rakkoo nageenyaan abbootii seeraa lama qofaan tajaajila kennaa ture tajaajila dhaabuu pirezidaantiin mana murtii aanichaa Obbo Zannabaa Nagaash himaniiru.

Gochi amma abbootii seeraa lamaan irratti raawwatame mirga abbootii seeraa kan sarbee ta’uu kan himan Obbo Zannabaan, “qaamolee godinaa waliin rakkoo gahe kanarratti mari’atamaa jira. Warri yakka kana raawwate to’atamee olaantummaan seeraa mirkanaa’uu qaba” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button